Somaaleen Itoophiyaanota dabalatee loltoota IS biyyoota biroorraa dhufan lolaa jirti

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Tulluuwwan Al-Miskaad Somaaliyaa keessatti argamutti gareen loltootaa tokko meeshaa elektirooniksii harka isaaniitti qabatanii jiran naannootti walitti qabamanii odeeffannoo dirooniirraa dhufuun sochii loltoota ISlaamik Isteet (IS) hordofu.

Meeshaa qabatanii jiran sanaan namoota hallayyaa (gogeessa) keessa lo'aa jiran arganiiru.

"Hiriyyoota isaatiif bishaan waraabuu deemaa jira," oppereetariin diroonii. Kan biraan ammoo dugda isaatti waanta ta'e tokko baadhatee fiigaa jira," jechuun dubbata.

Namoonni iskiriinii irratti mul'atan 50 hanga 60 kan ta'an hidhattoota IS bakka dhokannaa isaanii hallayyaa dhiyoo jiruuti jedhamee amanama.

Naannoo kana raayyaan ittisaa Puuntilaand kaaba- baha Somaaliyaarraan loltoota 500 ta'an qubachiiseera.

Waggoota kudhaniin dura lafa gammoojjiifi jireenyaaf teessumni lafichaa mijataa hin taane kana keessa horsiise bultoota muraasa qofatu jiraata ture. Haata'u malee, Loltoonni IS Sooriyaa fi Iraaq irraa ari'amanii xiyyeeffannaa isaanii gara Afrikaatti naanneffachuun bakka kana hidhattoota isanii yeroo qubachiisanitti bakki sun jijjiirame.

Ebla bara 2025 Ajajaa Humna Waraanaa Yunaayitid Isteetis Komaandiin Afrikaa (Afriikoom) kan ture Jeneraal Maayikel Laangileey Kongiresii Ameerikaatiif "IS neetiwoorkii isaa idil-addunyaa Somaaliyaarraa to'ata," jechuun dubbatee ture.

Waggoota dhiyootiin as Amerikaan lola Somaaliyaan IS waliin taasistu deeggarteetti. Finciltoota hallayyaawwa Somaaliyaa keessa dhokatanii turan kanneen irra deddeebiin kan halelete yoo ta'u, bara 2025 ministeerri waraanaa Ameerikaa Pentaagoon, qiyyaaffannaawwan IS Somaaliyaa keessa jirurratti haleellaawwan 60 gaggeesseera.

Yeroo ammaa IS "humni isaa Somaaliyaatti haleellaa raawwachuu hir'ateera" waan ta'eef " har'a Puuntilaandiifis ta'e Somaaliyaatiif yaaddoo" jetti Daarektarri Wiirtuu Imaammata Farra-shororkeessummaa Yunivarsiitii Ameerikaa Waashigiteenitti argamuu Tiriisiyaa Beekan.

Haata'u malee, IS Somaalioyaatti argamu ammallee "warra Islaamik Isteet tumsan akka Afgaanistaan fi kaanirraa qabeenya walitti qabuun, deeggarsa gochuu, akkasumas wantota barbaachisan gama mijeessuutiin gahee bahata," jechuun ibsiti.

Kutaa biyyattii kibba-bahaatti kan argamtu gariin ofiin of bulchitu Puuntilaan keessa kan socho'u IS-Somaaliyaan kan hundeeffame Abdulqaadir Muumiin Somaalee jedhamuunidha.

Namni kun kanaan dura Siwiidiniifi Yunaayitid Kingidam (UK) jiraataa kan ture yoo ta'u, lammummaa Biritaaniyaas qaba ture.

Bara 2015 namoota 17 waliin ta'uun amanamummaa IS'f qabu yeroo ibsutti viidiyoorratti mul'atee ture.

Muumiin kanaan dura waggoota digdamaaf mootummaa lolaa kan ture fi amma miseensa lafa bal'aa kiba Somaaliyaa kan to'atu Al- Shabaab ture.

IS-Somaaliyaa Al_Shabaabiin Puuntilaan tulluuwwan Al-Miskaad keessaa baasuun namoota biyyoota gara garaa keessaa fo'aman fiduun suuta suuta IS'f wiirtuu leenjiifi maallaqaa godhe.

Gareen kun magaalaa ulaa galaanaa Bosaasoo irratti dhiibbaa kan uumu yoo ta'u, omishaaleen alaa galan, hormaata looniifi qonnaarraa kaffaltaa dirqamaa guurratuun dolaara miliyoona 2 walitti qabateera jedhama.

Waraanni Puuntilaand bara 2025 jalqabarra IS-Somaaliyaa Bosaasoo keessaa baasuu danda'ulleen, gareen hidhataa kun tulluuwwan naanicha keessa jiran Al-Miskaad keessatti ammallee gandootaafi magaalota xixiqqoo ammallee to'atee jira.

Isaan keessaa tokko Daardaar yoo ta'u, namoota 600 ta'anitu keessa jiraata ture.

Gara mandarattii IS waliin gara jabinaa fi sodaan dhufee seene.

