Chelsii vs Maanchister Siitii: Tilmaama taphoota Piriimiyer Liigii

Chelsii vs Maanchister Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphoonni Piriimiyer Liigii Ingiliiz torbee 32ffaa Jimaata, Sambata, Dilbataa fi Wiixata ni taphatamu.

Taphoonni afur afur Sambataa fi Dilbataa kan taphataman yoo ta'u, taphoonni hafan lamaan Jimaataa fi Wiixata gaggeeffamu.

Taphni jabaan torbee kanaa morkii Maanchister Siitiin dirreesaa malee gara Istaanfoord Biriij imalee isa Chelsii keessummeessudha.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan taphoota kanaaf tilmaama isaa akka armaan gadiitti walitti qabeera.

Jimaata

Weestihaam fi Woolvis

Woolvis bara kana yeroo lama Weestihaam waliin taphachuun injifachuu danda'us, tapha kana injifannoodhaan kan xumuru garee Landan ta'a jedheen yaada.

Sambata

Arsenaaliifi Boornimaz

Arsenal vs Boornimaz

Gareen Mikeel Arteettaa xumura waancaa Kaarabaawoo fi nuusa xumuraa morkii waancaa FA walitti aansee erga injifatamee booda morkii Shaampiyoonsi Liigiirratti gara injifannootti deebi'eera.

Boornimaz taphoota waliitti aanan darban 11 irratti takkaa mo'amee hin jiru. Kunis morkii kana akkaan eegamaa godha.

Arsenaal hiree waancaa kaasuuu wajjin walqabatee dhiibbaa keessa jiraatus garee inni tapha marsaa jalqabaarratti hin injifanne Siitii qofa akka ta'e yaadachuun barbaachisaadha.

Tapha kana Arsenaal 2-0n injifata.

Bireentifoord vs Evertan

Gareen lachuu qabxii 46n sadarkaa 6ffaa fi 7ffaa waan qabaniif Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa irratti hirmaachuuf abjoochuu qabu.

Jalqaba bara dorgommii kanaa Evertan Liivarpuul ol ta'a jedhee eenyutu yaade? Taphni itti aanu gareewwan kana lamaan gidduutti taasifamu murteessaa ta'a.

Gareen lamaan qabxii ni qooddatu jedheen yaada.

Barnileey vs Biraayitan

Baarnileey Piriimiyeer Liigii keessaa ba'uunsaa waan oolu hin fakkaatu. Biraayitan ammoo akka gaarii jira.

Tapha kana Biraayitan 0-1 injfata.

Liivarpuul vs Fuulhaam

Liiverpuul vs Fulhaam

Deeggartoonni Liivarpuul leenjisaan Aarni Isloot akka hojiirraa ari'amu barbaadu, garuu bara darbe waancaa injifachuusaa yoo yaadannu kun sirrii natti hin fakkaatu.

Gareen kun ammallee bu'aa gaarii galmeessisuu danda'a jedheen yaada, yoo akka gaariitti taphachuu baatus, sababa taphattoota gaarii qabuuf jecha.

Fuulhaam garee gaarii ta'uu isaa yoo ilaallummoo Liverpuulitti qormaata ta'uu hubanna.

Gareen lamaan marsaa jalqabaa irratti yeroo lama qixa ba'aniiru, tapha kana irrattis gooliin lakkaa'ama jedheen eega.

Tilmaama: 2 - 2

Dilbata

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kiristaal Paalaas fi Niwukaastil

Niwukaastil bara kana qabxii olaanaadhaan xumuruun irraa eegamus dirree keessatti qabxiin galmeessaa jiru gahaa miti.

Tilmaama: 1 - 1

Nootinhaam Forest vs Aston Viilaa

Viilaan bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaarratti hirmaannaa argachuuf kan taphatu yoo ta'u, Fooresti ammoo gadi bu'uu irraa ooluuf wal'aansoo qaba.

Injifachuun garee lamaan kanaaf waan guddaa ta'us qabxii qooddatu jedheen eega.

Tilmaama: 1 - 1

Sandarlaand vs Tootehaam

Sandarlaandi dirree isaa irratti waan laafaa jiru fakkaata, garuu torbee muraasa dura Niwukaastiliin injifachuun isaan hamilee itti horeera.

Ispaars akkaataa tapha Di Zerbiin filatu yoo hordofe morkattootaaf carraa uumuu danda'a. Yeroo kana itti gaafatamummaa kana ni fudhatuu?

Tilmaama: 1 - 0

Chelsii vs Maanchistar Siitii

Taphoota darban irratti akka eeggame kan hin taane Siitiin Arsenaal fi Liivarpuul waliin taphatee injifannoo argateen ga'umsa guddaa agarsiisuu danda'eera.

Morkiin waancaa liigichi akka itti fufu waanan barbaaduuf Siitiin akka injifatu nan barbaada, garuu qabxii gatuu danda'a.

Tilmaama: 1 - 2

Maanchistar Yunaayitid vs Liids Yunaayitid

Daani'eel Faarke Liidsitti haala gaariirra kan jiru yoo ta'u, walakkaa xumuraa waancaa FA illee gaheera.

Maayikil Kaariik gama biraatiin ga'umsa garee isaa jijjiiruun Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa keessatti bakka argachuuf dorgoma.

Gahumsa dirree keessatti mul'isuun namni tilmaama injifachuu Yunaayitidiin alatti eenyuufuu kennuu hin danda'u.

Tilmaama: 2 - 1