KALLATTIIN, Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' -Tiraamp

Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Iraan ilaalchisee Waayit Haawus keessatti ibsa kenneen Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa Iraanitti raawwateen riqichi lamatti bahe, Tiraamp ammas dhaadate

    Riqicha Kaaraaj

    Madda suuraa, X/Mamlekate

    Pireezidant Tiraamp haleellaa Iraan Karaajitti raawwatteen booda riqichi guddaan lamatti gargar bahuu viidiyoo mul'isu miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodeera.

    Haleellaa kanaan namni lama ajjeefamuu aanga'oonnis, Tiraampis ibsaniiru.

    Tiraamp riqicha ijaarsarra jirutu manca'ee jedheera. Iraan ''wanti hunduu manc'ee dhumuu dura waliigalteerra gahu'' jechuun akeekkachiiseera'' Tiraamp.

    Haleellaa misaayelaa magaalaa Isfahaan jedhamutti raawwateen dhohinsi guddaan dhagaahameera.

  2. Astiroonotni NASA miindaan isaanii hangami?

    Victor Glover

    Madda suuraa, NASA

    Astiroonotii ta'uuf dheerinnikee meetira 1.5748 hanga 1.87 ta'uu qaba. saayinsiin digirii qabaachuu qabda. Achiis osoo hojiirra jirtuu balaa hanga du'aa sirra gahuu malu fudhachuuf qophaa'uu qabda.

    Haata'u malee astiroonotni NASA hojii kanaaf miindaan kaffalamuuf doolaara miliyoonaan lakkaa'amu miti. Ammaan tana mindaan astiroonotii tokkoo waggaatti $152,258.

    Hojii kana argachuun garuu salphaa miti. Addunyaarratti tarii hawaarrattis qacarrii isa dorgommiin akka malee itti baayyatuudha.

    Bara 2024 wayita NASA'n qacarriif beeksisa baasee ture, namootni 8,000 ol galmaahanii ture. Kana keessaa nama 10n qofatu qacaramuuf hiree argate.

    Qacarriin NASA kun waggaa waggaanis hin raawwatamu.

    NASAn seenaasaa keessatti aastiroonota 370 qofa qacare. Achii hojii kana argachuun salphaa miti.

  3. Imala gara Addeessaa Artemis II hanga ammaa

    Rookkeettii Artemis II

    Madda suuraa, Reuters

    Rookkeettiin astiroonota afur baattee erga bara 1972 yeroo duraaf nama qabattee gara Addeessaa qajeele akka ghaarii jira.

    Ammaan tana Astiroonotni dhiiraa sadiifi durbi tokko sagantaa NASA kanaan imalaa jiran oorbitii pilaanetii lafa marsaa jiru. Wayita kanatti hirriba sa'aa afurruurra jiru jedhame.

    Yeroo hirribaa dammaqan qaamni rookkeettiichaa gariin saffisa guddaan caccabee astiroonota gara kara Addeessaatti imala akka eegalan godha.

    Yeroo dhumaaf dhalli namaa kan Adseessarra qubate bara 1972 ture. Sagantaa Appooloo 17 jedhamuun.

    Hanga ammaatti waliigalaan astiroonotni 24 gara Addeessaa imalaniiru. Isaan keessaa walakkaan dachii Addeessaarra tarkaanfataniiru.

    Ammaan tana astiroonota 24 keessaa shan lubbuun jiru.

  4. Bulchiinsi MM Abiy waggoota saddeettan darbanii yoo ilaalamu

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga mormii ummataan gara aangootti dhufanii waggaa saddeet guuteera.

    Bara bulchiinsa isaanii Itoophiyaan waan baay'ee agarte, gaariis badaas. .

    Waggaa saddeettaffaa gara aangootti dhufuu isaanii hordofee magaalota garagaraatti hiriirri bahamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.

  5. Gutareez US fi Israa'el waraana akka dhaaban gaafatan

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, Getty Images

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Niiwyoorkitti ibsa gaazexessitootaaf kennaniin waraanichi atattamaan akka dhaabatuufi qaamni hunduu dhukaasa akka dhaabu gaafatan.

    ''Fiixee waraana guddaa Baha Gidduugalaa liqimsuufi dhiibbaansaa guutuu addunyaa waliin gahurra jirra'' jedhan.

