KALLATTIIN, Dooniwwan waraanaa Iraan cufaa UStti yoo dhiyaatan ni barbadeeffamu- Tiraamp

Pirezidant Doonaald Tiraamp Humni Galaanaa US dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz seenuufi ba’uu Yaalan kamiyyu ni dhorku jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra gahuu kan hanqatan sababa Niikuleeraa ta'u hime

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Humni waraana galaanarraa US ulaa buufata doonii Iraanitti baasuufi galchu cufuu booda Tiraamp ibsa Waayit Haawusirraa kenneen Iraan akka badaatti marii nagaarratti hirmaatte jedhe.

    ''Ammaan tana waraanni hin jiru. Amma ulaa isaanii cufneerra. Hojii daldaa hojjetaa hin jiran'' jedhe.

    Cufaan kun akka itti fufu salphaatti hojjenna jedhe.

    Waayee marii nagaa wayita dubbatu ejjennoo badaan marii gaggeessuu barbaadan'' jedhe.

    Iraan ''meeshaa waraanaa niikuleeraa hin qabaattu'' jechuun marii nagaa keessatti dhimmi ijoon isa akka ture kaase.

    ''Wantoota hedduurratti waltaaneerra, isarratti garuu isaan tole hin jenne''

    Ammoo dhumarratti warri Iraan waliigaluun isaanii hin oolu jedhe.

    Yoo waliigaluu baatan waliigalteen hin jiraatu jechuun hanga Iraan dhimma Niikuleeraan yaada US hin fudhannetti mariin nagaa goolabamu akka hin jirre hime.

  2. Dooniwwan waraanaa Iraan uggura UStti yoo dhiyaatan ni barbadeeffamu- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp dooniiwwan waraanaa Iraan humna US ulaa cufutti yoo siiqan ni barbaadeeffamu jedhe.

    Yaada Truth Social gubbaa qoodeen dooniiwwan waraanaa Iraan 158 ta'an barbadeeffamanii galaana jala ciisuu jedheera.

    ''Wanti nuti osoo hin rukutiin jirru isa isaan “fast attack ships,” jedhaniin. Sababnisaas balaa guddaa geessisu jennee ija ahin yaadneefi'' jedhe.

    ''Dooniiwwan kunniin keessaa kamuu danqaa nuti tolchinutti yoo dhiyaate, atattamaan dhabamsiifama, tooftaa warra qoricha sammuu adoochu daldalu ittiin dhabamsiisnu fayyadamna.''

  3. Dooniiwwan US xiyyaarota waraanaa baatan lama qarqara Galoo Galaana Omaaniittti mul'atan

    Sochii humna galaanaa US

    Gareen 'BBC Verify' suurota saatelaayitii isa qaqqabanirraa US Ulaa Hormuuz danquuf meeshaalee waraana galaanarraa fayyadamuuf deemtu adda baafateera.

    Dooniin waraanaa USS Abrahaam Liinkan jedhamu Galoo Galaanaa Omaan qarqara galaanaa Iraanirraa fageenya 200km irra argama.

    Dooniin hidhannoo waraana Niikuleeraa qabu hanga kana Iraanitti siiqee mul'atee hin beeku.

    Dooniiwwan waraanaa misaayeloota barbadeessan biroon lama fageenya guddoo hin taanerraa ni mul'atu.

    Lamaan kun Liinkoon waliin dula kanaaf qophaa'uufi dhiisuun ammatti adda hin baane.

  4. Turkiin Israa'el Iraan booda '' Turkii irratti xiyyeeffachuu'' akka barbaaddu himatte

    Ministira Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan.

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan.

    Israa'el walitti bu'iinsa malee jiraachuu hin dandeessu' Iraanin booda '' Turkii diina haaraa ''gochuu barbaaddi jechuun Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakaan Fidaan himan.

