Dorgommiin atileetiksii guyyaa tokkoo Finfinnee magaalota ijoo addunyaa 10 keessaa tokko godhe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Gaggeessaan damee dorgommiiwwanii Waldaa Atileetiksii Addunyaa Itoophiyaan dorgommii idila addunyaa guyyaa tokkoo World Athletics Grand Prix jedhamu yeroo duraaf qopheessiteen milkoofteetti jedhe.

Dorgommii atileetota maqaa guddaa addunyaa walitti fideefi meetira 100 dhiiraafi dubartootaan gaggeeffame gama dhiiraan lammiin Keeniyaa Ferdinaand Omonyaalaa gama dubartootaan ammoo shaampiyoonaan Olompikii Gaaby Toomaas mo'ataniiru.

Dorgommiin kun maqaa Kontinentaal Tuur jedhamuun gaggeeffamu sadarkaa adda addaa kan qabu yoo ta'u Itoophiyaan hiree kana argachuun kan beekame Guraandhala darbe ture.

Ergasii hoji gaggeessaan damee dorgommiiwwan Waldaa Atileetiksii Addunyaa Piirs Okaalgihaan guyyaa lamaaf gara Finfinnee dhufanii dorgommicha keessummeessuuf gahumsa qabaachuu mirkaneessee ture.

Dorgommii Finfinneen keessummeessite gosa lama qaba ture kana jalqabaa atileetota addunyaa maqaa guddaa qaban. Kan lammataa ammoo atileetota biyya keessaa kan hirmaachise.

Atileetota beekamoo dorgommicha mo'ataniin cinaatti biyyoota Afrikaa, Awurooppaa, Eezhiyaafi Kaaba Ameerikaarra aatileetotni 70 argamaniiru jedhu gabaasaaleen miidiyaalee biyya keessaa.

Dorgommiin kun kallattiin tamsaafamaa ture.

Itoophiyaan dorgommii kana keessummeessuusheetiin Keeniyaa, bootisiwaanaa, Afrikaa Kibbaa, Rippaablika Kooriyaa, Lesoottoo, Omaaniifi Saawdii Arabiyaatti makamteetti.

Dorgommii kana booda yaada kan kenne qopheessaan sagantichaa Piirs Okaalgihaan ''guyyaan kun raajiidha, uummata Finfinneetiin ulfina guddaa argadhaan jedha'' jechuun milkaahuu sagantichaa ibse.

''Atileetota maqaa addunyaa kanaa qabna ture, namootni kuma 20 ta'an istaadiyoomiitti argamaniiru, tamsaasa televizhiinii kallattii ture, gahumsa gaarii argineerra.

''Namni hunduu asitti baayyee gammadeera. Finifnneetti jalqabbii aadaa haaraadha.''

Torban jaha dura haala jiru ilaaluuf yeroo dhufe tiraakiin fiigichaa fi qophii gahaan aka hhin turre dubbachuun yeroo gabaabaa kana keessatti tattaaffii Federeeshinii Atileetiksii fi mootummaatiin milkaahuu dubbate.

''Kuni raajiidha. Finfinnee akka manakoottin ilaala'' kan jedhe Okaalgihaan ijoollummaasaatti waayee beela Itoophiyaa dhagaahuu dubbate.

Daandiiwwan saakilii haaraa, daandiwwan biroo haaraa, gamoowwan haaraa, daldaloota haaraan argaa jira. Dhugiumatti Fnfinnee guddataa jirti. Afrikaa keessaa ni dursiti, dhiyootti magaalota gurguddoo addunyaa keessaa tokko taati.''

Sagantaan Continental Tour addunyaa bakka 290 gaggeeffamuu kan himu qondaalli atileetiksii addunyaa kun, bara dhuftu Itoophiyaan sadarkaanshee guddatee sadarkaa warqeetti magaalota qopheessan 10 kan akka Niiwyoorki, Losaanjeles, Meelbaarn, Beejiing, Tookiyoofi Naayiroobii fa'a keessaa tokko taati jedheera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ''atileetiksii Itoophiyaatiif yeroo seena qabeessa'' jechuun gammachuu ibseera.

''Kuni hiika guddaa qaba. Beekamtii idila addunyaati.'' Addunyaan Itoophiyaatti deebitee dhufti, ifnee mul'anna jedheera.