Jiraattonni ganda kanaa akka jedhanitti, gabatee gurraacha dhiyoo jirurratti dhiironniifi dubartoonni ummata keessatti akka walitti hin makamne, dhiironni surree isaanii koronyaa dabarsanii akka hin dheereffanne ykn akkaataa rifeessa itti murtan akka hin miidhagsine danbiiwwan dhorkan barreeffamaniiru.

Dubartoonni ammoo gowaantii/giloovii harkafi koronyaa isaanii dhoksu, akkasumas kaalsiifi ijaaba adda ta'e uffachuu akka qaban ergaan darbeera. Kana malees, muuziqaa dhaga'uun dhorkamaadha.

Godaannisni bulchiinsa gara jabinaa isaanii ammallee guddatee mul'ata.

"Jireenyi baayyee rakkistuu taate," jedha Sa'id Mohaammd Ibiraahim jedha imaamni naannoo sanaa masgiida isaa keessa taa'ee. "Namoonni sodaatanii ture. Tokko tokko ukkaamfamanii fudhatamanii hanga ammaa eessa akka jiran hin beekamu.

Namoonni tokko tokko mandaricha dhiisanii yeroo deeman, inni garuu achuma turaa murteesse. Haata'u malee, IS masgiidicha keessaa akka isa ari'e dubbata.

"Nuti amma imaamadha. Qajeelfama keenya hin hordoftu taanaan, akkasumas masgiidicha ammuma gadhiistee hin baatu taanaan waan siif malu argatta' naan jedhan. Kana jechuun akka morma koo muran ykn akka na butanitti dubbachuu isaanii hubadheera."

Masgiidichattio kanneen tajaajilaman keessaa Mahaad Jamaa tokkodha. Waggaa lama dura intalli obboleettii isaa Shukurii hidhattoota IS'n butamtee ajjeefamte.

"Intala gaari turte, inatla baayyee jaallatamtu turte, haadhashee ni kunuunsiti ture. Musliima amantaashee kan jaallattu turte," jedha aduu saafaa ofirraa ittisuuf shaarbii gurraachaafi aduu mataasaarratti godhatee akkuma jiruun.

Shukuriin yeroo ajjeefamte garaatti baatti ture. Ijoolleeshee lamaa haadha ishee dhukkubsattuu taate dhiistee duute.

Jamaan itti dabaluun "intala obbolleettii kee dhabuun miira sitti uumu tilmaamuu hin dandeessu... sababa maaliif akka ajjeefamtellee hin beekamu. Yeroo oduun du'a dhalaa dhaga'amu fudhachuun tasa waan danda'amu miti," jechuun dubbata.

Shukuriin mucaa Sayid jedhamu umuriin isaa waggaa torbaa qabdi ture. Mucaan xiqqaan dhaga'uu waan hin dandeenyeef bobaa haadha isaa jalaa kan fagaatu darbee darbee qofa ture. Guyyaa IS gara mana isaanii dhufetti ishee waliin ture; kanaaf innis walumaan ajjeefame.

Waraana ji'oota baayyeetiif gaggeeffameen booda, mandarri sun Guraandhala 2025 humna ittisaa Puuntilaandiin to'atame. Ameerikaan ammoo Caamsaa 2024 hidhattoota IS irratti xiyyeeffachuun ajjeestee tumsa gooteetti.

Haata'u malee, IS ammallee naannoo sanaa buufata waraanaa ni qaba.

Loltoonni dahoowwan isaanii tullicharratti argamurra ta'anii IS waliin walitti bu'iinsi ka'uuf kan jedhu yeroo dhaga'an miirri isaanii jijjiiramee meeshaa isaanii qopheeffachuu jalqaban.

Loltuun umuriin ishee waggaa 32 ta'e Munaa Alii Daahir, loltoota dubartoota ta'an naannichatti argaman muraasa keessaa ishee tokkodha.

Waraanawwan kanaan dura gaggeeffaman keessa hirmaatteetti. "Cimnee waraannaa mo'anneerra... sababiin isaa ammoo kun lafa keenyadha," jetti.

Amma garuu namoota sababa waraana kanaan miidhamuu danda'aniif waan ta'u qopheessuuf kaampii keessa turteetti.

Loltuun dargaggeessi tokko loltuu IS booji'e hirree isaa qabatee suura agarsiisu bilnbila isaarraa baasee gaazexeessitoota BBCtti agarsiise. Booji'amaan kun isarra kan dheeratuufi guddaa yoo ta'u, furdaa areeda gurraachaa fi rifeensa dheeraa qaba. Loltuun biraa ammoo booji'amaa kana hirree isaa kan biraa qabeera.

"Kun Hasanidha. Lammii Turkiidha," jedha namni umuriin isaa waggaa 24 Abdiikeer ABdiiriizaa Jamaa.

Wxabajji 2025 dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) gareen Isilaamik Isteet Somaaliyaa keessatti loltoota 800 ta'an qaba jechuun tilmaama isaa kaa'eera.

