Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Iraan hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un yaaddessaa?
Waraana US fi Israa'el, Iraanirratti banan hordofee yaadawwan walxaxoo sammuu hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un'tti dhufuu akka malan tilmaamama.
Biyyoonni lamaan Iraan Irratti haleellaa erga bananii booda Kooriyaan Kaabaa battalatti ture "waraana aggaammii sababa maleessaa" jechuun haleellicha kan balaaleffatte. Iraan fi Kooriyaan Kaabaa bara 1979 irraa eegalee 'michummaa farra Ameerikaa' tolfachuun dabalataan misooma misaa'elaa irrattis michoomasaanii cimsaniiru.
Kana malees diplomaatiin duraanii Kooriyaa Kaabaa maqaansaanii akka eeramu hinbarbaanne tokko BBC'tti akka himanitti, Iraan biyyoota meeshaalee waraanaa Kooriyaa Kaabaan omishaman bitatan keessaa ishee tokko.
Haa ta'u malee dhimmoonni lama Kooriyaan Kaabaa Iraanirra haala fooyyee keessatti akka argamtu taasisuusaanii xinxaltoonni himu.
ALA bara 2003 yeroo Waraana Iraaqitti hogganaa Kooriyaa Kaabaa waqtii sanaa kan turan Kim Jong Il guyyoota 50'f ija ummataa jalaa badanii turan. Akka odeeffannoon tika Kooriyaa Kibbaa agarsiisutti hogganichi magaalaa guddoo biyyattii Pyongyang irraa fageenya km 600 ta'urratti magaalaa Samjiyon keessa qe'ee tokko keessatti lafa jala dhokatanii turan.
Ilmi isaanii Kim Jon Un garuu faallaa kanaan hogganaan waliigalaa Iraan Ali Kaameeniin erga ajjeefamanii boodayyuu ija ummataarraa hinfagaanne.
Deebiin Kooriyaa Kaabaa kun biyyattiin cimina isheetiin ofitti amanamummaanshee guddachaa jiraachuu agarsiisa jedhu Tajaajila Tika Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaatti daayrektara xiinxala Kooriyaa Kaabaa kan ta'an Jang Yong-seok.
'Humna nukilaraa'
Kooriyaan Kaabaa biyya meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhattedha. Pirezidaantiin US Doonaald Tiraampis "biyya humna niwukilaraa qabdu" "biyya meeshaalee waraanaa niwukilaraa baay'ee qabdu" jechuun bara 2025 keessa dubbatanii turan.
Gabaasni Inistitiyuutii Qorannoo Nageenyaa Istookoolm bara 2025 akka agarsiisutti, Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa niwukilaraa 50 qabaachuusheefi galtee meeshaa waraanaa kan biraa 40 hojjechuu ishee dandeesisu akka qabdus himeera.
Gama biraatiin Adoolessa 2024 keessa biyyattiin meeshaa niwukilaraa fageenya gabaabaa dirree waraannarratti faayidaarra oolu hojjechuushee Kooriyaan Kibbaa akeekkachiistee turte.
Bara darbes Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Lii Jae Myung, Kooriyaan Kaabaa misaa'ela baalistikii ardiilee qaxxaamurufi US haleeluu danda'u omishuuf fiixeerra gahuushee himanii ture. Dandeettiin misaa'elichi akkaataa ajajameen gara iddoo itti akeekamee deemuu danda'uunsaa dhimma gaafii keessa jiru akka ta'etti jechuudha.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ejansiin Inarjii Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) immoo "Iraan sagantaa niwukilaraa guddaafi abdachiisaa ta'e qabdi" kan jedhe yemmu ta'u, garuummoo "sagantaa meeshaa waraanaa niwukilaraa omishuu" qabaachuusheef ragaa akka hin agarre himeera.
Iraan waliigaltee bara 2015 taasifameen sagantaa gabbisa yuraaniyeemiishee daangessuf waliigaltee turte. Kana malees hordoffiin IAEA'n taasifamu bal'achuunsaa saffisni sagantaa niwukilaraa Iraan akka hir'isu taasisuusaa Inistitiyuutii Qorannoo Imaammataa Asaanitti xiinxalaa Baha Giddugaleessaa kan ta'an Jang Ji-hyang himu.
Haa ta'u malee, Tiraamp bara 2018'tti waliigalticha keessaa bahuusaanii hordofee Iraan daawwannaa IAEA'n buufataalee niwukilaraa isheerratti taasisu daangessuu eegalte. Iraan waraana Israa'eel waliin Waxabajjii 2025 ture hordofee ejansicha waliin hojjechuu dhaabuushee AP News ji'a darbe keessa gabaasera.
Haata'u malee, Kooriyaan Kaabaa yaalii niwukilaraashee jalqabaa bara 2006 keessa erga taasiftee waggoota sadi booda to'attoota IAEA hunda biyyaa baasterti. Ergasii yaaliiwwan niwukilaraa shan kan taasifte yemmuu ta'u, inni dhumaas bara 2017 keessa adeemsifame.
Yeroo sanatti Kooriyaan Kaabaa, US waliin hojjechuuf heeyyamamtuu ta'uusheetiin hoggantoonni biyyoota lamaanii bara 2018 fi 2019 bifa seena-qabeessa jedhameen wal arganiiru.
Kim Jong Un qoqqobbiin idil addunyaa biyyattiirra kaa'ame akka kaafamufi warshaa anniisaa niwukilaraa Yongbyon akka mancaastu beeksifte. Haa ta'u malee Tiraamp, Kooriyaan Kaabaa tarkaanfii kanaa ol akka fudhattu barbaaduusaaniitin haasaan biyyoota lamaanii fashalaa'e.
