Gatiin konkolaattota elektirikii Itoophiyaatti 'garmalee' dabaluun waraana Iraan waliin hidhata qabaa?

Konkolaattota elektirikii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Lolli Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti geggeessan dhiyeessii boba'aa fi xaa'oo addunyaa jeeqeera.

Iraan daandii boba'aa fi gaazii guddaa kan ta'e Ulaa Hormuuz cufuu isheetiin hanqinni shaqaxoota adda addaa fi qaalayini gatii akka mudatu sababa ta'eera.

Itoophiyaatti hanqina boba'aa mudate hordofuun hojjettoonni mootummaa tokko tokko boqonnaa waggaa akka fudhatan gaafatamaa jiraachuu hojjattoonni BBC'n gaaffiifi deebii waliin taasise himan.

Hanqinni boba'aa sababa cufamuu Ulaa Hormuuz, kan boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 keessa darbu, damee geejjibaa magaalota gurguddoo Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka uume BBC'n jiraattotaa fi konkolaachiftoota irraa hubateera.

Hawaasni fi dhaabbileen boba'aa "qusannaa guddaan" akka fayyadaman yaadachiisa kennameen alatti, dursanii dhaabbilee nageenyaa fi konkolaattota geejjibaa uummataaf boba'aa akka kennan ajajni bahee jira.

Tibbana Itoophiyaatti gatiin konkolaattota elektirikii hanga birrii miliyoona walakkaa dabaluun gabaafamee ture. Daballiin gatii guddaan kun waraana Iraan waliin kan walqabatu ta'uu fi dhiisuu isaa ogeeyyii damee kanaa BBCn gaafateera.

Akka xiinxalaan konkolaataa Obbo Biruuk Awweqee jedhutti, daballiin gatii konkolaattota elektirikii waraana dura mul'ateera.

Daballiin gatii ji'a lama dura mudate erga waraanni eegalee booda hammaate jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Konkolaataa xixiqqaa irraa yoo kaane gatiin isaanii birrii kuma 400 irraa hanga birrii miiliyoona 1tti dabaleera. Sababni guddaan daballii kanaa baasiin geejjibaa dabaluudha," jedha.

Obbo Biruuk sababa waraanaatiin danqamuu geejiba galaanarraatiin konteenara tokkoof doonii tokkoof doolaara 2,500 hanga 4,000 dabaluu isaa eereera.

Daballiin kun konkolaattota elektirikii irratti haala walmadaaluu hin dandeenyeen kan mul'atu yoo ta'u, "konkolaattota baajata xiqqaa" beenzilaan hojjetanis irrattis daballiin mula'chu dubbata.

Fakkeenyaaf, konkolaataan Suzuki Dzire kanaan dura miiliyoona 3 fi kuma 300n gurguramaa ture; amma gatiin isaa miliyoona 4 fi kuma 300 ol gaheera.

Gabaa konkolaataa haaraa irratti akkuma gatiin dabalaa deemu konkolaattota tajaajilanirrattis gatiin ni dabala.

Konkolaattota elektirikii fi beenzila biyya alaatii galfaman malees konkolaattota biyya keessa oomishaman ykn tolfamanirrattis daballiin kun mul'ateera.

Biruuk akka jedhutti, "daballiin kun konkolaattonni elektirikii waan dabalaniif ykn namoonni beenzila irraa gara elektirikiitti waan ce'aniif miti. Namoonni gatiin boba'aa dabale ykn hanqinni mudachuu yoo dhaga'an salphaatti ni rifatu; fedhiin konkolaataa elektirikii amma durayyuu mul'ateera."

Yaaddoon dhiyeessii fi gatii boba'aa dabalaa dhufuun fayyadamtoonni gara filannoo fooyya'aa ta'etti akka ce'an kan kakaasu ta'uu ibsa.

Xiinxalaa dhimmoota konkolaataan walqabatanii kan ta'e Biruuk Itoophiyaa keessatti bittaa irra caalatti bittaa konkolaataa kan raawwatu kutaa hawaasaa galii giddu galeessaa qabu yoo ta'u, konkolaattotni baayyee barbaadaman ammoo "konkolaattota BYD gatii gadi aanaa qabanidha" jedha.

Konkolaataan BYD, kan chaarjii tokkoon hanga kiiloo meetira 400 deemuu danda'u, waraana Iraan dura naannoo miiliyoona 3.3 gurguramaa ture, amma garuu gatiin isaa miiliyoona 3.8 gaheera.

Konkolaataan kun gatii madaalaawaa jedhamee osoo doolaara kuma 10n gurguramaa jiruu Itoophiyaatti maaliif hanga miliyoona afuriin akka gurguramu warri bitan ni gaafatu jedha.

Waraana Iraan dura gabaan konkolaataa maal fakkaata ture?

Biruuk akka jedhutti erga barri 2026 seenee asitti daballii gatii konkolaataa sirriitti mula'ata.

Dambiiwwan Chaayinaa keessatti argaman gurgurtaa konkolaataa irratti dhiibbaa akka geessisan ibsuun, "konkolaattonni haaraan Chaayinaa irraa bitannu haaraa ta'anis yeroo biyya alaatti gurguraman kan tajaajilan jedhamanii gurguramu" jedha.

Chaayinaan maqaa konkolaattotashef eegumsa gochuuf jecha konkolaattotni tajaajila kennan alatti ergamuusaanii dura biyya keessa ji'oota jahaaf akka turan yoo ta'uu baate ammoo biyya itti ergamanitti meeshaale jijjiirraa waliin akka dabarfaman qajeelfama baafteetti.