    Hakan Fidan ibsa kana keessatti Israa’el diina haaraa barbaaduu akka dandeessu fi itti aansee Turkii irratti xiyyeeffachuu akka dandeessu akeekkachiisan.

    Yaadni kun kan dhaga'ame erga Recep Tayyip Erdogan qeeqa Israa’el irratti qaban ibsanii fi biyyoota lamaan gidduutti wal gaarreffanaan cimaa dhufeen booda ta'uu Agence Firansi Pirees gabaaseera.

    MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministirri Ittisaa Israa’el Katz kanaan dura Pirezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan dhukaasa dhaabuu Waashingitan fi Tehran gidduu jiru ilaalchisee ibsa kennan irratti cimsanii qeequun isaanii ni yaadatama.

    Fidaan, "Israa'el walitti bu'iinsa malee jiraachuu hin dandeessu, mootummaa Netaaniyaahuu qofa osoo hin taane miseensonni mormitootaa tokko tokkollee Turkii akka diina haaraatti ramaduuf yaalaa akka jiran ni argina" jedhan.

    Iraan booda Israa'el xiyyeeffannoo ishee gara Turkiitti deebisuu dandeessi jechuunis himateera .

    Netaaniyaahuun toorai X irratti "Israa'el hoggansa koo jalatti sirna shororkeessummaa Iraan fi bakka bu'oota isaa lolu itti fufti, Erdogaan isaan dahoo godhachuun lammiilee isaa Kurdoota irratti ajjeechaa raawwate'' jechuun ibsee ture.

    Sana booda Katz Erdogaan kan dhukaasa misaa'ela Iraan irraa itti dhukaafameef deebii hin kennine maal akka agarsiisu ifa jechuun ibseera.

  5. US ulaa Hoormuz cufuun akkamitti Chaayinaa irratti dhiibbaa cimaa uuma?

    Shii Jiin Piingi

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Shii Jiin Piingi

    Humni galaanaa Ameerikaa ulaa Hormuuz akka cufu Doonaald Tiraamp ajaja dabarsuu hordofee mootummaan Chaayinaa haalota hammeessurraa gama hundaan of qusachuu fi tasgabbiin akka barbaachisu gaafateera.

    Beejiing waraanni kun akka xumuramu kan barbaaddu boba'aa Iraan waan barbaadduuf qofa miti.

    Iraan Chaayinaaf boba'aa gara dhibbeentaa 13 qofa dhiyeessiti. Yoo barbaachise Beejiing dhiyeessii kanaaf bakka biraa deemuu dandeessi.

    Garuu dhimmi guddaan ulaa Hormuz dha. Daandiin doonii dhiphaan kun boba’aa fi gaazii biyyoota Galoo Galaanaa kanneen akka Sa’uudii Arabiyaa, UAE fi Iraan irraa dhufuuf murteessaadha.

    Dooniiwwan sababa waraanaa kanaaf nagaan darbuu yoo dadhaban dhiyeessiin anniisaa addunyaa addaan cituu danda'a.

    Baha Giddu Galeessaanis daldala Chaayinaatif caalaatti barbaachisaa ta'eera. Yeroo waldhabdee daldalaa Ameerikaa waliin qabdu Chaayinaan biyyoota Baha Giddugaleessaa waliin daldala ishee dabalteetti. Bara 2025tti Chaayinaan waan gara Baha Giddugaleessaatti ergitu kan addunyaa gara biraatti ergitu caalaa dachaa lamaan guddifteerti.

    Tasgabbii dhabuun naannichaa ammoo daldala kana miidhuu fi dinagdee Chaayinaa laaffisuu danda'a.

    Kanaaf Chaayinaanis ta'e pirezidaanti Shii jiinpiingi Ameerikaan daandii galaanaa barbaachisaa akkasii akka to’attu hin barbaaddu.

