Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif akkaadamii saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii hundeessuuf
Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif Yunivarsiitiin Jimmaa Akkaadamii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshinii fi Eeroospeesii hundeessuuf qophii xumuruu BBCβtti hime.
Yunivarsiitichatti, Inistuutiin Teknolojii Jimmaa (JiT) abbummaadhaan kan hogganu, Akkaadamiin Injinariingii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshiniifi Eeroospeesii kaarikulamii barnootaa qopheessuun waltajjii gamaggamaatiif dhiyeesseera.
Muummee barnootaa afur jalatti sagantaaleen jaha kan qophaaβan yoo taβu, isaan keessaa lama bara ittaanu akka eegalu, pirezidaantiin yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti beeksisan.
Dursaan garee Akkaadamii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshinii fi Eeroospeesii Dr. Isaayaas Nigaatuu, yunivarsiitiin Jimmaa beekumsaafi muuxannoo gabbataa gama injinariingiitiin qabu buβuureffachuun indastiricha saayinsii fi teknolojiidhaan guddisuu akka kaayyeffate BBCβtti himaniiru.
Yunivarsiitii guddicha Afrikaa kan taβe, Yunivarsiitiin Aviyeeshinii Itoophiyaa bara 1956 kan hundeeffame yoo taβu ogeeyyii biyyoota Afrikaa mararraa dhufaniif leenjii balaliisummaa fi kaan kennuudhaan beekama.
Kolleejjii Aviyeeshinii Naaashinaal (National Aviation College) fi Tajaajilli Aviyeeshinii Abisiiniyaa ammoo dhaabbilee dhuunfaa leenjii balaliisummaa fi kaan laatan yoo taβan, yunivarsiitiin mootummaa saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii barsiisu garuu hin jiru.
Maaliif Yunivarsiitiin Jimmaa akkaadamii kana banuuf xiyyeeffannoo addaa akka kenne, yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan Injinariingii Elektirikaalaafi Kompiitaraa, Dr. Isaayaas akkanaan seenaa aviyeeshinii Itoophiyaa dursuun ibsu.
Waggaa kudha torbaan dura Yuvarsiitiin Jimmaa saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii hundeessee barsiisuuf baayβee dhamaβus itti hin milkoofne. Amma garuu βwaanti mijataa taβes waan uumameef,β waggaafi jiβa jaha dura ammoo akka haaraatti yaannisaa irradeebiin akka kaβe yaadatan.
Duraan Daandii Qilleensa Itoophiyaa qofti aviyeeshinii barsiisuu fi namoonni qarshii qaban qofti waan itti galanii hojjetanitti akka fudhatamu kan kaasan, dursaan garee akkaadamichaa, sababoota ijoo sadii qorannoo barbaachisummaatiin adda bahan kaaβaniiru.
βBiyyi keenyaaf seenaan Aviyeeshinii hariiroo guddaa qabaβ kan jedhan qorataan kun, ''aviyeeshiniin indastirii jabaa addunyaa keenyaati waan taβeef isirratti hojjechuun barbaachisaadha'' jedhu.
Yunivarsiitiileen Itoophiyaa saayinsiifi teeknolojiif dursa kennuun akka hojjetan kan kaasan Dr. Isaayaas, guddinni aviyeeshiniis saayinsiif teeknolojii akka buβuureffatu dubbatu.
Gama biraatiin ammoo, hoggantoonni aviyeeshinii fi eeroospeesii namoota biyya alaa taβuu kaasuun, Yunivarsiitiin mootumaa (public university) indstiricha keessa seenuun gama hedduun buβaa guddaa buusuu akka dandaβu himan.
Itoophiyaan βAfrikaadhuma keessaayuu daftee indastirii aviyeeshinii keessa seenuuf ishee jalqabaatiβ Dr Isaayaas, xiyyaara jalqabaa kan humna ofiisaatiin kaβu, toβatamuufi balalii ittifufuu dandaβu kalaqamuun seenaa aviyeeshinii keessatti boqonnaa haaraa akka uume kaasu.