    Ammayyuu namootni nagaan qaala'uu gatii boba'aafi nyaataan rakkachaa jira jedhan.

    ''Ulaan Hormuuz hudhamee yeroo qabamu, hiyyeeyyiin addunyaa fi namootni saaxilamoon kaan afuura baafachuu dadhabu'' jedhan.

    Dhibdeen karaa nagaa akka furamu bu'uraaleen misoomaa lammiilee nagaa ijaarsa nukileeraa dabalatu ''kabajamuufi eeggannoo argachuu qabu'' jedhe.

    Itti dabaluun ''ergaankoo ifadha, Yunaayitiid Isteetsiifi Israa'eliif yeroon itti waraana dararaa hamaa namarraan gaheefi dhiibbaa diinagdee hamaa qaqqabsiise dhaabuu qabdaniidha.

    ''Iraaniif ammoo olloota keessan haleeluu dhaabaa.''

  6. Maakroon isa Tiraamp waayee haadha warraa isaatiin isa cigeef deebii kenne

    Imaanu'eel Maakrooniifi haadha warraasaa

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidant Donaald Tiraamp Faransaay waraan Iraanirratti US deeggaruu diddee jedhee akka biyyaatti qeeqe. Achiimmoo dhuunfaanis Maakrooniin mufachiise.

    Yaada Roobii kenneen Tiraamp haati warraa Maakroon Brigiteen ''akkamalee isa cunqursiti'' jedhe.

    Maakroon qeeqa kanaaf deebii yoo kennu haasaa waayee hin baafneefi irratti deebii kennuunuu hin barbaachifneedha jedhe.

    Bulchiinsi Tiraamp dhimmoota dhimmoota tarsiimoorratti ejjannoon calaqqisaa jiru waldhahaadha jedhe Maakroon.

    ''Oduu baayyata, waan hedduun karaarraa maqaa jira. Garuu nu hundi tasgabbii barbaanna, boqonnaa, nagaatti deebi'uu. Agarsiisa miti.''

    Dhugaatti ejjennoo yoo qabaatte guyyaa hunda faallaa yaada guyyaa isa dura dubbattee dubbachuu hin qabdu'' jedhe Maakroon.

  7. Bitootessa keessa daballii si'a lama godhameen gaazii adiin 163 gale

    Konkolaattota

    Madda suuraa, Getty Images

    Sababa waraana Iraaniin gatiin boba’aa addunyaa akka malee dabaluu hordofuun, Itoophiyaatti gatiin gurgurtaa naafxaa fi beenzilaarratti hanga birrii 27 daballiin dabalataa godhame.

    Akka gatii haaraa Ministeerri Daldalaa fi walitti hidhaminsa qaxanaa Roobii Ebla 2026 ifoomseen ibsutti, gaazii adiin liitira tokkoon birrii 163 fi saantima 68 galeera. Benziiliin ammoo liitira tokkoof birrii 142 fi saantima 41n gurgurama.

    Daballiin gatii kun kaleessa galgala hojiirra kan oole yoo ta’u, baatii Bitootessaa qofatti daballii lammaffaa ta’uusaati. Torbanoota dura gatiin gurgurtaa boba'aa hanga birrii 17 dabale.

    Yeroo sanatti gatiin beenzilaa birrii sadii dabalee naannoo birrii 123tti gurguramaa ture. gaazii adiin birrii 10n dabale ture gara torban sadiif liitira tokkoof birrii 139 fi saantima 84n gurguramaa ture.

    Ministeerri Daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa xalayaa dhaabbilee boba'aatif ergeen daballiin gatii haaraan kun ''gatii boba'aa addunyaa irratti hundaa'uun'' akka ta'e ibseera.

    Ministirichi Kaasaahun Gofee biyyoonni Baha Giddu Galeessaa Itoophiyaa waliin waliigaltee mallatteessan boba'aa meetiriik toonii kuma 180 ol "adeemsa bitamuu fi geejjibsiifamaa gubbaa ture" sababa cufamuu Ulaa Hormuuz irraa kan ka'e "geessisuu akka hin dandeenye" ​​erga beeksisaniin guyyaa tokko booda daballiin ammaa kun kan labsame .