    Kunis Beejiing tarkaanfii dabalataa fudhachuuf akka yaaddu dhiibbaa gochuu mala. Haa ta'u malee, Chaayinaan yeroo baayyee walitti bu'iinsa biyyoota biroo keessatti hirmaachuu irraa of qusatti. Yeroo dheeraaf imaammata gidduu seenummaa hin qabne kan hordoftu yoo ta'u hanga yoonatti Chaayinaan Iraan deeggaruuf fedhii hin agarsiifne

  6. Israa’el Ameerikaan Hormuuz cufuu ni deeggarti- Netaaniyaahuu

    MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu

    MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Israa’el humna galaanaa Ameerikaan ulaa hormuuz cufuu ni deeggarti jedhan.

    Netaaniyaahuunl haasaawa gama viidiyoon kaabinee isaaniif taasisaniin, "Pireezidanti Tiraamp humni galaanaa US ulaa Hoormuz akka cufu murteessaniiru. Nutis ejjennoo cimaa kana ni deggerra."

    Akkasumas, marii Iraan waliin taasifamee fi waligaltee malee xumurame booda, Dilbata darbe pirezidaantii itti aanaa Ameerikaa JD Vaansi waliin akka dubbatan ibsan.

    Vaans Netaaniyaahuutti akka himanitti "dhimmi marii meeshalee Nikuleraa gabbisan hunda buqqisuu fi kana booda akka deebi'anii hin gabbisne mirkaneessuudha" jechuun himan.

    MM Israa'el kun itti dabaluudhaan yaadni Ameerikaa fi Israa’el gidduutti waldhabdeen akka jirutti odeeffamu kamiyyuu ''dhugaa jiru irraa guutummaatti faallaadha'' jedhan.

    Netaaniyaahuun Dilbata kaleessaa duulli Israa'el Iraan irratti geggeessitu ''ammaayyu hin xumuramne'' jedhanii ture.

    Netaaniyaahuun sagantaa niwukilaraa Iraan dhabamsiisuu dabalatee ''injifannoowwan'' duula waraanaa Israa'el keessatti galmaa'an jedhan hedduus tarreessan ''milkaa'oonni kun ammallee hin xumuramne.

    Ammallee Iraan keessatti meeshaan Nikuleraa gabbifamaa jira. Akkuma Pirezidaanti Tiraamp jedhan buqqa'uu qaba. Yookaan waliigalteedhaan ni buqqa'a, yookaan karaa biraatiin buqqifna" jedhan.

  7. Chaayinaan Iraaniif meeshaa waraanaa dhiyeessiteettii?

    -

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa gabaasa Chaayinaan meeshaa waraanaa Iraaniif dhiyissite jedhu irratti deebii kenniteen ''himannaa bu'uura hin qabnee'' jechuun ibseera.

    Guyyoota darban keessa miidiyaaleen Ameerikaa maddoota basaasaa wabeeffachuun dhimma kanarratti gabaasa maxxansaa turan.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Guho Jiyaqin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Chaayinaan yeroo hunda meeshaa waraanaa erguuf mala ''ittigaafatamummaa'' fi ''of eeggannoo'' ta'e fudhatti jedhan.

    Chaayinaan biyyoota waraanni itti gaggeefamaa jiruutti meeshaa waraanaa akka hin gurgurre irra deddeebitee ibsiteettis jedhan

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaas kun biyyootni kunneen waraanarraa akka ''of qusatan'' kan gaafate yoo ta'u, dhukaasni dhaabuun Iraan fi Ameerikaa gidduutti ''dhaabbiiin akka itti'' fufu abdii qaban ibsaniiru.

    Dilbata Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Beejiing Iraaniif meeshaa waraanaa kan dhiyeessitu yoo ta'e Ameerikaa waliin rakkoo cimaa keessa akka seentu akeekkachiisuu gabaasni CNN maddoota basaasaa dhimmicha itti dhiheenyan beekan sadii wabeeffachuun akka gabaase 'The Economic Times' gabaaseera.

