Ulaa galaanaa Baab El Mendeb Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne yaaddoo uume

Madda suuraa, Getty Images
Ulaa Galaana Diimaa daandii doonii murteessaa tahe akka cufsisuu dandeessu Iraan dhaadannaan daldala idil-addunyaa irratti danqaan biraa mudachuu danda'a yaaddoon jedhu uumameera.
Iraan Ulaa Hormuuz cufteetti. Kunis bob'aan Galoo-galaana Parshiyaa keessaa akka hin baane godheera.
Amma ammoo ulaa Galoo-galaana Edeniifi Galaana Diimaa gidduu kan argamu Ulaa Baab El Mendeb sochii daldalaa naannichaa danquuf dhaadataa jirti.
Iraan loltoonni Ameerikaa bulchiinsa ishee irratti bobbaafamnaan waraana kana gara dirree waraanaa biraatti akka bal'isutti himteetti.
''Baab El Mendeb ulaawwan galaanaa tarsimawaa jedhaman keessaati. Iraan ammoo dandeettiifi fedhii ulaa kana danquu qabdi,'' jechuun hogganaan waraana mootummaa Iraanitti dhiyeenya qaban dubbachuu maddi oduu Iraan Taasniim gabaaseera.
Ameerikaan buufata boba'aa Iraan kan tahe Kaargiin haleellaan Iraan ulaa galaanaa kana akka cuftu himteetti.
Pirezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp boba'aa Iraan ''fudhachuu'' akka barbaaduufi odolattii to'achuuf akka jedhus himeera.
Baab El Mendeb maaliif murteessaa tahe?
Ulaan Baab El Mendeb Galaana Diimaa fi Galaan Arabiyaa, Jibuutii fi Ertiraa gidduutti argama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dooniiwwan Garba Hindiifi Galoo Galaana Eden irraa bahan ulaa Suwiiz qaqqabuuf Baab El Mendeb keessa darbu.
Dheerina km115 fi bal'ina km36 qaba. Bara 1869 kaanaaliin Suwiiz banamuu hordofee Baab El Mendeb sochii daldalaa addunyaa keessatti shoora murteessaa akka qabaatu tahe.
Kanaanis, Awurooppaafi Eeshiyaa gidduu adeemuuf daandii galaanaa isa gabaabaa tahe.
Galaanni Diimaa sarara doonii akkaan ko'oman keessaa yoo tahu tiraafika daandii galaanaa addunyaa keessaa tokko arfaffaa qabata.
Ulaan galaanaa boba'aan addunyaa harka 20 tahu keessa daddarba kan jedhamu Ulaan Hormuuz cufamee jira.
Ulaan Baab El Mendeb cufamnaan ammoo dhiyeesiin boba'aaa harka 12 tahu ni raafama jechuu dha.
Akka odeeffannoon boba'aa Ameerikaa agarsiisutti taanaan biyyoota Baha Gidduugaleessaa fi Eeshiyaa irraa bob'aan gara Lixaa adeemu baarmelli miiliyoona shan tahu ulaa kana keessa darba.
Kana malees gaasiin dhangala'aa addunyaa %8 tahu sararuma kana keessa waan darbuuf dhiyeessii aannisaa addunyaa keessatti iddoo guddaa qaba jechuu dha.
Ulaan Hormuuz cufamuu hordofee barbaachisummaan Galaana Diimaa dabaleera.
Saa'udii Arbiyaan buufata Kayaanbuurraa boba'aa guuruuf Baab El Mendeb fayyadamuu jalqabdeetti.
Riyaad guyyaa guyyaan ujummoowwan bahaa irraa boba'a baarmeela miiliyoonaan lakkaa'amu daddabarsiti.
Boba'aa jikitaa fi gaasii dabalatee Baab El Mendeb bahaafi dhiha gidduu sarara daldalaa yoo tahu dooniiwwan fe'umsaa baayyee sarara kanaan darbu.