  8. Ibraahim Tiraayooree erga aangoo qabatee namootni nagaa 1,800 ajjeefamaniiru jedhame

    Ibraahim Tiraayooree

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Burkinaafaasootti erga hogganaan juntaa Ibraahiim Tiraayooree aangoo qabatee as namootni nagaa 1,800 ta'an ajjeefamaniiru jedhe Humaan Raayits Waach.

    Ajjeechaawwan kunniin yakka ''waraanaa fi yakka namoomaan qixxeedha'' jedhe.

    Akka gabaasa haaraa dhaabbatichaatti bara 2023 hanga 2025tti ta'iiwwan qorataman 57n namootni nagaan 1,837 ajjeefamaniiru. Daa'immanis ni dabalata jedhe.

    Ibraahim Tiraayooree fi ajajoonni waraanaa olaanoo jaha yakkoota kanaaf gaafatamoo ta'u jedhe. Jihaadistoorni shanis yakka kana keessaa akka harka qaban ibse.

    BBCn aanga'oota Burkinaafaasoo gaafatee ammatti deebii hin arganne. Amma dura garuu qaamotni mootummaa juntaa nama ajjeesuu haalaniiru.

  9. Yugaandaatti oolmaa daa'immanii keessatti daa'imman afur Mancaan ajjeefaman

    -

    Madda suuraa, Uganda Police Force

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Yugaandaa Kampaalaatti namni tokko mana barnootaa keessatti daa'imman afur ajjeesuu poolisiin beeksise.

    Magaalaa guddoo Kaampaalaatti Kamisa har'aa oolmaa daa'immanii keessatti raawwatamame.

    Namichi ajjeechaa kana raawwate oolmaa daa'immanii Gaabaa (Gaba Early Childhood Development Program) seenuun ijoollee oolmaa barattoota barattu "baay'inni isaanii ammaaf adda hin bahin gajaraadhaan haleeluu" daily monitor gabaaseera.

    Daa'imman ajjeefaman waggaa lamaa fi sadi jiddu akka ta'an himameera.

    Warri ijaan argan akka jedhanitti shakkamaan maatii ijoollee fakkaachuun jalqaba kutaa itti gaafatamtoota mana barnootichaa seenee itti gaafatamaa dubbise. Itti aansuun balbala qollofe, achii daa'imman irratti tokko tokkoon haleellaa raawwate.

    Shakkamaan kun to'annoo jala ooleera.

    Haleellaan akkasii Kampaalaa jiraattonni miliyoona 3 keessa jiraatan keessatti raawwatame.

  10. Ameerikaa fi Iraan doorsisa waldhabdeE caalatti hammeessu dhageessisan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Yeroo waraanni kun torban shaniif itti fufee jirutti gama lamaaniin doorsisni waraana kana xumuruu caalaa itti fufsiisuu danda'an dhaga'ameera.

    Gama Ameerikaan Tiraamp Iraan adabuu isaanii himuun ammas akka itti fufan akeekan.

    Iraan gama isheen haleellaa bal'aa Ameerikaafi Israa'el 'burkuteessu' akka gaggeessitu akeekkachiifterti.

    Ajajaan olaanaa waraana Iraan humni waraanaa biyyattii "sochii diinaa kamuu qolachuuf of eeggannoo olaanaarra akka ta'u ofirraa ittisuufi tarkaanfii fudhachuufis akka qophaa'an ajaja kennuun isaa gabaafameera.

    . Akeekkachiisni kun kan kenname Tiraamp torban lamaa hanga sadii dhufan keessatti Ameerikaan Iraan “garmalee cimsitee” akka rukuttu erga dubbatanii sa’aatii muraasa booda.

    Doorsisni gama lameeniin cimaa jiru kunis yeroo dhiyootti doorsisa biyyoota lamaan gidduu caalatti waraanicha hammeessu danda'u ta'uu akka danda'u eeramaa jira.

    Bitootessa 21: Tiraampi humnoonni Ameerikaa yoo Iraan sa’aatii 48 keessatti ulaa Hormuz hin banne ta’e, dhaabbilee annisaa Iraan “balleessa” jedhan. Iraan deebii kenniteen magaalaa Israa'el Dimoonaa irratti haleellaa raawwatte.

