Kuufamni yuraaniyeemii gabbatee Iraan qabdu meeshaa waraanaa nukilaraa omishuu dandeesisaa?

.Gabbisa yuraaniyeemii

Madda suuraa, Getty Images/BBC

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp, Iraan 'yuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuuf waliigalteerti' jechuusaanii hordofee kuufamni yuraaniyeemii gabbataa Iraan qabdu qalbii hawwateera.

Haa ta'u malee ministirri itti aanaan dhimma alaa Iraan, Sa'iid Khatibzadeh yaada Tiraamp kana haalaniiru. Qondaalli kun yaadni Tiraamp "waan ta'uu hindandeenye" jechuun miidiyaatti dubbatan.

Biyyoonni lamaan marii nagaa gidduu isaanii jiru fulduratti tarkaanfachiisuuf sochii taasisaa kan jiran yemmuu ta'u, dhimmi yuraaniyeemii gabbataa mataduree marii isa ijoo ta'uunsaa hin oolu.

Garuu yuraaniyeemiin gabbate maali? Maalif hagas mara ijoo dubbii ta'e?

Yuraaniyeemiin gabbate maali?

Yuraaniyeemiin gosa albuudaa uumamaan lafa keessatti argamu yemmuu ta'u, yeroo baay'ee ayisotooppiiwwan U-238 fi U-235 jedhaman irraa kan hojjetamedha.

Yuraaniyeemii uumamaan argamu keessaa dhibbeentaa 99 ol kan ta'us U-238 kan jedhamufi atoomiiwwansaa salphaatti qoqqoodamuu kan hindandeenyedha.

Ayisotooppiin inni biraan U-235 jedhamufi baay'ina xiqqaan argamu (0.7%) immoo atoomiiwwan isaa salphaatti kan qoqqoodamanfi adeemsa 'nuclrear fission' jedhamuun anniisaa kan maddisiisudha.

Kanaafis yuraaniyeemii faayidaarra oolchuuf adeemsi hamma ayisotooppii U-235 itti guddisan gabbisa yuraaniyeemii jedhama.

.Ogeessa bakka gabbisa yuraaniyeemiitti mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba yuraaniyeemiin gara gaasiitti geeddarama. Itti aansuunis gaasiin kun maashiniiwwan saffisa olaanaan naanna'an keessa kaa'ama.

Hanguma maashiniiwwan kun naanna'an ayisotooppiin ulfaatina caalmaa qabu U-238 gara alaatti, ayisotooppiin inni salphaan U-235 immoo gara keessaa ta'u.

Haala kanaan yuraaniyeemiin inni baay'inaan hinargamnefi barbaadamaa ta'e U-235 calalamee adda akka bahu taasifama.

Garaagarummaan yuraaniyemii maashiniiwwan walnyaatinsa niwukilaraa hojjetan fi yuraaniyemii meeshaa waraanaa hojjechuuf oolu gidduu jiru maali?

Yuraaniyeemiin hammeentaa gabbinasaa irratti hundaa'uun tajaajilawwan garagaraaf oola.

Yuraaniyemiin haalaan hin gabbanne (ayisotooppii U-235 dhibbeentaa 3-5 kan ofkeessaa qabu) buufataalee maddisiisa anniisaa niwukilaraa keessatti akka boba'aatti faayidaarra oola.

Yunaariyeemiin haalaan gabbatefi ayisotooppii U-235 dhibbeentaa 20 yookiin isaa ol kan qabu immoo giddugalawwan qorannoo keessatti faayidaarra oola.

Gosti yuraaniyeemii meeshaalee waraanaa omishuuf oolu immoo yeroo baay'ee hanga dhibbeentaa 90%'tti kan gabbatedha.

Yuraaniyeemiin sadarkaa kanatti gabbannaan atoomiiwwan isaa saffisa olaanaan qoqqoodamu, anniisaa baay'ee guddaa ta'es yeroo sekondii tokkoo gadi ta'e keessatti gadhiisu.

Kanaafis haala akkanaa keessatti walnyaatinsi niwukilaraa battalatti to'annoon ala ta'uu danda'a.

Waliigaltee biyyoota gurguddoo addunyaa jaha: chaayinaa, Faransaay, Jarmanii, Raashiyaa, US fi Yunaayitid Kingidam ALA bara 2015 waliin taasifameen Iraan sadarkaan gabbisa niwukilaraashee dhibbeentaa 3.67 ol akka hintaane daangeffamtee turte.

Kana malees kuufamni yuraaniyeemii biyyattii kilogiraama 300 ol akka hintaanefi warshaashee lafa keessaa Fordo keessatti yuraaniyeemii akka hingabbisne dhorkamtee turte.

Lafa kuusaa yuraaniyeemii.

Madda suuraa, Getty Images

Sadarkaan gabbina yuraaniyeemii maaliif dhimma ijoo ta'e?

Hanguma gabbinni yuraaniyeemii dabalu dandeettiin meeshaa waraanaa niwukilaraa omishuuf qabu dabalaa deema.

Hammeentaa gabbinaa dhibbeentaa 20 irra gahuunis akka tarkaanfii guddaatti ilaalama. Sababnisaas yuraaniyemiin sadarkaa kanatti gabbachuuf yeroofi ifaajii guddaa barbaada.

