Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababoota Masriin Janaraal Hafxaar deeggaruun Liibiyaatti loltuu erguuf maltu
Ollaa keessan balaan ibiddaa dhaqqabee isiniifi maatii keessanirratti balaa guddaa dhaqqabsiisuuf jirutti hojjattoonni balaa ibiddaa to'atan hin jiran taanaan waan uumamuu malu mee yaadaa.
Haalli kun akkaataa Masriin erga Koloneel Muβaammar Gaadaafiin bara 2011 aangoorraa kaafaman booda Liibiyaa ittiin ilaalaa turteedha.
Liibiyaan jaarmiyaalee mootummaa, loltoota ajaja tokkoon socho'an, hundaa ol ammoo kanneen daangaa eegan hin qabdu. Dabalataanis, biyyattiin waraanaan barbadoofteetti.
Masriin Pirezidantii ishee duraanii Mohaammad Mursii bara 2013 aangoorraa eega kaaftee hiite booda hoggantoota βMuslim Brotherhoodβ toβannaa jala oolchite. Kanaanis, xiyyeeffannaa keessa seente.
- Waxabajjii bara 2014, eegdonni daangaa jaha ajjeefamaniiru
- Bara 2017, gareen jihaadistootaa daangaa Masrii ceβuun loltoota 16 yoo ajjeesan, 13 ammoo madeessaniiru
- Liibiyaa keessatti hojjattoonni humnaa Masrii irratti xiyyeeffatamee ture.
Bara 2015 gareen IS aangoorraa kaafamu Pirezidant Mursiin waliin walqabsiisanii Kirsitaanota Masrii 12 eega ukkaamsan booda mormarraa kutaniiru.
Erga mootummaan Gaadaafii aangoorraa kaafame booda Liibiyaan Baha Giddu galeessaa fi Afrikaa Kaabaa keessatti gaheen ishee xiqqaate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii mootummaa ceeβumsaa hundeessuuf jidduu galus milishoota hidhatan hiikkachiisuu yookiin waliigaltee biyyaalessaa fiduu hin dandeenye.
Turkii
Liibiyaan Lixaan garee finxaalessitoota Islaamaatiin yoo toβatamtu gama bahaatiin ammoo isaan Islaamummaa hin leellifneen bakka lamatti qoodamteetti.
Masriin βMuslim Brotherhoodβ garee shorarkeessaati jettee kan labsite taβus, waraana Janaraal Hafxaar kan finxaalessitoota Islaamaarratti waraana labse irratti dhiibbaa godhuunshee waan nama raaju hin taβu.
Innis isaan waliin wal loluun Beengaazii fi giddu galoota garee milishaa finxaalessitoota Islaamaa bilisa baaseera.
Turkiin deeggartuu siyaasa Islaamummaa naannichaa yoo taatu, waggaa darbe irraa jalqabdee mootummaa toβannaa UN jala jiru irratti dhiibbaa godhuu jalqabde.
Mootummichaaf gargaarsa teekniikaa fi waraanaa taasifti, kunis akka loltoonni Jeneraal Hafxaar magaalaa Tirippoolii toβannaasaa jala akka hin galchine godheera.
Gargaarsa Turkiitiin bulchiinsi Tirippoolii kutaalee biyyattii biroo toβannaa ofii jala galchuu fi Janaraal Hafxaar guutumatti injifachuuf fedhii qabu mulβiseera.
βSarara diimaaβ
Pireezidant al-Siisiin biyyeerratti sarara sararaniiru. Galaana Meeditiriyaanii iddoo Sirxii jedhamtuu fi naannoo kaampii waraana Liibiyaa Jufraa jedhamtutti βsarara diimaaβ Masriiti jechuun sararan.
Loltoonni Tirippooliitiin sarara san darbuuf yaalii yoo taasisan nageenya biyyaalessaatiif yaaddoo taβa jedhan.
Guyyoota muraasa booda paarlaamaan biyyattii pireezidaantichi iddoo sanitti loltoota akka bobbaasu ajaja dabarseera.
Bulchiinsi Tirippooliis murtee Pirezidaant al-Siisii irratti dallanuun murtee darbe sanis βwaraanatu labsameβ jedheera.
Inni kun doorsisa dhugaati moo isa sobaati?
Namoonni Masrii ala jiran waaβee waraana biyyattii fi dandeettii waraanichaarratti gaaffii kaasuu jalqaban.
Biyyattii keessatti mariin dhimma waraanaa fi hojiileesaarratti taasisuun dhorkaadha.
Miidiyaan biyyattii pireezidaanticha jajuun waraana biyyattii waraanota jajjaboo addunyaa keessaa isa tokko jechuun ibseera.
Rakkoo jabaa
Namoonni waraana Masrii hordofan waraanni biyyattii eega bara 1973 as dirree waraanaatti waraana irratti akka hin hirmaanne kan ibsan yoo taβu, innis waraana yeroo dheeraa gammoojjii Sinaaβi irratti Israaβeel waliin taasisedha.
Waraanni yeroo dhihoo hidhattoota finxaalessitoota Islaamaa waliin kaaba Sinaaβi waliin taasise yoo tau, innis hamma kana waan raajjeffamu miti.
Waraanni gammoojjii Liibiyaatti waraana biyyattii fi milishoota hedduu waliin taasisu rakkoo dabalataa uumuu dandaβa.
Masrii sarara ishee sarartus rakkoo jabaa keessa akka jirtu beekteetti:
- Yaalii Jufraa fi Siirxii toβannaa jala oolchuuf taasifamurratti dursitee tarkaanfii fudhachuun, doorsisa waraanaa hamilee cabsuuf taasiftu isaan dallansiisuu dandaβa
- Yookiin ammoo hamma qaamni kuun sararicha ceβuuf eeguun, Masriifi waraana Liibiyaa dallansiisuuf ni barfata taβa.