    Bitootessa 23: Tiraamp Iraan waliin marii ''baay'ee gaarii fi bu'a qabeessa'' ta'uu ibsuun, bu'uuraalee anniisaa irratti haleellaan karoorfame guyyoota shaniif yeroo biraatti dabarsuu ibse.

    Guyyaa sadii booda, Bitootessa 26 , gaaffii mootummaa Iraan hordofuun, gara guyyoota 10tti dheeressuu beeksise

    Bitootessa 31: Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC) dhaabbilee teeknooloojii Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa keessatti argaman kanneen akka Microsoft, Apple fi IBM irratti haleellaa raawwachuuf doorsise.

    Tiraamp doorsisa kana kuffisuudhaan, Iraan maal gochuu akka dandeessu himan.

  11. Raashiyaan waraanni Iraan akka dhaabbatuuf tumsa gochuuf qophii ta'uu beeksifte

    Puutin

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Puutin

    Raashiyaan waraanni Iraan akka xumuramuuf deggarsa gochuuf qophii ta'uufi Pireezdaanti Puutiin hogganoota naannichaa waliin mari'achuu itti fufuu isaanii dubbii himaan Kireemliin Dimiitrii Peeskoov Rooytarsitti himan.

    "Pireezdaantichi mariiwwan kanneen itti fufanii jiru, karuma ta'eenuu tumsi keenya yoo barbaachise saffisa barbaadamuun haala waraanni kun dhaabbatee gara nagaatti deebi'uun danda'amurratti deeggarsa gochuuf qophiidha" jedhan dubbii himaan kun.

    Pireezdaanti Tiraamp Ameerikaan NATO keessaa akka baatu yaada dhiyeessuu isaanii irratti kan gaafataman dubbii himaan Kireemliin, Raashiyaan NATO kan ilaaltu akka gurmii dubbii barbaaduutti jechuun deebii kennan.

  12. Isaaq ji'oota sadii ol booda yeroo duraaf leenjii gareetti deebi'e

    Aleksander Isaaq

    Madda suuraa, Getty Images

    Jifataan Liverpool ganna darbe gatii riikardii Ingiliz ta'een Niwkaasil irraa itti makame Mudde darbe erga miidhamee bayyanatee yeroo duraaf Kamisa kana garee wajjin leenji'uutti akka deebi'u leenjisaa Arni Isloot beeksise.

    Isaaq miillisaa cabee koronyoosaatiif waldhaansa baqaqsanii waldhaanuu argatee deebi'e.

    Isaaq erga Livepuul galee tapha 16 taphate. Goolii sadiis galcheera.

    Isaaq bakka miidhamee jirutti gareen biyyaalessaa Siwiidiin haala dhiphaa tureen gara waancaa Addunyaa dabarte.

    Liiverpool Sambata kana morkii nuusa xumuruaa waancaa FAn Maanchister Siitii morkata.

    Isaaq morkii sanarratti hirmaachuufi dhiisuun hin ibsamne.

  13. Ajajaan olaanaa waraana Iraan raayyaan biyyattii haleellaa diinaa kamiifiyyu akka qophaa'an ajaje

    Ajajaa olaanaa Iraan

    Madda suuraa, Tasnim

    Ajajaan olaanaa waraana Iraan Jenerlaa Amiir Hataamii, raayyaan biyyattii "sochii diinaa of eeggannoo olaanaatiin" akka hordofaniifi haleellaa kamiyyu ittisuuf tarkaanfii fudhachuuf akka qophaa'an ajaja kennuun isaa gabaafameera.

    Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin hariiroo kan qabu Taasniim gabaasa baaseen akka jedhetti, diinni karaa lafootiin duula banuuf kan yaalu yoo ta'e "namni tokkollee hafuu hin qabu" jechuun ajajoota raayyaaf ajaja dabarseera.

    Ajajaan olaanaa humna ittisaa guutummaa biyyattii keessa jiran, akkasumas humna lafoo, qilleensaa fi humnoota galaanaa waliin dubbachuu eerera.

    Gocha diinaa dura dhaabachuun akka danda'amuuf waraanni Iraan haleellaa raawwachuufi ittisuuf qophii guutuu taasisuu akka qabu akeekkachiiseera.

