Liinaa Wayyuu: Barattuu qaxalee badhaasawwan sadi injifattee carraa hojiis argatte

Barattuu Liinaa Wayyuu waancaa badhaafamte qabattee

Madda suuraa, FB Komunikeeshinii Godina Baalee

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Guyyaan osoon dubbisuu itti boo'etu jira" Barattuu Liinaa Wayyuu.

Dhaabbileen barnoota olaanoo barattootasaanii tibbana ebbisiisaa kan turan yemmuu ta'u, ebbifamtoota Yunivarsiitii Madda Walaabuu keessaa tokko kan taate barattuu Liinaa Wayyuu, qalbii namootafi miidiyaalee hawwatteerti.

Shamarreen tun waancaa 2 fi meedaaliyaa warqee injifachuun cinatti yunivarsiiticha keessatti barsiisummaan akka hojjettu yunivarsiitichi carraa hojii kenneefira.

Haata'u malee, milkaa'inni kun dadhabbiifi qormaatawwan heddu darbuun kan argame akka ta'e kan himtu shamarree Liinaa Wayyuu, imala barnootaashee bu'aa bahii qabu BBC'tti himteerti.

Guyyaa tokko akka isaanii gochuu akkan danda'u…

Maqaankoo Liinaa Wayyuu jedhama, godina Shawaa Bahaa Magalaa Baatuuttin dhaladhee guddadhe.

Barumsakoo sadarkaa jalqabaa Mana Barumsaa Baatuu Sadarkaa Tokkoffaa Lakkoofsa 2ffaa jedhamuttin baradhe.

Barnootakoo sadarkaa 2ffaa M/B Sadarkaa 2ffaa Baatuu akkasumas barnoota qophaa'inaammoo M/B Qophaa'inaa Baatuuttin baradhe.

Kutaa tokkoffaarraa eegalee barumsakoorratti cimtuun ture, hanga kutaa 12'ttis qabxiinkoo bareedaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

ALI bara 2014 Yunivarsiitii Madda Walaabuu kanan seene yemmuu ta'u, bara 2015 immoo mummee barnootaa 'Marketing Management' barachuu eegale.

Mummee barnootaa 'Marketing Management' barbaadeefi filadheen barachuu eegale. Waa'ee mummee barnootaa kana isa dura hagas mara odeeffannoo hinqabun ture. Garuummoo odeeffannoo obboleessikoo naaf laaterraa ka'een filadhe.

Haala yeroo amma irra jiruun addunyaan keenya dijitaala'eera, hojiin maarkettingiis baay'ee babal'ateera waan ta'eef mummee barnootaa kana filadhe.

Yunivarsiitii keessatti yerookoo haalaanin fayyadamaa ture. Kana jechuun garuu ofii kootiif yeroo hinkennu jechuu osoo hintaanee ofiifis, dubbisa koofis yeroo kennee barachaa ture. Kanaanis milkaa'een jira.

Barnootakoo qabxii 3.98 fiduun kan xummure yemmuu ta'u, qabxii kana fiduuf wanti sababa naaf ta'e tokko wantan yeroo gara Yunivarsiitii Madda Walaabuu seeneetti argedha.

Nan yaadadha, barattoota shamarranii jajjabeessuuf baanariin suuraasaanii qabu dhaabbatee argeen ture. Isaan argeen anillee guyyaa tokko akka isaanii gochuu akkan danda'u keessakoo amansiise.

Sababni milkaa'inakoo inni biraan immoo mummee barnootaa 'Marketing Management' barbaadee, jaaladhee barachuu kooti.

Barattuu Liinaa Wayyuu waancaa badhaafamte qabattee

Madda suuraa, FB Komunikeeshinii Godina Baalee

Firii dadhabbii

Barnootakoo qabxii olaanaa fiduun xummuruu kootiin badhaasawwan sadi badhaafameera.

Akka Kollejjii Biznasiitti qabxii olaanaa fiduun meedaaliyaa warqee badhaafameera.

Dubartoota hunda keessaa qabxii olaanaa fiduunis waancaa badhaafameera. Waancaan inni biraan immoo 'Badhaasa Pirezidaantii' (Presidential Award) kan jedhamu akka yunivarsiitiitti qabxii olaanaa fiduu kootin badhaafame.

Kana malees pirezidaantiin yunivarsiitii keenyaa dubartoota ni jajjabeessu. Isaanillee yunivarsiitichatti barsiistuu ta'ee akkan hojjedhuuf carraa naaf laatan.

Waltajjiirratti "har'arraa eegalee dalagaa barbaaduuf olii gadi hindeemtu. Asumatti si fudhanneerra. Borurraa eegalee miseensa hojjettoota keenyaa taaterta" naan jedhan. Kanas isaan galateeffachuun barbaada.

Ani hawwiinkoo gara biyya alaa deemee barnootakoo digirii lammaffaa barachuu ture. Isaanillee waanuma qaban naaf laatan.

Gama biraatiin turtiikoo yunivarsiitiitin guyyoota dadhabbii heddu dabarseera. Qorrafi beela akkasumas dubartii ta'uudhaan qormaatawwan heddutu turan.

Yeroo baay'ee dafee mana kitaabaa seenuuf irbaatakoo sa'aa 10:30'tti nyaadha ture. Ergasii fiigeen mana kitaabaa seenee dubbisa.

Haata'u malee, yeroo mana kitaabaatii bahu suuqiin hundi ni cufama waan ta'eef yeroo beelli halkan rafuu nadhowwee itti boo'etu jira.

Kana malees guyyaan (sababa dadhabbiitiin) osoon dubbisuu itti boo'etu jira.

Amma guyyoonni suni hundi darbanii har'arra taa'ee yoon ilaalu gammachuutu natti dhagahama.

Guyyaa eebbaakoo gammachuukoo qooddachuuf maatiikoo nama 10'tu dhufe. Abbaankoo lubbuudhaan hinjiran, yeroo daa'imummaakootii boqotan.

Harmeenkoo ni boossse, anas miira keessa na seensissan. "Abbaankee hinduune, jiru" jedhanii gaafa na jajan miirri yeroo sana ture ni ulfaata ture.

Jalqabbii malee gahumsa miti

Milkaa'inni amma argadhe jalqabbii malee gahumsakoo miti. Kanaafis har'a boru osoon hinged, yerookoo osoon hinballeessin barnootakoo digirii lammaffaa eegaluun barbaada.

Kana malees dhaabbilee gurguddoo keessa seenee ogummaa baradhe kanaan hawaasakoo tajaajiluun barbaada.

Gama biraatiin amma xiqqoo fooyya'iinsi jiraatullee dubartoonni baay'een keenya barattoonni ciccimoo warra dhiiraati, isaantu danda'a jennee of amansiisnerra.

Dubartoonni baay'een 'akka nuti hindandeenyetti' keessa keenya amansiisnerra. Yaada kana ofkeessaa balleessuu qabna.

Wanti qormaata nutti ta'u ni jira. Garuummoo qormaanni nucimsuu qaba malee duubatti nudeebisuu hinqabu.

Akka fakkeenyaatti wantoonni aarsaa akkan kaffalu nataasisan yeroo dhufan sirba eebbaan dhaggeeffadha ture. Kana jechuun gaafa eebbaakoo arguuf qormaatawwan kallattii adda addaatiin natti dhufan cicheen bira darbaa ture.

Kanaaf ejjennoodhaan gaafa hojjenne wanti hindanda'amne hinjiru. Dubartiinis gafa murteessite wanti duubatti sihee deebisu tokkoyyuu hinjiru. Kanaaf dubartootaan jajjabaadhaa jedha.