Biyyoonni guddatan dafanii gara indastirichaatti kan seenan yoo taβu, Itoophiyaanis biyyota addunyaa hedduu dursuun gara indastirichaatti seente jedhu Dr. Isaayaas. βBara 1929 xayyaarri [yeroo jalqabaaf] biyya keenya dhufeβ jechuun yaadatu.
βUummanni keenya fardarra taβeeyyuu waaβee xiyyaaraa yaadaa ture akka yaadaatti [imagaination]β
Xayyaarri yeroo jalqabaaf Itoophiyaa dhufte, naannoo Oromiyaa naannoo laga Gafarsaa akka qubatte kan kaasan qorataan Injinariingii Elektirikaalaa fi Kompiitaraa Dr. Isaayaas, uummanni garri caalu barnoota ammayyaa kan hin fudhanne taβus waan arge dinqifatee qofa manatti hin galle jedhu.
βAla inni [xayyaarri jalqabaa] dhufu, qotee bulaan bahee, lafa ciree, bakkee inni itti boqotu ilaalamee, naannoo Finfinnee bakkee Gafarsa jedhamu boqote [qubate]. Qotee bulaan kaan miilaan, kaan fardaan dhufa yookaan gaangee feβatee dhufa.
''Kan si dinqisiisu, uummanni keenya fardarra taβee, gaangeerra taaβetuyyu waaβee xiyyaaraa yaadaa ture akka yaadaatti. Fardumarraa kaβanii xiyyaara sanarratti baβan, boodumas'' jedhan.
''Akka yaadaa (imagination)tti in dandeenya waan jedhu horataniiru. Dhaqnee ilaallee galla jedhanii miti kan manaa bahan. Wanti barrisu [balaliβu] tokko dhufaa jira; hamma allaattii gaha. Alanni lafatti gadi dhiyaachaa dhufu, waan guddaa lafarra boqotu arguusaaniitti dinqisiitanii manatti hin galle. βWaanuma kana nus dhaqnee balaliisuu in dandeenyaβ isa jedhuun akka yaadatti (imagination) tti in dandeenya isa jedhu horataniituβ jechuun ibsu Dr. Isaayaas.
βMootummaan ala sana ture waggaama tokko booda 1930tti Itoophiyaan xayyaara afur bitatte.'' Arfan bitamanis tajaajila geejibaaf qofa otoo hin taane ergaa fi ittisa biyyaa dabalatee tajaajila gara garaa kennaa akka turanis himu.
βYeruma sana wiirtuun balaliistonni yookaan paayileetonni itti leenjiβan Jijjigaatti baname. Gara nama shanii kan taβan seenanii leenjiβani. Kun Ethiopian Air Force [Humna Qilleensa Itoophiyaa] hundeessuudhaaf buβuura taβe,'' jechuun achii as dhufaatii teknolojii xiyyaaraa ibsu.
Ganna shaniin booda ammoo balaliisu qofa otoo hin taane, βxayyaarichuma harka keenyaan hojjennaβ kakaβumsi jedhu dhufe. Injinaroonni naannoo jiraniif kan biraa itti makamanii, biyyuma keenya keessatti xayyaara tokko tolchani.
Gara saβaatii 30 balaliitee haaluma milkaaβaa taβeen goolabame. Maqaan xiyyaarichaas maqaa mucaa Mootii Hayilasillaaseetiin, Tsahaay jedhamuun moggaafame.
''Xiyyaarichis yeroo weerara Xaaliyaanii biyyaa hatamee kan ture yoo taβu, dhiyeenya Muummee Ministeera Abiy Ahmadiin gara biyyaatti deebiβee tureβ jechuun seenaa ture ibsan.
βSeena kanarraa kakaβumsa guddaa arganneerraβ
βSababni nuti akkaadamii akka taβu barbaanneefis, wantoota adda addaa ofkeessatti qabatee akka guddatu waan barbaanneedhaafidha. Baruuf barsiisuu qofarratti kan xiyyeeffatu miti. Qoβannoos in qaba, giddugala filatamaa fi kalaqaa (centre of excellence and innovation), booda ammoo gara tajaajila hawaasaatti kan adeemuβ taβuus himu.