Gama biraatiin immoo yuraaniyeemii dhibbeentaa 20fi isaa ol gabbate gara dhibbeentaa 90'tti guddisuuf adeemsawwan dabalataa muraasa qofa barbaada.

Kana jechuun yuraaniyemiin dhibbeentaa 20 gabbifame yeroo gabaabaa keessatti gara sadarkaa meeshaa waraanaa niwukilaraa omishuu dandeesisutti gabbachuu danda'a jechuudha.

Iraan yuraaniyeemii hagamii qabdi?

Marii US fi Iraan gidduu adeemaa jiruun dhimmi ijoon kuufamni yuraaniyeemii biyyattiin qabdu akkam ta'a kan jedhudha.

Angawoonni US akka jedhanitti yeroo waraanni jalqabutti, Iraan yuraaniyeemii %60 gabbate kilogiraama 440 kan ta'u qabdi ture. Yuraaniyeemiin kunis yeroo gabaabaa keessatti gara sadarkaa meeshaa waraanaa hojjechuu dandeesisu %90'tti gabbifamuu danda'a.

Kana malees Iraan yuraaniyeemii hanga %20 gabbate kilogiraama 1,000 akkasumas hanga naannoo %3.6'tti kan gabbate immoo yuraaniyeemii kilogiraama 8,500 qabdi. Yuraaniyeemiin kg 8,500 kunis anniisaa maddisiisuufi qorannoo dhimma fayyaatiif kan ooludha.

Harki caalmaan yuraaniyeemii haalaan gabbatefi meeshaa niwukilaraa hojjechuuf ooluu danda'u buufata gabbisa niwukilaraa Isfahan jedhamutti akka argamu amanama.

Buufanni lafa jalaa kun buufataalee niwukilaraa lafa jalaa sadeen bara darbe keessa haleellaan qilleensaa US fi Israa'el irratti qiyyaafame keessaa isa tokkodha.

Haa ta'u malee yuraaniyeemii haalaan gabbate biyyattiin qabu keessaa hagamtu iddoowwan birootti kuufamee jira kan jedhu hinbeekamu.

Iraan yaada waggoota 20 itti aananiif gabbisa niwukilarraa akka ofqusattuuf dhiyaate hinfudhanne. Garuummoo gabbisa niwukilaraashee waggoota shaniif dhaabuuf yaada dhiyeesiteertni.

Kana malees yaada yuraaniyeemii akkaan gabbatefi kilogiraama 440 ta'u dabarsitee akka laattuuf dhiyaates hinfudhanne.

Hogganaa Ejansii Atoomikii Idil addunyaa (IAEA) kan ta'an Raafaa'el Grossi'n Onkololeessa darbe miidiyaa AP'tti akka himanitti, yuraaniyeemiin kun itti fufuun yoo gabbate boombiiwwan niwukilaraa 10 omishuu akka dandeesisu himaniiru.

Iraan meeshaa waraanaa niwukilaraa hojjechaa jirtii?

Iraan buufataaleen niwukilaraashee guutummaatti dhimma nagaaf (hajaa waraanaan alaaf) faayidaarra oolaa akka jiran himti. IAEA's biyyattiin sagantaa omisha meeshaa waraana niwukilaraa hojiirra jiru qabaachuusheef ragaa akka hinarganne hima.

Yuraaniyeemii meeshaa waraanaa hojjechuu dandeesisu omishuun adeemsa meeshaa waraanaa niwukilaraa omishuu keessatti tarkaanfii tokko qofadha. Boombii niwukilaraa hojjechuunis dizaayinii, dhootuu (warhead) akkasumas meeshaa dhootuu kana baatee imalu (kan akka misaa'elaa) hojjechuu dabalatee hojii walxaxaa dabalataa barbaada.

"Iraan hanga yeroo saganticha dhaabuushee beeksistetti (2003'tti) dizaayinii dhootuu gama hojjechuutin dandeettii hamma ta'e gabbifatee turte" jetti ogeettiin to'annoo meeshaa waraanaa kan taate Paatrishiyaa Lewis.

Haa ta'u malee, "waliigalteen niwukilaraa bara 2015 erga fashaleefi mariin waliigaltee haaraadhaaf taasifamu milkaa'uu erga didee booda Iraan dhootuu hojjechuuf sochii taasisuu eegalteerti ta'uu danda'a" jetti.

Qorannoon Ejansii Tika Ittisaa US kan Caamsaa 2025 akka jedhutti Iraan "yeroo torbee tokko hinguunne keessatti" yuraaniyeemii sadarkaa meeshaa waraanaa omishuu dandeesisutti gabbatefi meeshaa waraanaa tokkoof ta'u omishuu dandeessi.

Haa ta'u malee Iraan, "meeshaa waraanaa niwukilaraa omishaa akka hinjirre mirkana" jechuunis gabaasichi hima.

Israa'el immoo gama isheetin Iraan kutaalee meeshaa waraanaa niwukilaraa gama hojjechuutiin "tarkaanfii qabatamaa" agarsiisuushee odeeffannoo basaasaa qabaachuushee him