    Ajajaan waraanaa kun kana kan jedhe Pirezidant Doonaald Tiraamp torban lamaan ykn sadan itti aanutti Iraan keessatti "haleellaa guddaa" akka raawwatan dubbachuun boodadha.

    Ameerikaan gara odolawwan Iraanitti loltoota lafoo bobbaasti sodaan jedhus kan jalqabame bubbuleera.

  14. Iraan haleellaa bal'aa Ameerikaafi Israa'el 'burkuteessu' akka gaggeessitu akeekkachiifte

    Meeshaa waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi-himaan waraana Iraan, Ameerikaafi Israa'el haleellaa raawwachaa kan turan bakka "xiqqoorratti" xiyyeeffachuun akka ta'e ibsuun, Iraan haleellaa isaaniin "daaraa godhu, bal'aa fi barbadeessu" akka gaggeessitu akeekkachiise.

    Ibsi madda oduu Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu Taasniim irratti bahe, Ameerikaa fi Israa'el humna waraanaa Iraan fi meeshaa isheen qabdu ilaalchisee odeeffannoon qabna "guutuu akka hin taane" eeree jira.

    Dubbi-himaan kun itti dabaluun, omshini waraanaa Iraan, "bakka tasa isin hin beeknedha jira," jedheera.

    Haasaa Pirezidant Tiraamp kuufama meeshaa Iraan harka caala akka barbadeesseera jedhe kufaa taasiseera dubbi-himaan kun.

    Ameerikaa fi Israa'el "haleellaa bananiif gatii baasuu qabu" jedheera.

  15. Iraan "abiddan isinitti roobsa" jechuun USfi Israa'elitti dhaadatte

    Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa

    Madda suuraa, AFP

    Iraan haleellaa cimaa ta'e USfi Israa'elirratti akka gaggeessitu akeekkachiifte.

    Dubbi himaan humna waraanaa Iraan yeroo dhiyootti "abidda isinitti roobsinu arguuf jirtu" jechuun itti dhaadatan.

    Miidiyaaleen Iraan akka ibsa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Islaamaa irraa kenname akka gabaasanitti, USfi Israa'el waa'ee dandeettii humna waraanaa Iraan abjuudhanuu odeeffannoo hanquu ta'e qabu.

    Humni waraanaa Iraan dandeettiifi meeshaa waraanaa USfi Israa'el hin argin akka qabuufi haleellaa cimaa ta'e irratti gaggeessuf qophiirra akka jiru ibse.

    Dubbi himaan waraana Iraan dabaluunis, meeshaan waraanaa Iraan kan omishamu "bakka isin tasumaa yaaddanii hin beeknettiidha" jedhan.

    Tiraamp "kuusaan meeshaalee waraanaa Iraan manca'aa jira, Iraan meeshaa waraanaa fixaa jirti" jechuun isa dubbate soba jechuunis ibsan qondaalli Iraan kun.

  16. Seneegaal seera namoota jaalala saala wal-fakkaataa keessatti hirmaatan waggaa kudhaniin adabu baaste

    Nama alaabaa Seeneegaal qabatee mul'atu

    Madda suuraa, EPA

    Seneegaal jaalala saala wal-fakkaataa yakka gochuun seera tumte. Pirezidaantiin biyyattii Bassirou Diomaye seera jaalattoota saala wal-fakkaataa yoo xiqqaate waggaa 10 adabu mallatteessan.

    Seerri Seneegaal haaraa baaste kun jaalala saala wal-fakkaataa akka yakkaatti ilaaluu qofa osoo hin taane, gochaawwan jaalala saala wal-fakkaataa jajjabeessan "akka yakkaatti ilaalamu" jette.

    Gochaa jaalala saala wal-fakkaataa keessatti hirmaachuun hidhaa waggaa 10 kan adabsiisu yoo ta'u, jaalala saala wal-fakkaataa maallaqaafi wantoota biraan jajjebeessuun waggaa sadii hanga torbaa akka adabsiisus seerri haaraa bahe kun ni ibsa.

