Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bishaan akkamitti boba'aan qixxee qaama waraana Baha Giddugaleessaa ta'a?
Waraanni Baha Jiddu-galeessaa qabeenya boba'aa waliin akka wal qabatu waan hedduun tilmaamamani.
Ameerikaa fi Israa'el waraanni Iraan waliin eegalan babal'achaa deemuu hordofee bishaanis madda walitti bu'iinsa kanaa ta'uu akka danda'u dubbatamaa jira.
Bishaan qulqulluu addunyaan qabdu keessaa kan biyyoota Galoo Galaanaa keessatti argamu 2% hin caalu.
Keessattuu, jabana warraaqsa indaastirii boba'aa 1950mootaa booda dhiibbaa naannichatti uumameen bishaan kuraawaa (soogiddaa) calalanii itti fayyadamu.
Akka dhaabbata qorannoo idil-addunyaa Faransaay tokkotti bishaan Kuweet harka dhibba keessaa harki 90 bishaan kuraawaa irraa kan qulqulleeffamu dha. Omaan 86%, Saa'udiin 70%, fi UAE 42% kan ta'u bishaan kuraawaa qulqulleeffataniiti argatu.
"Bara 2021 warshaalee biyyoota kanneenii bishaan qulqulleessan keessaa oomishni bshaanii guyyaatti bahu meetirik toonii miliyoona 20 caala ture.
Kana jechuun guyyaa guyyaan Gandaa bishaan daakkii Oolimpikii 8,000 guutuu jechuu dha" jedhu naannawa Omaanitti ogeessi saayinsii qurxummii fi bishaanii Dr Wiil Lakuweesnee dubbii BBC News Day irratti dubbataniin.
Misoomni qonnaa fi oomishni nyaataa biyyoota Galoo Galaanaa bishaan kuraawaa irratti kan hundaaye dha.
Sababni isaas kuusaan bishaan uumamaa lafa jalaa sadarkaa olaanaan waan hir'ateefi.
Hirkattummaan kun egaa, bu'uuraalee misooma bishaanii saaxilamaa godheera.
Akka haalootti fudhatamus misooma bishaanii akka iddoo qiyyaafannoo haleellaa gochuun qaama tarsiimoo wataanaa Iraan fakkaata.
"Mootummoonni biyyoota Galoo Galaanaa bu'uuraaleen misoomaa isaanii yoo haleellaan irratti raawwatama jedhanii yaadan Ameerikaa fi Israa'el irratti dhiibbaa gochuu danda'u" jedhu biyya Kaataar, Profeesarri yunivarsiitii Kaaba Lixaa Maark Oowan Joons
Haleellaawwan Iraan "rifaatuu uumuf" kan kaayyeffatan yoo ta'an, kunis "siviiloonni turuu ykn dheessuu dadhabuu" irratti dhiibbaa uuma.
Iraan kallattiin warshaa bishaan kuraawaa qulqulleessu rukutte jechuun Baahireen himatteerti. Iraan gama isheetiin haleellaa Ameerikaatiin ulaa Hormuuz keessatti kan argamu dhaabbanni bishaanii Odola Qeeshim keessatti kan argamu miidhamuu ibsite.
Dubaayitti buufata Jabal Alii irratti haleellaa Iraan goote warshaalee guguddoo bishaan calalan keessaa tokko cinaatti raawwatamuu amanama.
Akkanumallee UAE keessatti kan argamu buufata bishaan calallii dhuunfaa fi madda anniisaa Fujaayiraa F1 jedhamu cinatti balaan abiddaa gabaafamun shakkii uumeera. Aangawoonni warshichi hojii itti fufuu ibsan.
Kuweetitti buufanni calallii Dohaa West cinatti buufanni argamu haleellaa dirooniiin miidhaan irra gaheera.
"Iraaniif kun adeemsa waa akeekuuf mallattoo kennuuti" jedhu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hogganaan Yunivarsiitii bishaanii, naannoo fi fayyaa Pirofeesar Kaaveeh Maadaanii dubbii BBC World'tti dubbataniin.
Iraan haleellaa raawwattu kamuu haaloo bahiinsa haleellaa isheerratti raawwatamuu gootee dhiyeessiti. Keessattuu haleellaan Baahireen irratti raawwattu haleellaa Oddola Qeesham irratti raawwatameef deebiidha jettee fudhatti.
Haaloon buufataalee calallii bishaanii irratti baatus dandeettii Iraanii fi Ameerikaa fi Israa'eliif deebii waraanaa kennuuf hagam akka qophii taate mul'isa.
Maadaaniin dabaluun, dandeettiin ishee qiyyaafannoo bu'uuraalee misooma bishaaniirratti kan xiyyeeffate ta'ullee Iraan gara fuulduraatti maal gochuu akka dandeessu afaan guutanii dubbachuuf nama hin dandeessisu jedhu,.
"Qabeenyi bishaanii [seenaadhaan] yeroo hedduu akka meeshaa doorsisaatti dhimma itti bahama."