    “Chaayinaan akkas yoo goote rakkoo guddaan isaan mudata,” jedhan Tiraamp.

  8. Ameerikaan Ulaa Hormuuz nan cufa jechuun ishee maal jechuudha?

    Hulaa Hormuz har'a cufuu akka jalqabdu Ameerikaan ibsite

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hulaa Hormuz har'a cufuu akka jalqabdu Ameerikaan ibsite

    Erga mariin Iraanii fi Ameerikaa waliigaltee malee hafee as Tiraamp Ameerikaan dooniiwwan hundaa Ulaa Hoormuz seenanii fi bahan ni dhorkiti jedhan.

    Gidduugalli Ajajaa Ameerikaa [Centcom] humni isaa dooniiwwan hundaa buufataalee doonii Iraan seenanii fi bahan, akkasumas warra Omaan seenan ni dhorka jedhan.

    Haatahu malee, dooniiwwan buufataalee doonii Iraaniin ala socho'an hin danqu jedhe.

    Tiraamp miiidyaa hawwaasaa isaa 'Truth Social' jedhamu irratti har'a sa'a 11 irraa jalqabee dooniiwwan kamiyyuu akka buufata Iraan seenanii hin baane dhorkuu jalqabu jedhe.

  9. Mariin US-Iraan akkamiin jalqabee akkamiin xumurame?

    Jila marii US-Iraaniif Islaamabad deeme

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jila marii US-Iraaniif Islaamabad deeme

    Mariin Ameerikaa-Iraan sa'a dheeraaf Paakistaanitti gaggeeffame gabaabinaan yoo ibsamu kana fakkaata.

    Jimaata: Mariin US-Iraan gaggeeffamu isaa irratti shakkiin ture.

    Guyyaa itti aanu, gareen biyyoota lameenii qofaa qofaatti bakka bu'oota Paakistaan waliin mari'atan.

    Sanaan booda bakka bu'oonni US fi Iraan taa'uun fuulaa fuulatti waliin mari'atan.

    Garuu marii sa'a 21 booda osoo waliigalteerra hin gahiin adda bahan.

    Dubbii himaan Min. Dhimma Alaa Iraan, marichi ''ho'aadha'' jedhee Ameerikaan ''fedhii daangaa hin qabnee fi seeraan ala irraa duubatti deebuu qabdi'' jedhe.

    Itti Aanaan Pirezidaantii US, JD Vaansi Ameerikaan qabxiilee Iraaniif sarara diimaadha jette lafa keesseetti jedhe.

    Iraan garuu hin fudhanne jedhe. Vaansii fi gareen isaa Paakistaanii bahanii gara UStti deebi'an.

    Ergasii humni galaanarraa US hulaa Hoormuz akka cufu ajajan.

    Kun har'a hojiirra ooluu jalqaba jedhamee eegama.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  10. US hulaa Hoormuz cufuun Iraan akka boba'aa ishee hin gurguranne danqe

    xiinxalaan humna ittisaa Jastin Kiraamp.
    Ibsa waa'ee suuraa, xiinxalaan humna ittisaa Jastin Kiraamp.

    Doonaald Tiraamp hulaa galaana Hoormuz cufsiisuun waliigalteerra gahuu dhabuu isaaniitti ''baay'ee aaruu agarsiisa'' jedhe xiinxalaan humna ittisaa Jastin Kiraamp.

    Sagantaa 'BBC Breakfast' wixinichi Iraan akka boba'aa ishee maamiloota ishee akka Chaayinaa, fa'aatti hin gurguranne godha jedhe.

    Kun ammoo Iraan irra dhiibbaa guddaa kaa'a jedhe. Iraanii fi Ameerikaan natu mo'ate jechuun inni tokko isa kaaniin gadi qabuuf jecha dhama'aa akka jiran kan hime xiinxalaan kun kun ammoo ''muddamaa fi jeequmsa guddaa'' naannichatti fida jedhe.

