Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin daa'immanshee lakkuu laga Waabeetti gatuun reeffisaanii akka hin argamne goote adabamate
Akeekkachiisa: Oduun kun miira keessan jeequu mala.
Jiraattuu Godina Baale Bahaa aanaa Laga Hidhaa Ganda Dullachaa kan taate himatamtuun Aadde Irkoo Alii Salaad jedhamtu yakki dhala gadaamessa ishee keessaa bahan lama irratti raawwate waan dhagahuufuu nama sururu.
Waa'ee yakka kanaa fi murtii kennamee irratti BBCf yaada kan kennan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baale Bahaatti Abbaa adeemsa qorannoo yakkoota adda addaa Obbo Abbabaa Tolasaa, yakki kuni A L I Onkololeessa 01, bara 2018 iddoo addaa Laga Waabee jedhamutti raawwatame.
Dubartiin kuni daa'imman lakkuu saalli isaanii tokko dhiira fi tokko dubara ta'anii fi erga dhalatanii reefu ji'a lama ta'an irratti yakki kuni kan raawwatame.
Ka'umsi yakka kanaas yaada hawaasaa 'daa'imman abbaan hin qabne maaf baatta?' kan jedhurraa madde.
Akka Abbaan Alangaa jedhutti, dubartiin kuni ilaalcha hawaasni naannoo kenneef Kanaan dhiibamuun yakka sukaneessaa kana raawwatte.
"Guyyaa jedhame kana halkan keessaa naannoo sa'aatii 11 yeroo ta'u, daa'immanshee lakkuu kan reefu ji'a lama ta'an kana laga guddaa naannoo sana jiru, laga Waabee keessatti darbattee gatuun lubbuun akka darban goote" jedhan Obbo Abbabaan.
Yakka kana erga raawwatteen boodas 'daa'imman kiyya ofiikoo guddisuu waan hin dandeenyeef nama guddisuuf kenneera' jechuun hawaasa naannoo dogogorsiisuuf yaalaa turuus eeran.
Hawaasni naannoo shakkii dubartii kanarratti argan bu'uura godhachuun eeruu poolisiif kennaniin poolisiin dubartii kana too'achuun qorannoo irratti taasise.
Dubartiin kunis 'daa'ima abbaa hin qabne maaf baatta' yaanni jedhu daa'imman kana akkan gatuuf sababa ta'e jechuun yakka kana akka raawwatte amante.
Daa'immaan lakkuun ji'a lama ta'an kan haadha isaaniin gara jabinaan Laga Waabeetti gataman kunis sababa lagni isaa laga guddaa ta'eef reeffi isaaniillee osoo hin argamiin hafe.
Abbaan Alangaa Godina Baale Bahaas yakka raawwatame kana ragaadhaan deeggaruun dhimmi isaa mana murtii olaanaa Godina Baale Bahaatti ilalamaa ture.
Manni murtichaas dhimmicha erga ilaalaa tureen booda dhadhacha gaafa 27/06/2018 ooleen haadha gara jabinaan ijoolleeshee lakkuu laga Wabeetti gatuun reeffi isaaniiyyuu akka hin argamne goote kuni hidhaa cimaa waggaa 25'n akka adabamtu itti mure.
Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baalee Bahaatti Abbaa Adeemsa yakkoota adda addaa Obbo Abbabaa Tolasaa, ilaalcha dogogoraa hawaasa keessa jiruun dhiibamuun yakka sukaneessaa akkanaa raawwachuun waan haalan nama gadiisiisu jedhan.
"Ijoollee kana namni abbaa ta'uu fi itti gaafatamummaa fudhatu yoo dhabame karaa seeraatiin gaafachuun ni danda'ama ture.
Dhaabbileen mootummaa dhimma kanarratti hojjetan akka gargaaran gaafachuunis ni danda'ama ture" jedhan.
Iddoowwan gammoojjii fageenyarra jiranitti hubannoon hawaasni dhimma seeraa irratti qabu gahaa waan hin taaneef dhimma yakkootaa fi adabbii hordofsiisuu irratti osoo yakki hin raawwatamne duratti hubannoo kennuun barbaachisaa ta'us akeekan.