Barnoonni kun kan daree keessattu baratamu βcaalaa waan harkaan tuqamuβ waan taβeef, waantoota shaakalaaf oolanii dafanii guutuun ulfaataa akka taβe kan kaasan Dr. Isaayaas, mala waloomaan yookaan shariikaan hojjechuu akka hordofan himu.
Kunis, indastiricha keessatti haala shaakalaaf mijatoo taβe kan qaban dhaabbanni buleeyyiin akka Humna Qilleensa Itoophiyaafi Daandii Qilleensa Itoophiyaa faa akka fayyadamaniif waliigalteerra gahuu isaaniis itti dabaluun ibsaniiru.
Kanaan duras Akkaadamichi Yunivarsiitiin Jimmaa, Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Humna Qilleensa Itoophiyaafi Yunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin sanada waliigaltee afranii mallatteessanii turan.
Gama yunivarsiitii Jimmaatiin saayinsii buβuuraa, beekumsa injinariingii, qorannoofi muuxannoo gabbataa saayinsiifi teknolojiitiin jiruun gara saayinsii aviyeeshiniitti fiduun buβaa guddaa akka buusan himaniiru. βBiyya keessaas biyya alaas yaada kana deeggaruuf kan hiriiranβ waan jiraniif isaan kana walitti fiduun guddina saayinsii aviyeeshiniitii fi eeroospeesii keessatti shoora guddaa bahachuuf akka karoorfate himan.
Akkaadamiin Yunivarsiitiin Jimmaa banaa jirus muummeewwan barnootaa afurii fi ispeeshaalaazeeshinii jaha kan qabu yoo taβu, qophiin isaanii akka xumurames himaniiru.
Akka jalqabbiitti gosa barnootaa hunda altokko eegaluun waan rakkisuu maluuf, sababoota biroo ilaalcha keessa galchuun kamtu dursee akka eegalus akka ifoomsan himaniiru qorataan kun.
Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaa βOgeessota isaanii waliinis hojjechaa jirra. Baayβisanii kan barbaadan isa kana ture. Itoophiyaa keessatti aviyeeshii irratti hundaaβee barnoonni kennamaa hin turre. Dhaabbileen barnootaa gara kanatti [aviyeeshiniitti] akka galan barbaadaa waan turaniif, nuti yaada kana qabannee gara isaanii deemuun gammaduu isaanii nuuf ibsaniiruβ jechuun ibsu Dr. Isaayaas.
Gama kanaan heeyyama abbaa taayitichaarraa argachuufis akka hojjetan kaasan.
Karoora gara fuulduraa
Akka yunivarsiitiitti βof guddisee sadarkaa addunyaarratti beekamuu barbaada. Ogeessota addunyaarratti dorgomanii, moβataniis, hojjetanii, biyya keenyaafis galii fidanβ oomishuun kaayyoo isaanii fuulduraa akka taβe himu qorataan Yunivarsiitii Jimmaa Inistuutii Teeknolojii kun.
Leenjii kennuudhaan alatti sadarkaa barnoota olaanootti saayinsii kana barachuunis daangaβaa waan taβeef, βAviyeeshinii fi eeroospeesiin keenya irra caalaa kan hoogganaman namoota biyya alaatiiniβ jedhan.
Hirβina kana furuun hoggantoota aviyeeshinii ciccimoo uumuun mulβata akkaadamichaa akka taβe ibsu. Meeshaalee indastirii aviyeeshinii keessatti barbaachisoo taβan biyya keessatti oomishuu dandeessisuunis mulβata akkaadamichi qabatee dhufe taβuus Dr. Isaayaas BBCβtti himan.
Yunivarsiitiin Jimma, Kolleejjii Qonnaa fi Inistuutii Saayinsii Fayyaa Jimmaa kan duraa-duubaan bara (1952 fi 1983) hundaaβan walitti makuun bara 1999 kan hundaaβe yoo taβu, falaasama βbarnoota hawaasa buβuuraffateβ (Community Based Education) jedhamuun beekama.
Boodarra barnootaa fi qorannoo gama saayinsii injinariingiitiinis kalaqa gara garaa gumaachaa kan ture yoo taβu, amma ammoo gama saayinsii injinariingii aviyeeshinii fi eeroospeesiitiin guddina indastirichaafis taβee biyyaaf gumachuuf haalduree akka xumure ibseera.