Dhaabbata qorannoo teessoosaa US godhate Stimson Center keessa dursaa sagantaa Kooriyaa kan ta'an Jenny Taawun, waraanni Yukireen, Kooriyaa Kaabaafi Raashiyaa walitti dhiyeessuusaatiin biyyoonni lamaan gama diinagdeefi waraanaan akka waldeeggaran taasisuusaa, kanaanis Kooriyaan Kaabaa ofitti amantummaa horachuushee himu.
Haata'u malee, Tiraamp fi Kim Jong Un hariiroo gaarii kan qaban fakkaata. Pirezidaantiin US hanga yeroo dhiyootti (bara darbe) gitasaanii Kooriyaa Kaabaa jajaa turan.
Kim hariiroo Tiraamp walin qaban ilaalchisee "carraawwan addaa jiran ni hubatu" garuummoo "hariiroo sana deebisuuf aarsaa hinkaffalan" jedhu Taawun.
Gama biraatiin immoo hogganaan Kooriyaa Kaabaa waraana Iraan yemmuu balaaleeffatanitti maqaa Tiraamp hindhoofne. Walgahii paartii ji'a darbe taa'amerrattis Kooriyaan Kaabaa hanga haallishee kabajametti US waliin hariiroo gaarii akka itti fufsiistu beeksisuun mariidhaaf balballishee banaa ta'uu agarsiifterti.
Chaayinaa, Raashiyaa fi 'hidhamtoota niwukilaraa'
Dhimmoota Kooriyaa Kaabaaf haala mijataa uuman keessaa tokko iddoo argama isheeti. Biyyattiin Chaayinaa waliin kan waldaangessitu ta'uunshee haleellaa US yookiin Kooriyaa Kibbaarraa itti aggaamamuu maluuf Chaayinaa akka dallaatti ilaalti.
Bulchiinsi Kooriyaa Kaabaa yoo kufes Chaayinaan baqqattoota heddu keessummeessuuf dirqamuu malti.
Kanaafi waliigalteen biyyoota komunistii lamaanii akka "hidhiifi ilkaanii" walitti dhiyaata jechuun kan ibsamu. Waliigaltee ittisaa biyyoonni lamaan bara 1961 mallatteessaniinis Kooriyaan Kaabaa yoo weeraramte Chaayinaan ishee deeggaruuf waadaa seenterti.
Kana jechuun garuu Chaayinaan yeroo hunda Kooriyaa Kaabaa akka michuu muudaa hinqabnetti ilaalti jechuu miti. Sababnisaas meeshaan waraanaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa baay'achaa dhufe nageenya naannichaa kan jeequ ta'uusaatini.
Kana malees, Chaayinaan hariiroo Kooriyaan Kaabaa Raashiyaa waliin qabdutti keessattuu biyyoonni lamaan bara 2024'tti waliigaltee ittisaa mallatteessuusaaniin walqabatee muufii qabaachuu akka maltu Yunivarsiitii Biyyaalessaa See'ulitti qorataa kan ta'an Jang Yong-seok himu.
Gama biraatiin Kooriyaan Kaabaa biyyoota ollaa Kooriyaa Kaabaa fi Jaappaanin dhiyeenyatti argamuusheerraa kan ka'e biyyoota lamaan akka "hidhamtoota niwukilaraatti" qabatteerti jedhu inistitiyuutii Asaanitti qorataa kan ta'an Jang.
Kooriyaawwan lamaan gidduu lafa meeshaalee waraanaafi loltootarraa bilisa ta'e (demilitarized zone) kan km 250 dheeratufi bal'ina km 4 qabutu jira. Iddoon kun magaalota guddoo biyyoota lamaaniirraa fageenya km 200 qofa qaba.
Kana jechuun magaalaan naannoo metiropolitaanii See'ul kan kutaalee biyyaa Incheon fi Gyeonggi ofkeessatti qabate fageenya dandeettii haleellaa Kooriyaa Kaabaa keessa akka argamu hojjetaa Tajaajila Tika Biyyaalessaa Kooriyaa Kibbaa kan turan Jang himu.
"Kooriyaan Kibbaa akka Israa'el, US yookiin biyyoota Baha Giddugaleessaa birootti misaa'ela ofirraa qolachuu danda'uunshee dhimma gaafii qabudha" jechuunis dubbatan.
Jaappaanis fageenya Kooriyaa Kaabaan haleelamuu danda'u keessa jirti. Dabalataanis Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota yaalii irra deddeebiin gara galaana Jaappaanitti dhukaasaa turte.
Biyyoonni Eeshiyaa lamaan Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa loltoota US 80,000 ta'an ofkeessatti qabatanii argamu. Loltoonni biyyattii 50,000 ta'an immoo Baha Giddugaleessaa buufatanii jiru.
Waraanni Iraan hogganaa Kooriyaa Kabaa Kim Jong Un yaada hogganaan waligalaa Iraan Alii Kaameeniin "meeshaa waraanaa niwukilaraa waan hinqabneef hoomaa gochuu hindandeenye", mariin US waliin taasifamus turtii bulchiinsa biyyattiif wabii ta'uu hindanda'u jedhu akka qabaatan akka taasisu Inistitiyuutii Diinagdee Kooriyaa-US keessa kan hojjetan Ellen Kim himu.
Yaada kanatti kan waliigalan Taawun immoo, "Kooriyaan Kaabaa dandeettii nukilaraashee gabbisuuf aarsaa kaffaltus yeroo akkanaatti garuu Kim Jong Un murtee sirrii fudhachuusaanii ni amanu, sababnisaas carraan biyya meeshaa niwukilaraa hidhatte haleeluu gadi aanaa waan ta'eef" jedhaniiru.