    ''Yoo waliigalteerra gahuu baataniyyuu marii torban darbee irraa waan gaariin fudhatamus jira'' jedhe.

    ''Waanuma gaarii mari'ataa turan. Osoo akkas miti tahee silaa yeroo gabaabduu keessatti adda bahu ture'' kan jedhe xiinxalaan kun JD Vaansis marii sa'a 22 olii akka gaggeessan himeera.

  11. Tiraamp sababa Iraaniin Paaphaasii Liwoo itti dheekkaman

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Donaald Tiraamp sababa Iraaniin walqabatee Phaphaasii Kaatolikiitti dheekkaman.

    Phaaphaasiin Liwoo XIV kana dura doorsisa Tiraamp Iraanirratti dhageessisan balaaleeffatanii turan.

    Barreeffama dheeraa miidiyaa hawaasummaa Truth Social irratti barreessaniin Phaaphasiin Kaatolikii ''hariiroo alaarratti'' hubannoo hin qaban jedhan Tiraamp.

    ''Phaaphaasii Iraan meeshaa Niwukilaraa yoo qabaattee rakkoo hin qabu [jedhan] hin fedhu,'' jedhan.

    Komii garagaraa erga dhiheessan booda Phaaphasiin Liwoo ''Yakka, Meeshaa Niwukilaraa irratti dadhabaadha,'' jedhan.

    Iraan waraana dhaabuuf yoo waliigalte malee ''qaroomni hundi halkan tokkoon manca'a'' jechuun isa Tiraamp dubbatan Paphaasiin Liwoo qeeqaniiru.

    ''Fudhatama kan hin qabne,'' jechuunis dubbatanii turan.

  12. Iraan 'doorsisa kamiifu harka hin kennu' jette

    Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchi

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraan akeekkachiisa Iraaniif harka hin kennu jetteetti

    Erga Ameerikaan Ulaa Hormuz nan uggura jette booda deebiin garagaraa Iraaniiti dhagahameera.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchi US fi Iraan Paakistaanitti waliigalteera gahuuf 'dhihaatanii' turan jedhan.

    Garuu, gama US dhimmoota irratti waliigalamu 'jijjiiran' jechuun dubbatan.

    Af yaa'iin parlaamaa Iraan Mohaammad Baagher Galibaaf isa Ameerikaan Ulaa Hormuuz nan cufa jette miidiyaa hawaasummaa X irratti barreessaniin itti qoosaniiru.

    Gabaasa kana dura miidiyaaleen Iraan baasan irratti aangawaan kuni Iraan ''doorsisa [kamiifuu] harka hin kennitu'' jedhaniiru jedhameera.

    Pirezidant Tiraamp ''doonii kamuu'' Ulaa Hormuuz seenuufis ta'e bahuuf yaalu akka hin dabarsine waraana US'f ajaja kennaniiru.

    Humni galaanaa Iraan kanaaf deebii yoo kennu dooniin waraanaa kamuu Ulaa Hormuzitti dhihaatee haleellaan ''cimaa'' akka irratti raawwatu akeekkachiise.

  13. Tiraamp Iraan irratti waraana eegaluuf yaadaa jiru - Gabaasa

    Jeettii waraanaa US

    Madda suuraa, Dalibor Ankovic / DA Photography

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeettii waraanaa US

    Erga mariin US fi Iraan Paakistaanitti gaggeessan waliigaltee malee xumurame booda Tiraamp Iraan irratti haleellaa qilleensaa banuuf yaada akka qaban gabaafame.

    Miidiyaan Wool Istiriit Joornaal aangawoota US maqaan hin ibsamne waabeffachuun akka gabaasetti, Tiraamp Ulaa Homuuz ugguruun alatti Iraan irratti haleellaa qilleensaa eegaluuf yaada qabu.

    Waa'ee gabaasa gaazexaa kanaa kan gaafatame masaraan mootummaa US, Waayit Haawus, filmaati hundi jira jedheera.