Ulaan kuni cufamnaan bara 2021tti dooniin fe'imsaa Paanaamaa Eavar Giivan ujummoo Siwiiz cufuun akka dhiibbaa uumte sochii daldalaa naannichaa dhiibbaa keessa galcha.

Madda suuraa, Getty Images
Shoora Huutii
Ulaa Baab El Mendeb irratti haleellaan taasifamu hundi garee Huuti teessoo isaa Yemen godhate irraa tahuu danda'a.
Hogganaan Huutii maqaansaa akka hin dhahamne gaafate tokko Teehraan deeggaruun ulaa kana haleeluuf ''qophii waraanaa qaba'' jechuun Rooyitarsitti himeera.
Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti waraana bananiin baatii tokko booda yeroo jalqabaaf warri Huutii guyyootaan dura Israa'el irratti haleellaa raawataniiru. Israa'el misaayelota lama Yaman irraa itti dhukaafaman akka fashaleessite himteetti.
Gareen hidhataa kuni daangaawwan Galaana Diimaa kan to'atu yoo tahu yeroo waraana Gaazaa Ulaa Baab El Mendeb irratti qiyyaafatee ture.
Warri Huutii dooniiwwan galaanaa 100 ol misaayelaan haleeluu dabalataan dirooniidhaan dooniiwwn lama dhidhimsuun, kaapteeniiwwan afur ajjeesaniru.
Gareen kuni bara 2023 Galaana Diimaa irratti socho'aa kan ture yoo tahu doonii UK Jaappaanitti galmaa'e butuuf heelikooptara fayyadameera.
Warri Huutii dooniiwwan Israa'el waliin hidhata qaban qofa irratti qiyaafannoo gochuu himanillee haleellaan akka feeteen akka taasifamu ni ibsama. Kunis dooniiwwan addunyaa sarara kana fayyadamuu akka dhaaban dirqamsiiseera.
Ameerikaan warri Huutii harka kennan jettullee gareen kuni garuu Ameerikaan gara duubaatti deebi'uu ibsanii ture. Xiinxaltoonni haleellaan kuni irra deebiin jalqabuu akka danda'u sodaa qabu.
''Waraanni Iraan kuni itti fufnaan Huutiin akka itti makamu waanuma eegamu dha,'' jechuun gaazexeessituun BBC Liis Duusit ni himti.
''Warri Huutii Baab El Mendeb danquudhaaf hamma yoonaa meeshaa waraanaa guddaa hin fayyadamne,'' jetti.
Huutiin erga waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaan booda dooniiwwan daldalaa haleeluu baatus ammallee Ameerikaaf naannicha keessa doonii dabarsuun yaaddeessaa dha jedhe bulchiinsi geejjiba galaanaa Ameerikaa.
Daldala addunyaa dhiibbaa jala jiru
Baab El Mendeb afaan Arbaan ''balbala gaddaa'' jechuu dha. Dambalii hamaa naannichatti mudatu,bubbee hin eegamne akkasumas wanbadooti galaanarraa lolli uumaniin yoo ilaalame maqichi ni ibsa.
Bara 2008 hanga 2012tti Ulaan Baab El Mendeb haleellaa wanbadootaa baayyee keessummeessera.
Yeroo baayyee wanbadooti kunneen Somaaliyaarraa kan deeman yoo tahu hojjettoota doonii butuun maallaqa gaafatu.
Daandiin galaanaa kuni cufamuun sochii daldalaa addunyaa sababa Ulaa Hormuuziin dadhabaa jiru ittuu hammeessuun gatii akka dabalu godha.
Galoo galaan kanarratti imalli doonii danqamuun boba'aan jikitaa Bireent gatiinsaa waraana dura doolaara 70 ture gara 115tti akka ol ka'u godheera.
Oomishaale idilee dabalatee daldalli addunyaa dhiibbaa jala kufee jira. Ulaan kuni danqamnaan ammoo diinagdee sababa waraana Iraaniin kufaa jiru hammeessuu mala.












