Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaniifi Hezboollaa: 'Lubbuu lamaan qaama tokkoo'
Gaaffiifi deebii addatti Beerut irraa BBC waliin taasiseen, qondaalli olaanaan Hezboolaa Waafiq Saafaa gaaffii yeroo dheeraa Israa'el, US fi lammiileen Libaanos keessaa hedduun ka'uu waayee hidhannoo hiikkachuu shakkii malee dubbate.
"Yoomillee hin yaadamuu" jedhe.
"Eenyullee Hezboolaa hiikkachiisuu hin danda'u" jedhe. "Eenyullee."
Saafaan waayee hidhannoo hiikkachuu garee isaa mariin godhamus hin jiraatu jedhe.
"Hanga dhukaasa dhaabuun inni sirriin,inni dhugaan ta'utti. Hanga Israa'el gadhiiftutti. Hanga hidhamtoonni gadhiifamanitti, Hanga buqqaatonni qe'ee ofiitti deebi'anittii fi deebifnee ijaarrutti. Hanga sanatti, waayee hidhannoo Hezboollaa haasawuun hin danda'amu."
Hezboolaan lola dhiyoo kanaatiin dadhabeera falmii jedhus fudhatama dhorke.
Inumaa kaayyoon waraanaa Israa'el fashaleera jedhe.
"Israa'el Hezboolaan dadhabe jettee amanti, garuu waraanni kun faallaa dubbii kanaa nutti mul'ise. Isheetu (Israa'el) dadhabe. Duubatti deebi'uu malee filannoo biraa hin qabdu."
Hezboolaan gurmuu Musliimota Shi'aa fi waraanaa, mirga jiraachuu Israa'el mormuu fi US, UK , Israa'elii fi biyyoota kaaniin shororkeessaa jedhame dha.
Saafaan humnoonni Israa'el gama sulula dhiphaa daangaa Libaanosii fi Israa'eliin duubatti ni deebi'u jedhe.
Gama biraan immoo Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Neetaniyaahuu Ebla 16, humnoonni Israa'el kibba Libaanos keessa akka turan dubbatee ture. Bakki loltoonni Israa'el qabatan kun "iddoo walabaa nageenyaa (security buffer zone)" uumuufi jedhan.
Mootummaan Israa'el Hezboolaa hiikkachiisuun marii Libaanos waliin gara fuulduraaf itti fufnu keessatti gaaffii ijoo dha jedha.
Gareen kun lola Iraanitti kan makame, Bitootessa gara jalqabaatti haleellaa rokkeettii Israa'el irratti raawwachuun yoo ta'u, kanas haaloo ajjeechaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaa Kaamenii bahuuf ta'uu ibse. Israa'elis Sadaasa 2024 kaasee irra deddeebiin Libaanos irratti haleellaa raawwacha turte.
Israa'el deebii kan kennite haleellaa qilleensaa walirraa hin cinnee fi waraana lafoo kibba Libaanositti raawwachuuni, duulli ishee kunis hanga Hezboollaan hiikkatutt itti fufa jette.
Dursee nutti himameera
Saafaa Israa'elii fi Libaanos akka dhukaasa dhaaban Hezboolaan sa'aatiiwwan dursee dhagahe jedhe. Odeessi kun gama Iraaniin akka isaan dhaqqabe hima.
"Nutti himamee ture," jedha. "Iraantu nutti hime."
Gaaffii fi deebii mana jireenyaa isaa Beerut keessatti godhameef irratti, qondaalichi qindoomina Hezboolaa fi Iraan iftoominaan dubbate.
'Gara boodaatti deebi'uu hin fudhannu'
Saafaan nama murteessaa caasaa Hezboolaa yoo ta'u, yaalii ajjeechaa Israa'el Onkololeessa 2024 jalaa hafuu booda nama riphee socho'uudha.
Michuu jabaan isaa, hogganaan Hezboolaa yeroo dheeraa, Hasan Nasrallaah, haleellaa qilleensaa hamaadhaan ajjeefamuu booda ture yaaliin ajjeechaa kan irratti aggaamame.
Saafaan yeroo ammaa nama qiyyaafannooti. Eegumsa jabaadhaan marfameeti kan gaaffii deebii kanayyuu kenne.
Iddoo addaa tokkotti waamamne, bilbiloonni keenya battaluma nurraa guuraman jetti rippoortarri BBC.
"Anaa fi ogeessa kaameeraa koo waliin saffisa konkolaachisuun iddoo iccitii gaaffii fi deebii nu geessan. Mana jireenyaa kibba Beerut qarqara magaalaa jiru dhaqne.