    ''Pirezidantichi [isa Iraan doonii dabarsuuf maallaqa gaafatte] xumura itti tolchuuf Ulaan Hormuuz akka ugguramu ajajaniiru akkasumas filmaata kamuu of harkaa qabu.

    ''Namni kamuu waan Pirezidant Tiraamp gochuuf deeman Wool Istiriit Joornaalitti dubbate jedhe tilmaama [isaa/ishee] kaa'aa jira,'' jechuun dubbii himtuun Waayit Haawus Oliviyaa Weels dubbatte.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Wiixataa eegale.

    Ega mariin US fi Iraan waliigaltee malee xumurame booda Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Humni Galaanaa US dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz seenuufi bahan kamuu ni dhorku jedhan.

    Guyyaa har'aallee wantoota ijoo muddama Giddugala Bahaa jiraniifi kaan jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook keenya mil'adhaa.

    Nagaan oolaa!

  15. Ulaan Hormuuz kan Iraan waan hin taaneef cufuu hin dandeessu - Ministira UAE

    Doonii

    Madda suuraa, Reuters

    Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)'n toora galaanaa addunyaaf murteessaa ta'e dooniiwwan boba'aa fi gaazii fe'an keessa darban, Ulaa Hormuuz, "kan Iraan ta'ee waan hin beekneef, cufuus ta'e dhorkuu hin dandeessu" jechuun gaaffii irratti kaaste.

    Ministira Industiriifi hogganaa kampanii boba'aa mootummaa Abu Daabii kan ta'e Sulxaan Amhaed Al Jaaber, miidiyaa hawaasaarratti akkas jedhe: "Kana gochuuf [cufuu] yaaliin taasifamu kamiyyu dhimma naannoo miti, hidda dhiigaa dinagdee addunyaa kutuufi wabii inarjii, nyaataa fi fayyaa biyya kamiifiyyu yaaddaa kallattii itti dhufedha".

    Erga US fi Israa'el Guraandhala Iraan irratti waraana bananiin kaasee, Teehiraan toora galanaa kana fayyadamuu yoo yaalan, dooniiwwanitti "abiddan qabsiisa" jechuun doorsisaa turteetti.

    Kun ammoo dooniiwwan akka hin dabarre gochuun gatiin boba'aafi gaazii addunyaa akka dabalu taasiseera.

    ulxaan Amhaed Al Jaaber itti dabaluun akkas jedhe: " "Haal-duree akkasii kaa'uun seeraan alaa, balaa kan qabuufi fudhatama kan hin qabnedha. Addunyaan salphaatti kana fudhachuu hin dandeessu, hayyamuus hin qabdu."

  16. Dursaan jila Iraan 'doorsisa kamiifiyyu harka hin kenninu' jedhe

    Mohaammad Galibaaf

    Madda suuraa, EPA

    Dubbi-himaa paarlaamaa Iraan kan ta'eefi dursaa jila marii nagaa Iraan fi US Paakistaani keessatti gaggeeffamee, Mohaammad Bagheer Galibaaf, akkuma Iraanitti deebiyeen ibse kenneera.

    Yaada Pirezidaantii Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp kenneef deebii kenneen, “doorsisni akkanaa lammiilee Iraan irratti dhiibbaa akka hin qabne” fi Iraan “doorsisaaf harka hin kennitu” jedhe.

    Akka gabaasa miidiyaaleen Iraan jedhaniitti, Mohaammad Bagheer Galibaaf deebii haasaa Tiraampiif kenneen, “yoo lolaan dhuftan ni lolla, yoo loojikiin fuulduratti dhuftan loojikiidhaan deebii kennina," jedhe.

    "Doorsisaa kamiifiyyuu hin bitamnu. Murtoo keenya irra deebi'anii yoo qoratan barumsa kana caalu isaan barsiisna".

