Alii Laarjaani, hogganaan nageenyaa Iraan Israa'el ajjeese jette eenyu?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Israa'el haleellaa qilleensaa raawwadhe jetteen hogganaa olaanaa nageenya Iraan Alii Laarjaanii ajjeesuu himte.

Hanga yoonaa Iraan hogganni kuni ajjeefamuu hin mirkaneessine.

Hogganoota olaanoo Iraan keessaa tokko kan ta'an namni kuni Ayaatolaa Alii Kaamenii waliin hariiroo jabaa qabu turan.

Qondaalii olaanaan nageenyaa kun waggoota jahaaf Garee Milishaa Iraan waliin hidhata qabu hogganaa ture jette Israa'el.

Yoo xiqqaate miidiyaaleen Iraan lama qondaalli nageenyaa olaanaa kana ilaalchisee odeeffannoo jiru ibsuuf akka jiran eeraniiru.

Aliin barreessaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraanidha. Nama dhiibbaa olaanaa qabanidhas.

Hagayya 2025 ture gahee amma irra turanirratti Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaaniin kan muudaman.

Mana maree kana keessattis bakka bu'aa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatolaa Ali Kaamenii turan.

Akkasumas miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti gorsaa hogganaa olaanaa duraanii jedhamanii ibsamaniiru.

Waggoota 12'f Af-yaa'ii paarlaamaa Iraan ta'un tajaajilaniru.

Af-yaa'ii ta'u isaanii dura dhimma niwukilaraa irratti nama mootummaa Iraan bakka bu'an ta'un mariif taa'an turan.

Obboleessi isaanii Saadeg Laarijaani, Rippablika Iraan keessatti nama biraa aangoo olaanaa qabanidha.

Akkamiin ajjeefaman?

Hogganaan Olaanaan Iraan Ayatola Ali Kamneenii utuu hin ajjeefamin dura dhimma Iraan murtessuuf nama kana bakka buusanii ture.

Ali Laarijaanii kanneen Ameerikaan nama odeeffannoo waa'ee isaa kenneef doolara heddu ramaddee turtee keessati

Akka miidiyaaleen Israa'el gabaasanitti, Ali Laarjaaniin ilma isaanii waliin gamoo mana jireenyaa keessa dhokataa jiranitti ajjeefaman.

Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatiz, Laarjaaniin ''dhabamsiifameera'' jedhan.

Isaaniifi Ministirri Muummee Israa'el waraanni biyyattii hooggansa Iraan ''adamsuu akka itti fufu'' ajajuu himan.

Hogganaan nageenya Iraan ajjeefaman jedhaman kuni gaafa Jimaataa hiriira Quudis kan Filisxeem deeggaruuf, Israa'el mormuuf bahamuurratti hirmaataniiru.

Ministirri Ittisaa Israa'el dabaluunis Laarjaaniin ala haleellaa galgalaan komaandarri Baasij Golaamrezaa Solemaanii jedhamu ajjeefamullee dubbatan.

''Pirezidantiin US Tiraamp hammi hooggansi Iraan [ajjeefaman] dabaluu dubbatan... hoggansa olaanoo hafan keessaa lama erga ajjeefamanii hammi hooggansa [ajjeefaman] itti fufuufi dabalu gurra isaan buufna,'' jedhan.

Oppireeshinii kana keessatti kan qooda qaban jedhan paayileetota humna qilleensaa Israa'el fi qondaalota tikaa dinqisiifatan.

Raayyaan Ittisaa Israa'el Iraan Israa'el irratti misaa'ela dabalataa dhukaasaa akka jirtuufi sirni ittisaa ishee ofirraa qolachaa akka jiru beeksise.

Gama kaaniin, miidiyaan mootummaa Iraanis misaa'elli baay'ee Iraanirraa gara ''bakkeewwan [humnaan] to'atamanitti,'' dhukaafamaa akka jiru dubbate.