    Paarlaamaan Seneeegaal seericha ji'a darbe kan raggaasise yoo ta'u, pirezidaantiin biyyattii ammoo amma irratti mallatteessuun seera jaalala saala wal-fakkaataa dhorku ta'uusaa mirkaneessaniiru.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) garuu seerri Seneegaal baaste kun mirga namootaa kan sarbuudha jechuun yaaddoo qabu ibse.

    Seneegaal keessatti jaalattoota saala wal-fakkaataa ta'uun duraanuu dhorkaa ta'us, yeroo dhiyoo as biyyattiin namoota jaalala saala wal-fakkaataa gaggeessu jette heddu to'achuu hordofeeti seerri addatti jaalala saala wal-fakkaataa yakka taasisuufi namoota gochaa kana keessatti hirmaatan seeran adabasiisu akka bahu kan taasifame.

    Ji'a Guraandhalaa keessa poolisiin seneegaal dhiirota 12 "seera uumamaa sarban" jedhe to'achuu beeksisee ture. Gaazexeessitoonnifi namoonni bebbeekamoon kanneen to'ataman keessatti argamu.

  17. DR Koongoon waggaa 52 booda Waancaa Addunyaaf darbuu hordofee guyyaa ayyaana waggaa labsite

    Garee biyyaalessaa DR Koongoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Dimokiraatika Rippaabilika Koongoo biyyattiin walakkaa jaarraa booda Waancaa Addunyaaf darbuu hordofee Ebla 1 guyyaa ayyaana waggaa biyyaalessaa akka ta'u murteesse.

    Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Kibxata darbe 1-0 dhaan Jamaayikaa injifachuuni dorgommii Waancaa Addunyaaf kan dabarte.

    DR Koongoon waggaa 52 booda dorgommii Waancaa Afrikaaf darbuunshee biyyattii keessatti gammachuu guddaa uumera.

    Ministeerri humna namaafi qacarrii ibsa baaseen bu'aan gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa DR Koongoo argate mo'icha "seena qabeessa" ta'uu ibsuun kana sababeeffachuun tokkummaafi jaalala biyyaalessaa cimsuuf Ebla 1 guyyaa ayyaana waggaa biyyaalessaa akka ta'u beeksise.

    DR Koongoon Waancaa Addunyaaf kan dabarte si'a tokko qofa yoo ta'u, bara 1974 yeroo Zaayeer jedhamtee waamamtu ture.

  18. Iraan 'meeshaa waraanaa nukilaraa' hidhachuu geesseeturte -Tiraamp

    Dhimma waraana Iraan irratti Israa'el waliin tauun gaggeessaa jirurratti ibsa kan kenne Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan 'meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuuf xiqoomatu ishee hafa' jedhe.

    Waliigaltee nukilaraa Iraan waliin Ameerikaan mallatteessitee turte diiguu isaa ittin boona kan jedhe Tiraamp, mootummaan shororkeessaa akka Iraan 'nukilara hidhachuun yaaddoo bira darbamuu hin qabnedha' jechuun, Iraan irratti waraana banuuf sababa amansiisaa ta'uu isaa dhiyeesse Tiraamp.

  19. Pirezidant Tiraamp waraana Iraan ilaalchisuun Waayit Hawusitti ibsa kennaa jira

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Iraan ilaalchisee ibsa kallattiin Waayit Hawusirraa darbu kennaa jira.

    Jalqaba milkaa'ina Ergama Addeessaa Artemis II astiroonoomeroota afur erguun biyyattiin milkoofte jajuun eegale.

    Hawaa irrattis mooneerra erga jedheen booda, waraana Iraan keessatti gochaa jirruunis injifannoo ajaa'ibsiisaa galmeessineerra jedhe.

    Mootummaa abbaa irree waggoota 47 oliif Ameerikaa, Israa'eliifi michootaaf du'a hawwaa turre haleelleerra jedhe.

    "Amma humni mootummaa Iraan hojii ala gooneerra; gaggeessitoonni isaanii dhabamsiifamaniiru; amma yeroon asii dubbachaa jiru kanatti aanga'oonni Eegdota Warraaqsaa Rippabilika Islaamaa adabamaa jiru," jechuun dubbate Tiraamp.

    Akkuman bara bulchiinsa kootti Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa hidhachuu h

Trending Now