Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Kaappital : Baayidan hokkora deeggartoonni Tiraamp 'Capitol'tti kaasan balaaleffatan
Injifataan filannoo Pireezdaantummaa US Joo Baayiden deeggartoonni Tiraamp gamoo Kongiresii US humnaan seenuu βhokkoraβ uuman hadheefatanii balaalleffatan.
Dimookraatoonni hokkora adeemaa jiru kana Pireezdaant Tiraamp βitti gaafatamummaa fudhateβ akka tasgabeessuuf gaafataniiru.
Tiraamp ursee mormitoonni akka gara mana mootummaatti hiriiraaniif gaafatanii, boodarra βmanatti galaaβ jechuun dhaamaniiru.
Mariin Kongireesii waliin injiffannoo Baayden raggasiisuuf adeemsifamaa ture erga hokkorri kun tasgabbaaβe booda deebiβee eegaleera.
Itti aanaan Pireesdaantii US Maayik Peens maariii Roobii galgalaa kana yeroo eegalu, βseeraa mana mootummaa US keessatti kun guyyaa isa hamaadha,β jechuun dubbataniiru..
Moormitoonni gamoo kana poolisoota loluun darbanii iyyaa, alaabaa suura Tiraamp qabu qabatanii humnaan yeroo seenanitti buβaan filannoo akka haqamuuf gaafachaa turani.
Gochaa addunyaa maraan ilaalamaa ture kanaan, dhukaasii dhagaβamaa ture, gaasiin nama boossisus mormitootatti biifamaa ture.
Miseensonni kongiresii gamoo Kongiresii Rotundaa keessatti sodaan yeroo dhokatan mul'ateera.
Aangaaβoonni fedeeralaa akka jedhanitti meeshalee dhoyiinsaa taβuun shakkaman lama kan argaman yoo taβu, lamaanu FBI fi poolisii Kapitool Hiiliin nagaan toβatamaniiru.
Hokkorri kun kan uumame yeroo Dimookratoonni lama filannoo teessoo Seneetii Joorjiyaa injifatanitti.
Kadhimatootni Dimookraatotaa lamaan teessoo Seeneetii Joorjiyaa injifachuu jechuun ammoo dhaabichi Seeneetii keessatti olaantummaa akka qabaatu godhee jira.
Joo Baayideen maal jedhan?
Filannoo pireezdaantummaa ka injifate Joo baayden gochii mormitootaa kun βmootummaa jeequu irraa kan hin hanqanneedha,β jedhaniiru.
Haasaa Delaweer Wilmingitaan irraa taasisaniin dimookraasii irratti βhaleellaa raawwatamee hin beekneβ dha jedhan.
βPireezdaant Tiraamp amma TV irratti baβee waadaa isaa guutuun heeraa biyyatti eegee fincilli kun akka dhaabatuuf akka godhuuf waamichan dhiyeessa,β jedhaniiru.
Gamoo teessoo mootummaa humnaan seenuun, foddaa caccabsuun, kutaalee Seneetii US toβachuun, nageenyaa qoondaltoota filatamanii yaddoo keessa galchuun βKun hiriira mormii miti, finciladhaβ jechuunis dubbatan
Tiraamp maal jedhan?
Tiraamp viidiyoo twiitara gubbaa gadhiisaniin himannaa filannoon haatamera jedhu irra deebiβuun dubbataniiru.
''Akka miidhamtan beeka. Akka gadditan beeka'' jedhan deeggartoota isaaniin.
βFilannoon nu jalaa hatameera. Filannoo kufe taβuu namni hundi beeka, keessumaa qaamni inni faallaa jedhan.
βGaruu amma gara manaa galuu qabdu. Nagaa qabaachuu qabna.β
Roobii ganamaan hirmaatootta βHiriira Ameerikaa olchaaβ jedhurratti hirmaataniin Waayit Haawuus fulduratti haasaa taasisaniin mormiitoonni gara mana mootummaa akka deeman gaafatanii ture.
Teessoo mootummaatti(Capitol) maaltu uumame?
Jeeqtoonni kun -kan gariin isaanii uuffatta qama eegu uffatan- poolisii haleeluuf keemikaala akka fayyadaman Hogganaan Poolisii Waashingitan Roobart Koontee dubbataniiru.
Gamoo sana keessa humnaan seenuun βEessa jiru?β jechaa iyyaa dhaadannoo βTiraampiin barbaannaβ jedhu dhageessisaa turani.
Namni tokko waltajjii Seeneetiitti ol baβuun βTiraamp filannoo injifateeraβ jechuun iyyaa ture. Namni biraan ammo waajjira Af yaaβiii Mana Maree Bakka Buututaa Naanci Peelosii keessa luka isaa miinjalatti ol baasee taaβaa ture.
Kutaa mariin itti gaggeefamaa ture keessa mormiitoooni akka hin seenneef poolisiin balbalatti barcumaa fi miinjaala hirkisuun shugguxii isaanii baasaanii eegaa turani.
Looltoonni, qoondaltoonni FBI fi US Secret Service boodarra poolisii Kaapitool gargaaruuf bobbaafamaniiru.
Hokkorichaan saβaatii hedduu booda aangaβoonni Seeneetii gamoon kun qamoolee nageenya eegasisaaniin toβatamuu ibsaniiru.
Poolisiin Waashigtan shuquxiin shan boojiβaamuu fi yoo xiqqaate namootni 13 toβannoo jala ooluu isaani ibseera.
Dabalataanis mana mootummaa Kaansas, Joorjiyaa, Yutaa, Origoon fi bulchiinsa kaabaa Washiingitan keessa hiriirri mormii gaggeeffamaa ture.