Dirqama ji'a jaha turuu qabu inni jedhu lakkoofsa konkolaattota alatti ergamanii hir'iseera.

Konkolaattotni Chaayinaan bara 2026 keessa omishte Itoophiyaa akka hin geenye Biruuk ni dubbata.

Sababni daballii gatii kanaa kan biraan ammoo Chaayinaatti gibirri konkolaattota elektirikii irratti dhibbeentaa 5 dabaluudha. Kana malees, sababa waraana Iraaniin dhiibbaan baasii doonii irratti uumamees gatiin konkolaataa akka dabalu gumaacheera.

''Namoonni Dubaayi fi naannoo ishee irraa galchan asitti gurguraa turan, achirraas ajajaa turan,'' sababa cufamuu Ulaa Hormuuz fi balaa waraanaatiin gabaa keessatti daballii gatii ''guddaa'' mudateera.

Haaromsa seeraa Chaayinaan taasifteen alattis jijjiiramni Itoophiyaa keessatti godhames sababa biraadha.

Seerri cimaan namoonni biyya alaatii galchan konkolaataa biyya alaa irraa yeroo galchan wabii baatirii, meeshaalee jijiirraa konkolaataa, fi gurgurtaa booda tajaajila suphaa akka kennan dirqisiisu hawaasa fayyaduuf jecha bahee jira.

Sababa kanaatti lakkoofsi dhaabbilee konkolaattota biyya alaatii galchan ulaagaa kana guutanii fi ragaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii irraa haaromsan xiqqaa ta'ee itti fufeera.

Dhiheenya kana garuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii haal-duree dirqamaa tokko tokko laaffisuun dhaabbileen ragaa isaanii haaromsan akka dabalu taasiseera jedha Biruuk.

Fakkeenyaaf, tumaan garaajiin bakka isaa akka jiraatu gaafatu, namoota konkolaataa galchan warra garaajee qaban waliin akka walsimsiisu taasifameera.

"Gara ji'a jahaaf lakkoofsi dhaabbilee ragaa isaanii haaromsuu fi konkolaataa fiduu danda'an hir'achaa dhufeera. Garuu yeroo dhiyoo asitti fooyya'iinsi mul'ateera. Kunis sababa waraana Iraan daballii gatii fi baasii geejjibaa dabaluu waliin walitti makameera," jedha.

Bu'aan kana hunda walitti qabame gatii konkolaattota elektirikii ol kaasaa jira.

Konkolaataa chaarjii godhamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Daballiin elektirikii waraana Iraan waliin walqabataa?

Gabaa konkolaataa Itoophiyaa keessatti qooda guddaa kan qabu Dhaabbata Taamrin International Trading itti aanaan hogganaa hojii kan ta'e Faanu'eel Haayiluu ''sodaan konkolaachiftoonni konkolaattota beenzilaan hojjetan irratti qaban erga waraana Iraan booda waan dabale fakkaata'' jedha.

Konkolaachiftoonni hedduun beenzila irraa gara konkolaataa elektirikii jijjiiruuf "kaka'umsa" agarsiisuu isaanii, gabaan fedhii dabaluu agarsiisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Daballiin baasii geejjibaa amma mul'achaa jiru gabaa konkolaataa irratti dhiibbaa guddaa akka qabu ibsu.

Konkolaattota Tamri gurgurtaaf dhiyeessu keessaa konkolaattota elektirikii Suzuki Smart Mild Hybrid fi JAC ni argamu.

Faanu'eel konkolaattota amma qaban kanaaf "bu'aa baasii ijoo irratti hundaa'uun shallagameen hojjechaa waan jiraniif" gatii akka hin jijjiirre ibsa.

Haa ta'u malee, baasii omishaa ykn baasii geejjibaa moodeelota walfakkaatan irratti daballiin ifatti mul'ateera.

"Jibuutii irraa konkolaataa fudhachuuf geejjibni dachaa lamaa ol dabaleera" jedha.

Itti aanaan hogganaa hojii kun konkolaattota amma qaban irratti gatii dabalaa osoo hin jiraatin, daballiin kun konkolaattota gara fuula duraa irratti akka mul'atu ''ifaadha'' jedha.

Itti dabaluudhaanis waraana Iraan malees daballiin gatii gibiraa fi VAT waliin walqabatee gatii konkolaataa keessattis calaqqiseera.

Konkolaattota amma gabaa irra jiran keessaa fakkeenyaaf Suzuki Dzire gara birrii miiliyoona 4.6 fi Jaak gara birrii miiliyoona 4.2 gurguramaa jira.

Faanu'eel akkuma Biruuk dhiibbaa seera haaraa Chaayinaan geessise eereera.

Seerri haaraan Chaayinaa kun ''jijjiirama gatii'' akka fidu ibsu, ''konkolaattonni karaa namoota seera qabeessa biyya alaatii galfaman qofa, gatii qabatamaa isaaniitiin, wabii guutuudhaan waan galfamaniif sirreeffamni gatii ni jiraata'' jedhu.

Gatiin boba'aa waraana Iraan irraa kan ka'e dabaluu isaatiin baasii imala galaanaa fi lafaa akka dabalu taasiseera, "jijjiirama gatii fe'umsa daandii dabalatee" jechuun dubbata.

Itoophiyaan waggoota muraasa darbaniif konkolaattota beenzilaan hojjetan irratti uggura kaa'uudhaan konkolaattota elektirikiitii jajjabeessaa jirti.

Waraanni Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate hanqina boba'aa kan uume yoo ta'u, bitoonni konkolaataa gara konkolaattota elektirikii garagalchuuf sababa dabalataa kenneera.