Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UAE'n waraana Baha Giddugaleessaa keessatti gaggeeffamaa jiruun maaliif gatii guddaa baasaa jirti?
Waraana Ameerikaa fi Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti banan ji'a lamaffaa yeroo qabatetti, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)'n ifatti xiyyeeffannoo Teehraan ta'aa dhufteetti.
Waraana kanaan Iraan haleellaa raawwattu Israa'el qofarratti gochuurra biyyoota miseensa Mana-maree Tumsa Galoo Galaanaa (GCC) ta'anirratti xiyyeeffachuun diroonota kuma hedduutti lakkaa'aman itti dhukaafteetti.
Kun Teehraan buufatawwan waraanaa Ameerikaa naannicha keessatti argaman haleeluudhaaf akeekkachiisa kennite gara hojiitti jijjiiruu ishee agarsiisa.
Akkasumas xiyyeeffannooshee UAE irratti taasisuun ishee hariiroon warra Abu Daabii waliin michummaa gaarii qaban Waashingitaniifi Israa'eliif ergaa cimaa dabarsu qaba.
Iraan walitti bu'iinsa kana baballisuun qaamolee hundaaf miidhaan waraana kanaa akka dabaluufi biyyoonni Galoo Galaanaa michuu isaanii kan taate Yunaayitid Isteetis waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka fudhattuuf dhiibbaa akka taasisan gochuuf yaala ajirti.
Deebii kanaaf ammoo Abu daabiin Teehraaniif karaa hin baratamneen jecha jajjaba gargaaramuun Ulaa Hormuuz eegsisuudhaaf carraaqqii taasifamuuf Ameerikaa waliin akka taatullee dhaadatteetti.
Kun ammoo mariifi ollaa gaariif dursa kennuu kan jedhu duraan turerraa adda ta'uu agarsiisa.
Haleellaa Iraan Galoo Galaanaa keessatti raawwatte hangami?
Akka miidiyaaleen gabaasanitti, Iraan keessumaa torban lamaan jalqabaa waraana kanaa keessa Israa'eliin osoo hin t aane biyyoota Galoo Galaanaarratti ture kan xiyyeeffattee haleelaa turte.
Buufata isaa Qaataar kan taasifate Al Jazeeraan akka gabaasetti, guyyoota 11 jalqabaa keessa haleellaan raawwatame "Israa'el xiyyeeffannaa Iraan jalqabaa akka hin taane" agarsiisa."
Teehraan gara biyyoota Arabaatti haleellaa 3,100 yeroo taasitu, gara Israa'elitti garuu 433 qofa taasite.
Torban sadan duraa waraana kana keessatti miidiyaaleen waa'ee haleellaa Iraan gabaasan ragaan ifa godhan akka agarsiisutti, UAE'n xiyyeeffannaan cimaa irratti taasifamaa tureera.
Itti-gaaftamaan Wiirtuu Qorannoo Imaammata Ummataa Dubaay Mahaammad Baahruun Abu Daabii Sky News TV irratti akka dubatetti, Teehraan UAE "salphaatti kan adamsitu" fi dhiibbaa "naannicha keessatti uumtu keessaa xiyyeeffannaa jalqabaa" akka taate kan agarsiisudha.
"Xiyyeeffannaan kun rukkutamnaan warri kaan kana hordofanii ni kufu kan jedhu tilmaama aanga'oota Iranitu jira: jechuun dubbate Baahiren.
UAE'n maaliif irratti xiyyeeffatame?
Waraannichi erga jalqabamee kaasee Iraan UAE keessatti bakkawwan murteessoo baayyee rukkutteetti.
Kanneen keessaa omishini gaazii Habishaan, buufata xiyyaara waraanaa Aldaafiraa, ulaa galaanaa Fuujaayiraah, dhaabbileen kuusaa boba'aa fi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Dubaay keessatti ni argamu.
Waajirri qoontsilaa UAE Iraaq naannoo Eerbiil keessatti argamu haleellaa diroonii lamaan rukkutameera.
Qaama waraana Iraan kan ta'e dubbi-himaan wiirtuu Kataam Al-Anbiyaa Koloneel Ibiraahim Zolfaqaarii UAE keessatti jiraattonni bakka namoonni baayyatan jiraatan nageenya mataasaaniif jecha "magaalota buufatawwan doonii Emireetis, bakka bidiruuwwan dhaabsifaman fi buufataaleen Ameerikaarraa" akka faggaataniif akeekkachiiseera.
iraan Wiirtuuwwan misaa'eliin Ameerikaa irraa dhukaafamurratti xiyyeeffachuun ofirraa ittisuuf "seeraan mirga" akka qabdu" dubbateera.
Iraan haleellaa qaama bulchiinsa kan tahe odola Kaarg fi Abu Muusaa irratti raawwatamuuf gargaarteetti jechuun yoo himattu, UAE'n garuu himannaa kana waakkatteetti.
Haleellaawwan kunneen dinagdee UAE irratti dhiibbaa akkamii uuman?