Yoon achi gahu, Saafaan intarviiwu kanaaf qophaayew na eegaa ture. Akka qophaaye ni beeksisa. Gamoowwan naannichaa garuu diddiigamanii jiru."
Dhukaasa dhaabuu kanaaf beekkamtii kennus, Saafaan Hezboolaan qabxiilee marii eeraman hin fudhatu jedha. Lola waggaa tokkoo booda bakkuma waraanaan duraatti deebi'uu dha jedha.
"Bakka duraanitti deebi'uu yoo ta'e hin fudhanni, " jedha.
"Garuu, dhukaasa dhaabuun kun waliigalaa fi dhugaan garaarraa ta'uu qaba- kunis humnoonni Israa'el lafa Iraan keessaa guuttuutti bahuu qabu, humnoonni Israa'el bilisummaan socho'uu hin qaban, kanneen hidhaman hiikamuu qabu, Libaanos deebisnee ijaaruu qabna-kana wanti ijoon."
'Lubbuu lamaan qaama tokkoo'
Saafaan hariiroo Iraan fi Hezboolaas dubbate. Dhimma falmisiisaa Libaanos keessaa fi idil-addunyaati.
"Hezboolaa fi Iraan lubbuu lama, qaama tokko keessa jirtudha" jedhe Saafaan. "Iraan malee Hezboolaa yaaduun hin danda'amu, Hezboollaa malees Iraan hin jirtu," jedhe.
Hariiroon lamaanii "bu'uura amantaa, seeraa fi ayidoolojii" akka qabu ibse. "Waan addaan hin baane" jedhe.
Dubbiin isaa kun qeeqa Hezboolaan dantaa uummata Libaanos osoo hin taane, tarsiimoo Iraaniif hojjeta jedhu mirkaneessa.
Libaanos moo Iraan?
Qondaalli kun dantaa eenyuu (Libaanos moo Iraaniif) loltu jennaan kan Libaanosiif lolla jedhe.
"Gaaffii hin qabu, Hezboolaan dantaa Libaanosiif dhaabbata," jedhe. "Iraanirraa fayyadamneerra-garuu dantaa biraaf miti."
Deeggarsi Iraan dhukaasa dhaabuuf dhiibbaa godhame dabalatee yeroo waraanaa kanatti Libaanos fayyadeera jedha.
Jabinni dirree waraanaatti Hezboolaan agarsiises Israa'el mariif akka teessu dirqisiisuu dubbata.
"Adda waraanaatti osoo jabaachuu baanne, Israa'el galma ishee gal"maan gahatti ture, " jedha. "Garuu, qormaata siyaasaa fi waraanaa itti taanee jirra.
Garuu, lammiileen Libaanos hedduun BBC'n dhiyoo dubbise gareen kun akka hiikkatu barbaadu. Gareen kun akka biyyattii waraanatti galches amanu.
Gahee Hezboolaa ilaalchisee garaa garummaa yaadaa hedduutu deemaa jira.
Saafaan garuu qeeqa kana fudhatama waan hin qabne jedha.
"Kun ilaalcha dogoggoraati," jedha. "Wanni hamaan amala diinni Israa'el raawwachaa jirtu dha, Hezboolaa miri."
Haleelala Israa'el Libaanos qofa osoo hin taane naannichatti, Sooriyaa, Iraaq, Yaman dabalatee raawwachaa jirti jechuun qeeqe.
Biyya kufaatii qarqara jirtu
Libaanos erga waraanni kun dhalatee haala hamaa keessa jirti. Kibbi biyyatti daaraa ta'eera. Lammiileen miliyoonaan lakkaawaman buqqa'anii jiru.
Yeroon gaaffii deebii kanaa - waliigalteen dhukaasa dhaabuu beeksifamuu dura sa'aatii muraasa dursee ture. Kun haalli jiru akkamiin saffisaan akka jijijjiiramu agarsiisa.
Dhukaasni dhaabbachuun aaragalfii yeroo fidus, dubbiin Saaffaa dhimmoonni bu'uuraa furmaata akka hin argatin akeeku.
Akka gaaffiif deebii kana xumurreen, dirooniin Israa'el mataa keenyarraa huursaa ture. Saaffaan qizaaza ijaa gurraacha keewwatee, kooffiyyaa mataarra keeyyatee, suuta jedhee gamoo keessaa gadi bahe.
Hezboollaan hidhannoo hiikkachuu diduun, haalduree hedduu dhiyeessuunii fi Israa'el immoo gaaffilee nageenyaa hedduu kaafturratti cichuun dhukaasa dhaabuun waraana dheeraarraa irraa afuura fudhachuu malee yeroo dheeraaf waan turu hin fakkaatu.