Hanqina boba'aa mudate hordofee daballii gatii omishaaleerratti waan ummanni jedhu

Dubartii yaadda'a ajirtu

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Mootummaan yeroo osoo itti hinfudhatin hamma danda'amu ummata tasgabbeessuufi waan dhiyeessuun irra jiru dhiyeessuu qaba" jiraataa Magaalaa Mandii

Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC'n haasofsiise himaniiru.

Jiraataan Godina Wallagga Lixaa Magaalaa Mandii maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, guyyoota darban keessa omishaalee soorataafi soorata hintaane akkasumas tajaajila geejibaarratti daballiin gatii olaanaan mul'achuu himaniiru.

"Saamunaan birrii 50 ture amma birrii 80 galeera, sukkaarri kiiloon tokko birrii 160 ture amma naannoo birrii 220'n gurguramaa jira" jedhan jiraataan kun.

Dabaluunis gatiin zayita soorataa abbaa liitira shanii birrii 2,000 ture birrii 450 dabaluun birrii 2,450'tti gurguramaa jiraachuus himaniiru.

"Waa'ee boba'aatiin walqabatee midhaanfi meeshaalee adda addaarratti qaala'insi mul'ateera" an jedhan immoo jiraataa Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Mataahaaraati.

Dabaluunis "Amma katambarrii fi qulfii bituuf deemee duraan kan birrii 1,200 ture birrii 1,600 ta'eera" jedhan.

Kana malees zayita nyaataa abbaa liitira shanii irratti daballiin gatii birrii 500 mul'achuusaa himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waldaalee shamattootaan gatii fooyyeen osoo dhiyeessee gaarii akka ta'u kan himan jiraataan kun, "xiqqoollee taatu kan daldalaa dhuunfaarraa bitturra waldaa sanirraa osoo bittee garaagarummaa ni qabaata" jedhan.

Gama biraatiin magaalaa Mandii keessatti daldaltoonni omishaalee dhoksanii kuusuun gatii dabalanii gurguruun baramaa akka ta'e kan himan jiraataan magaalichaa, mootummaan daldaltoota gochaa kana raawwatanirratti tarkaanfii akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.

Dhiyeessii boba'aan walqabatee beenzillis ta'e naafxaan buufataalee boba'aa magaalicha keessatti gurguramaa akka hinjirre kan himan jiraataan kun, magaalicha keessatti tajaajila geejibaa kan kennan "baajaajonni baay'een dhaabatanii jiru" jedhan.

Dabaluunis "Karaan duraan baajaajjiin birrii 10'niin deemamu amma birrii 50'n deemama. Naannoo Baadiyyaa dhaquun hinjiru, yoo dhaqxes fageenya kilomeetira 4 ta'uuf naannoo birrii 200tu kaffalama" jedhan.

"Wanti hindabalin tokkoyyuu hinjiru. Jiraachuuf dhiisuun namaayyuu baay'ee yaaddoo keessa jira" kan jedhan jiraatichi "Mootummaan yeroo osoo itti hinfudhatin hamma danda'amu ummata tasgabbeessuufi waan dhiyeessuun irra jiru dhiyeessuu qaba" jedhan.

Nama boba'aa konkolaataatti qicaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Damee ijaarsaa: "Hojiin miidhameera"

Jiraataa magaalaa Adaamaa kan ta'anfi hojii ijaarsaarratti kan bobba'an Obbo Amaan Abdallaa, sababa daballii gatii omishaalee ijaarsaarratti uumameen ijaarsawwan heddu dhaabbachuu himu.

"Torbee lamaan kana keessatti meeshaan ijaarsaa akka malee qaala'e" jechuun BBC'tti kan himan jiraataan kun, gatiin simintoo kuntaala tokkoo birrii 800'n dabaluu himan.

"Simintoon kuntaalli tokko duraan birrii 1,200 ture amma kuntaalli tokkichi birrii 2,000 ta'eera" jedhan.

Kana malees gatiin sibiila ijaarsaa (feerroo) haaluma walfakkaatuun daballii agarsiisuu kan himan jiraataan kun, 'feerroon abbaa 10'nii duraan birrii 1,150 ture amma qarshii 1,700 ta'eera, daballii baay'ee agarsiisera" jedhan.

Gatiin omishaalee ijaarsaa kan akka mismaaraa fi bolokeettiis daballii agarsiisuusaa kan himan jiraataan kun, daldaltoonni 'konkolaataan hinjiru, wanti ittiin geejibsiifne fidnu hinjiru, konkolaataan dhaabbatee oola, achumaa dabale' jedhanii sababa dhiyeessan" jedhan.

Sababa qaala'iinsa gatii meeshaalee ijaarsaarratti mul'ateen ijaarsawwan dhaabbatan 'heddu' akka ta'an himuunis, "Ijaarsi dhaabate qixa hinqabu. Namni tokko tokko kan sadarkaa xummuraa (finishing) jirutu xummuraa jira malee namni hedduun ijaarsa dhaabee jira" jedhan.

Rakkoon damee geejibaa mudates sochii hojjettootaa ijaarsaa danquusaas jiraataan kun himaniiru.

Dhimma daballii gatii jiraattonni kaasan ilaalchisee yaaliin Biiroo Daldala Oromiyaarraa yaada argachuuf taasifne ammatti hinmilkoofne.

Gama biraatiin hanqina boba'aa sababa waraana Iraanin uumame dandamachuuf mootummaan Itoophiyaa murtoowwan garagaraa dabarseera.

Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannoo ibsa ALI Bitootessa 22, 2018 baaseen kutaan addaa dhiheessiifi raabsaa boba'aa hordofu, tarkaanfii fudhatuu fi dameewwan dursi boba'aa kennamuufii qabu adda baasu hundeeffamuu ibseera.

Kana malees gosoota konkolaataa raabsa boba'aarratti dursi kennamuuf adda kan baase yemmuu ta'u, konkolaattonni daldala al-ergiifi alaa galchii dabalatee oomishaalee bu'uuraa fe'an sadarkaa afraffaarratti kaa'amaniiru.

Waraana Iraanfi cufamuu ulaa Hormuz hordofee gatiin boba'aa gabaa addunyaarratti kan dabale yemmuu ta'u, diinagdee addunyaattis yaaddoo guddaa aggaamera.