Iraan kallattii fi ifatti warshaalee biyyoota Galoo Galaanaa bishaan qulqulleessan irratti haleellaa kan hin banneef sababa haleellawwan isheerratti banamanii fi akkaataa konveenshinii Jenevaa keewwata 45 ta'uu akka danda'u eeran Maadaaniin.
"Seerichi bu'uuraalee uummataa haleeluun akka hin danda'amne ibsa. Haa ta'uu malee [Iraan] hin eegalle. Abbaas Araagchiin [miidiyaa hawaasummaarratti] kan dhiyeessan kana dha" jedhu Madaaniin yaada Ministira Dhimma Alaa Iraan yoo eeran.
Araagchiin haleellaa Odola Qeeshim "balaa hamaa tarkaanfii hordofsiisu... yakkaa ifattii fi abdii murannaa" jechuun madda bishaan mandara hedduuf dhiyaatu hanqisuu ibsan.
Taateewwan kunneen itti fufanis itti fufuu baatanis biyyoonni Ameerikaa waliin dhaabbatan hanqina gama nageenya bishaaniin qaban ifatti mul'isa. Iraanis saaxilamtuu dha. Ta'us Iraan akka olloota ishee biyyoota Galoo Galaanaa kaanii dhiyeessii maddeen bishaaniin fooyyee fi bishaan kuraawaa qulqulleessuurratti hirkattuu akka hin taane Madaaniin eeran.
Taajjabdoonni kuun gama isaaniin Iraan warshaalee bishaan qulqulleessan haleeluun isheerratti haleellaa haaloo kakaasuu danda'a.
Iraan yeroo gara yerootti "gara guutummaatti bishaan dhabuutti dhiyaachaa jirti. Hamma roobaa gadi aanaa, "qisaasamuu bishaan magaalaa guddoo biyyattii sababa rakkoo bu'uuraalee misoomaan dhangala'aa tureeni" fi lolli guyyoota 12 bara darbe Israa'el waliin goote hanqina bishaaniif gumaachuudhaan Ministirri Inarjii Abbaas Aliiyaabaadii.
Hidhawwan bishaanii guutuu biyyattii "haala yaaddessaa" keessa jiru jedhu ogeessi giddugaleessa bulchiinsa haala qilleensaa fi gogiinsaa biyyaalessaa Iraan Ahmad Vaaziifeeh.
Kuusaawwan bishaanii ijoodha jedhaman akka malee miidhaman, laggeen akka Zaayaandeeh Ruud fi haroon Urmiyaa sadarkaa olaanaan hir'atan.
Ogeessi eegumsa naannoo Fireed Piirs akka jedhan ijaarsi hidha bishaanii waggoota kurnaniif ture, qonna bishaaniirratti hundaaye fi rakkoo bulchiinsa bishaanii immoo rakkoo kana hammeesseera.
Iddoowwan tokko tokkotti bishaan lafa jalaa babal'isuun waan tureef diddiigamuun lafaa uumameera.
Teehraan gaaf tokko bishaan faraqaadhaan ykn dabareedhaan gadhiisuun jiraachuu akka danda'u aangawoonni akeekkachiisan.
Qorattoonni tokko tokko akka jedhanitti immoo kun tasgabbiin keessoo Iraanii fi diinagdee damdamannaa diinagdee ishee miidhu fi yaaddoo biyyaalessaa ti.
Haalicha kan hammeessu immoo lola US fi Israa'el torbaanotaaf godhan dabaluu isaati.
Waraana dura hanqinni bishaanii jeequmsa Iraan keessatti uumameef gumaacheera.
Qaalayiinsa jireenyaa fi siyaasaa waliin dabaalamee Kuuzeestaan, Isfahaanii fi iddoowwan birootti mormiin uummataa dhohee ture.
Qormaanni bishaanii Iraan muddama Baha Jiddu-galeessaatiinis wal qabata.
Naannawa hidha laga Heelmaanditti Afgaanistaan faana, naannawa laggeen Taayigirasii fi Efraaxis immoo Turkii waliin, akkasumas Iraaq waliin qoodinsa bishaanii irratti yeroo dheeraaf wal dhibdee qabdi.
Waraanichi Bahi Jiddu-galeessaa dhiyeessii bishaanii irratti laafina akkamii akka qabu agarsiisa jedhu xiinxaltoonni.
Kallattii fi turtii waraana kanaas akkamiin jijjiiruu akka danda'an akeeka.
Dhiibbaa naannoo kan akka kuusaa boba'aa fi gaazii waliin ta'ee yaaddoo akka hin hammeessine yaaddessaa dha.
Naannichatti walitti bu'iinsa fuulduratti dhalachuu malanis kan murteessan ujummoowwan boba'aa fi dooniiwwan boba'aa fe'an qofa osoon hin taane, laggeen, kuusaawwan bishaanii fi warshaalee bishaan galaanaa dhugaatiif calalan ta'u jechuu dha.
Walitti bu'iinsa kanaa fi fuulduraaf dhalachuu malaniif bishaan boba'aa caalaa dhimma ijoo ta'uu danda'a.