    Dubbiisaa bakka hunda keessatti Mohaammad Galibaaf Tehraan jalqabarraa kaasee “Ameerikaanota hin amannu” jettee akka turtee fi yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti mariirra osoo jiramuu Iraan irratti yeroo lama haleelana raawwatteetti jedhe.

    Waraanni bara kana Bitootessa 28 jalqabee fi waraanni guyyoota 12f bara darbe ji’a Waxabajjii keessa ture lamaan isaaniiyyuu yeroo Iraan fi US sagantaa nukilaraa Iraan yeroo dheeraaf falmisiisaa turerratti mari’achaa turanittidha.

  17. Wantonni Tiraamp maxxanse US irratti rakkoowwan haaraa uumaa jiru

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Garee dippilomaatii pireziudantii Itti-aanaa US JD Vaansiin durfamu waraana Ameerikaan Iraan waliin itti jirtu dhaabuudhaaf yaalanii milkaa'uu dadhabanii booda, Pirezidant Doonaald Tiraamp itti aansee maal akka godhu murteessuun isarra jiraata.

    Dilbata ganama mariin ture waliigaltee malee xumurramuun booda Doonaald Tiraamp miidyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti wal walitti aansuun maxxansaa ture.

    US humna galaanaa ulaa [Ulaa Hormuuz] cufu ramaddi, jechuun barreesse.

    "Qaamni kamiyyu kan kaffalee galaanarra darbu nagaan darbuu hin danda'u."

    Itti dabaluun US dooniiwwan michootashee ta'an karaa Ulaa Hormuuz nagaan akka darbaniif jecha, dhootuu (fanjii) awwaalaman qulqulleessuu itti fufti jedhe.

    Itti dabaluudhaanis waraanni Ameerikaa ''cufamee fi fe'amee'' kan ture yoo ta'u, ''yeroo barbaachisaa ta'etti haleellaa Iraan irratti raawwatu deebisee jalqabuuf qophaa'eera'' jedhan.

    Itti fufuun marii sa’aatii 20f Islaamaabaaditti gaggeeffamaa ture irratti fooyya'insi kan argame yoo ta’u, Iraan gaaffii Ameerikaan hawwii gabbisa nukilaraa ishee akka dhiiftu isheef dhiheessite akka hin guunne dubbate.

    Barreeffamoonni isaa qaroomina Iraan ni balleessina jechuun doorsisa torban darbee of tuulmaan guutee sana kan kan hin qabne ta’us, qormaata haaraa hedduufi balaa biraa Ameerikaatiif fidee dhufeera.

    Oduu biroo kanaan walqabatan:

  18. Humni galaanaa US dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz seenuuf ykn ba’uuf Yaalan kamiyyu ni dhorka -Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Humni Galaanaa US dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz seenuufi ba’uu Yaalan kamiyyu ni dhorku jedhe.

    Toorri galaanaa doooniiwwan dabarsuun murteessaa ta’e kun akka cufamu kan ibse Tiraamp, mariin kallattiin Iraan waliin Islaamaabaaditti taasisan Sababa “fedhii guddaa nukilaraa qabduuf jecha Iraan fedhii dhabuurranidha” jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti barreesse.

    Dursaan jila Iraan ammo marii nagaa dheeraa Islaamaabaad, Paakistaan keessatti rurerratti US Tehiraan irraa amantaa dhabuu hime.

    Oduu biroo kana waliin deeman:

  19. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Oduu karaa tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Mariin US fi Iraan Paakistaanitti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumuramuu,

    Asumaan Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook keenya mil'adhaa.

    Iraan akkamiin waraana isheerratti banameef deebii kennuuf Ulaa Hormuuz gargaaramte

    Waraanni Iraan Itoophiyaa dabalatee Afrikaaf 'balaa hamaa' fidaa jiru maali?

    Kanneen jedhaniifi kan biroo as keessaa argattu.

    DHIYAADHAA!

Trending Now