Hiriira Mootii Hin Barbaadnuu: Guutummaa US keessatti ummanni kumaatamaan bahee Tiraamp mormaa jira

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Guutummaa magaalota US keessatti hiriiironni namoonni kumaatamaan itti hirmaatan kan bulchiinsa Donaald Tiraamp mormu bahame.

Hiriirri ergaa Mootii Hin Barbaadnu jedhuun qophaaye kun yeroo sadaffaaf bahame.

Hiriirtonni imaammatoota bulchiinsa Donaald Tiraamp kanneen akka waraana Iraan, godaantota adamsuu immigireeshiniin raawwatamaa jiruu fi qaalayiinsa jireenyaa mormuuf bahan.

"Tiraamp akka abbaa irreetti nu bulchuu fedha. Garuu kun Ameerikaa dha, aangoon kan uummataati-kan abbaa irree mootii ta'uu hin danda'u" jedhan qindeessitoonni.

Dubbii himtuun Waayit haawus "Tiraamp hiriirichaan sagantaa maraatummaa ofii waldhaannachuu" jechuunii fi kan dhimmi hiriirri kun isaan laallatus "rippoortaroota akka gabaasan kaffalameef" jechuu isaa himte.

Sanbat-duraa hiriirri Niwyoork, Waashingtan Diisii fi Los Aanjeles dabalatee magaalota guguddoo hundatti bahame. Hiriirtonni akkuma hiriirota as duraa fakkiiwwan (modeela) Tiraampi fi Pireezdaanti itti aanaa JD Vaansi fi qondaalota kaanii aangorraa bu'uu fi hidhamuu qabu jechaa dhaadachaa oolan.

Hiriirota Mootii Hin Barbaadnuu bahaman keessaa tokko kan Sanbat-duraa Minisootaa bakka lammiileen Ameerikaa lama Amajjii darbe Renee Nicole Good and Alex Prett itti humnoota immigireeshiniin itti ajjeefaman bahame dha. Ajjeechaan lammiilee kanneenii rifaatuu guddaa kan uume yoo ta'u, tooftaa bulchiinsi Tiraamp immigireeshinii irratti hordofurrattis biyyattii guutuutti mormii kakaase.

Sanbat-duraa kumaatamoonni daandii guutuun mallattoolee fi fakkoo namoota bebbeekamoo paartii Dimookraatotaas qabatanii muummee waajjira mootummaa fuulduratti argaman.

Wellisaa beekamaan Bruce Springsteen waltajjii qabachuun sirba isaa seera haara immigireeshinii mormuuf baase"Streets of Minneapolis" jedhu sirbeera.

Kumaatamaan kan lakkaawaman addababaayii Niwu Yoork 'Taayimiti wal gahanii morman.

Poolisiin hiriira kanaaf karaa banuuf karaawwan imalli itti baay'atu cuccufee ture

Onkoleessa keessa namoonni 100,000 ta'an magaalaa kanatti hiriira bahuu Qajeelchi Poolisii Niwu Yoork hime.

Hiriira Loos Anjalasitti bahamerratti namoonni lama humnoota nageenyaa seera kabajchiisan reebuun to'atamuu Qajeelchi Nageenya Biyya keessaa (DHS) beeksise.

Bakkeewwan kaan magaalaa Loos Anjalas keessattis hiriirtonni sirna qabaachuu dhabuun "hedduun hidhamuu"

Poolisiin humna tarkaanfii humnaa madaalawaa hin ta'in akka hin fayyadamin mirkaneesse.

Daalaas, keessattis hiriirtonni sirna hordofuu diduudhaan hiriirtonni hidhamuu Rooytarsi gabaase.

Mootii Hin Feenu ergaa jedhuun hiriira Onkololeessa keessa bahamerratti namoonni miliyoona torba hirmaatanii turan.

Isteetonni US baay'een Eegdota Masaraa bobbaasanii turan, garuu qindeessitoonni hiriirri akka nagaan xumuramu godhan.

Traamp erga lammaffaa Waayit haawusitti deebi'ee as aangoo isaa bal'ifachaa jira, ajaja qaama raawwachiisaa jedhamu fayyadamuun caasaa federaalaa kaan diigaa jira, Eegdota Masaraa bobbaasuun bulchitoota magaalotaa dura dhaabbatan doorsisa.

Tiraamp aangawoota bulchiinsaa olaanoo seera raawwachiisan akka namoota ilaalcha siyaasaa isaa morman adamsan waamicha godheera.

Gochaawwan isaa kunneen kan Ameerikaa deebisanii ijaaran jedhee yaada. Abbaa irree jedhamuun kan qeeqamu hin fudhatu. "Mootii naan jedhu, ani mootii miti" jedhe Fox News irratti Onkololeessa darbe.

Qeeqxonni isaa gariin gochaawwan bulchiinsa isaa heer-maleessa fi balaa dimookiraasii Ameerikaa jechuun akeekkachiisu.

Namoonni heddumminaan magaaota guguddoo fi xixinnoo keessatti hiriira bahaniiru. Boostan, Maasaachuseet, Naashviil, Tenes, Hiwustan Teeksas hiriiratu ture.

Magaalota Shelbyville, Kentucky and Howell, Michigan keessatti hiriirtonni karaa guutanii oolan. Walumatti namoota 10,000 tu hirmaate.

Namoonni ergaawwan garaagaraa mormii waraana Iraan fi tarkaanfii humnoota immigireeshinii morman qabatanii bahan.

Lammiileen Ameerikaa biyyoota alaa jiranis hiriira qopheessan. Paaris, Landanii fi Lisban, heddduun dhaadannoowwan Pireezdaanticha "faashistii" fi "yakkamaa waraanaa" jedhan qabatanii bahanii jiru.

Tiraamp akka himatamuu fi aangorraa ka'us ergaa dabarsan.