UAE'n yeroo dheeraatiif naannicha keessatti wiirtuu dinagdee, dijitaalaa fi miidiyaa ta'uushee ibsaa kan turte waraana kanaan dhiibbaan guddaan irra gaheera.
Haleellaa misaa'eliifi diroonii Iraan waliin walqabatee yaddoo nageenyaa mudatu dabalatee, gabaa aksiyoonaa guddaa UAE kan ta'e ADX General gabaa Galoo Galaanaa keessatti kasaaraa guddaa galmeesseera.
Ji'a tokko darbe keessatti gabaan aksiyoona kanaa dhibbentaa 11.42 hir'ateera jechuun ragaan Tireegiing Ikonoomiks mul'iseera.
Turiizimiifi aveeshiniin sababa naannoon qilleensaa cufatee fi balaliiwwan baayyeen haqamuu isaaniirraa kan ka'een kasaaraan guddaan irra gaheera.
Bitootessa 8 kan maxxanfame Al-Gaad Pirees Iraaq, torban jalqabaa waraana kanaa keessatti qofa buufataaleen xiyyaaraa biyyoota Galoo Galaanaa ja'a dolaara miliyoona 399 akka dhabaniifi kasaaraan UAE mudate kana keessaa dolaara miliyoona 95 akka ta'etti tilmaamama.
Seektarri inarjis taanaan akkuma kana miidhameera.
Ulgaan Hormuuz cufamuu isaatiinis omishini boba'aa guyyaa UAE walakkaa oliin hir'ateera jechuun Rooyitars gabaaseera.
Yeroo baayyee dhimma Yaman Bahaa irratti kan xiyyeeffatuufi ejjennoo farra UAE kan tarkaanfachiisu TV'n Al-Maahiriiyaah Bitootessa 11 akka gabaasetti, Abu Daabiin walitti bu'iinsicha keessatti "kan hunda caalaa mo'am" akka taate eeruun maqaan hawaasa idil-addunyaa biratti qabdu "akka jalaa miidhame" dabalee ibseera.
Dabalataan calaltuu boba'aa Ruwaayis fi Wiirtuu Boba'aa Fuujaahiraay irratti haleellaa raawwatameen omishini ishee akka hira'tes eeraara.
Abu Daabiin tarkaanfiiwwan akkamii fudhatte?
Aanga'oonni Emireetis fi miidiyaaleen UAE'n "michuu amanamtuu" naannichaa taatee akka mul'atuuf carraaqaniiru.
Erga waraanichi jalqabee booda Pirezidant Mohaammed Biin Zaayid ergaa jalqabaa ummataaf dabarsaniin lammileefi jiraattotaaf "wanti hunduu nagaadha" jechuun biyyi isaanii yaaddoowwan itti dhufan dura dhaabbachuuf "guutummaan guutuutti qophii" ta'uu mirkneessaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan Alangaa waliigalaa Hamaad Sayiif Shamsii ummanni haleellaa Iraan biyyattiirratti raawwattu suura kaasuu, maxxansuu ykn rabsuurraa akka of qusatu akeekkachiiseera.
Qajeelfamni kun lammileen biyya alaa haleellaawwan iraaniifi bu'aa isaanii dhugaafi kan fakkeeffamee qophaa'e agarsiisan qoodan akka to'ataman godheera.
Namoonni qabaman yoo xiqqaate himata hidhaa waggaa tokkoofi maallaqa dolaara 27,200 ol adabsiisuti isaan eeggata.
Hariiroo Emireetisiifi Iraan irratti dhiibbaa akkamii uuma?
Abu Daabii fi Teehraan walitti dhufeenya agarsiisuu kan jalqaban bara 2021 ture.
hariiroo dippilomaasii Iraan fi Sa'ud Arabiyaa gara duraan turetti deebisuuf carraaqqii Chaayinaan taasifte hordofee jijjiirama guddaa agarsiisee ture.
hariiroon jiru laaffachuuf sababiin irra caalaan faayida adinagdee Emireetis fi morkii Riyaad waliin keessa seenteen naannicha keessatti akka humna guddaatti of ilaaluuf fedhii qabdurraa kan ka'eenidha.
Haata'u malee, waraanni ammaa kun hariiroo UAE fi Iraan irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Kun ammoo gara wal himachuufi waltti dhaadachuutti akka guddatu taasiseera.
Jalqaba ji'a kanaarratti UAE'n imbaasiishee Teehraan jiru cuftee, sababa haleellaa Iraan daangaasheerratti raawwattuun ambaasaaddaraafi dippilomaatotashee baasteetti. Dabalataanis, Abu Daabii ambaasaaddara Iraan Reezaa Ameerin waamuun "ergaa mormii cimaa qabu" dabarsiteetti.
Ergaa tokkummaa biyyoota Galoo Galaanaa cimsu dabarsullee, gabaasaaleen miidiyaa akka mul'isanitti garuu Sa'ud Araiyaa fi UAE'n waraana Iraan waliin taasifamu keessatti hirmaachuuf "yaalaa jiru".
Jijjiiramni kun ammoo hariiroo Abu Daabii fi Teehraan gidduu jiru sirreessuudhaaf carraa jiru gufachiisuu danda'a.