Isaan keessaa walakka aol kanneen ta'an lammileen biyya alaati.

Waraanni Puuntilaand ji'oota 16 darban miseensota IS dhibbaan lakkaa'aman akka ajjeese ibsuun, suura loltoota garee kanaa lammummaan isaanii Itoophiyaa, Morookoo, Sooriyaa fi biyyoota biroo 50 keessaa dhufan booji'uu agarsiisu ifa godhee ture.

Aanga'oonni Puuntilaand loltoonni booji'aman kunneen mana murtiitti dhiyaatu, akkasumas haalawwan tokko tokkoon ammoo adabiin du'aas kan isaan eeggatu ni jiraata.

Huumaan Raayitis Waach kanaan dura adeemsa haqaa fi warreen miseensa garee hidhataa Islaamik Isteetiidha jedhamanii himataman akkaataa hidhaa keessatti itti qabatamaa jiran ilaalchisuun yaaddoo qabu kaasee ture.

Bara 2022 akka gabaasni dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baase agarsiisutti Somaaliyaan "namoonni gaaffiifi mana hidhaa kessatti argaman mirgi isaanii karaa eegameen" qabamuu isaanii mirkaneessuuf wal tumsuun hojjechaa jirti jedhee ture.

Abdiikaahir Jamaa IS gara naannichaa yoo dhufu ijoollee waggaa 14 ture.

"Akka jiran hin amanun ture. Jalqaba ololaaf qofa natti fakkaata ture" jedha. "Garuu tokko yoon qabu… loltoonni biyya ormaa biyya keenya akka haleelaa jiran naa gale."

BBC'n bakkichaa gaaffiif deebii wayita gochaa ture kaampii sanaa dhukaasi jabaan ni dhagahama ture.

Matarayyasiiwwan gurguddaan fi meeshaaleen gaalawwanitti fe'amanii loltoonni gurmuu gurmuudhaan kaampii bahuun iddoowwan IS irratti haleellaa banuuf imalaa turan.

Ajajaan waraanichaa dirooniin basaasaa takka odeeffannoo walitti qabaa jiraachuu fi kunis eessatti haleellaa raawwachuun akka irra jiraatu murteessuuf akka gargaaru ibse.

Haleellaan moortarii sulula keessaa ni dhagahama, dho'iinsi holqiwwa IS haleelamuu mul'isan gaara gamaa ni dhagahamu. Dhukaasni deebii dukaasa sanaaf ta'e garuu homaa hin dhagahamu.

Sa'aatiiwwan murtaa'an booda miidhaan dhaqqabe hagam aka ta'e madaaluf ammas dirooniin basaasaa garas ergamte. Iskiriinii loltoonni qabatan gubbaatti seensi holqa sanaa abiddaan yoo gubatu mul'ata.

Namni duraan sulula keessa yoo fiigu mul'atu amma hin jiru. Mataa gaara irraa gadi ilaaluudhaan haleellaan sun bu'a qabeessa moo miti ka jedhu beekuun hin danda'amu.

Boodarra humna waraanaa Puuntlaandiin dirooniiwwan Ameerikaa haleellaa raawwachuun hidhattoota holqa keessaa akka rukutan barame. Hidhattoonni meeqa akka haleelaman garuu ifa miti.

Somaaliyaatti lolli IS waliin godhamu hin xumuramamne.

Yunivarsiitii Ameerikaatti kan argamtu Tiriisiyaa Beekan "IS yeroo ammaa Somaaliyaa keessatt dandeettiin isaa daanga'us … kisaaraa irraa damdamatee dhaabbata deebi'ee bifa haaraan wal ijaaruu kan danda'u ta'uu mirkaneesseera" jechuun akeekkachiifti.

Abdulkariim Jamaas "hidhataan dhumaa hanga qabamutti loluu keenya itti fufna" jedha.

"Waggoota 10 ykn 15 fixus, eessattuu socho'anis dhokatanis faana dhoofna. Naannichi guutumaan guututti gaafa qulqullaaye qofa aara galfanna."

Kun kanaan osoo jiruu innii fi loltoonni kuun haala rakkisaa keessa jiraachuu itti fufaniiru.

Bishaan dhugaatii qulqulluun hin jiru, tajaajilli elektrikii hin jiru, sharaawwan gaaddisa mukaa jalatti

Dhifamanii fi dunkaanota yeroo kattaa keessatti ijaaraman keessa rafu. Jireenya isaa re'oota horsiisuu fi gargaarsa helikoptarootaan guyyaatti al lama darbamuufiin jiraatu.

Daahir lola jidduudhaan darbitee darbitee maatii isheetti ni bilbilti. Ijoollee saddeet qabdi. Waggaa darbe al-lama qofa isaan agarte.

Ijoolleen isheen hamilee akka ta'aniif dubbatti.

"Isaan haati koo dhuftee dhuftee ni moona' jedhu. Kun immoo wantin dalagaa jiru sirrii ta'uusaa akka natti dhagahamu godha. Abbaan biyya kanaa ana. Kanneen weeraran dogoggoraniiru."