Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tookiyoo 2020: Itoophiyaan atileetota Olompikii Tookiyoorratti hirmaatan ifa goote
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetota dorgommii Olompikii Tookiyoo 2020 irratti Itoophiyaa bakka buβanii dorgoman beeksiseera.
Atileetotni fiigicha meetira 800 hanga 10,000 dorgomani fi federeeshinichi beeksise kunneen dorgommii calallii biyya Neezarlaand magaala Heengilootti taasifamen qabxii fooyyee kan qaban akka taβe himameera.
Olimpikiin Tookiyoo 2020 bara darbe sababa weerara koronaavaayirasii osoo hin gaggeeffamiin hafe bara kana Adoolessa 23 hanga Hagayya 8 Jappaan Tookiyootti adeemsifama.
Atileetootni dorgommii idil-addunyaarratti saβaa fooyyee galmeessisan, kunneen shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaa irratti qabxii fooyyee kan qaban akkasumas kanaan dura dorgommii Olompikiif filamanii sababa dhibee Covid-19 fi miidhamaan dorgommii calallii irratti hirmaachuu hin dandeenye 70tu dorgommii Neezarlaand Heengiloorratti hirmaate.
Federeeshinichi atileetootni biroon dhuunfaadhaan deemanii akka dorgoman heeyyamee akka ture ni yaadatama.
Haaluma kanaan atileetotni dorgommii calallii Heengiloorratti tokkoffaa hanga sadaffaa xumuran kallattiin Olompikii Tookiyoorratti kan hirmaatan yemmuu taβu afraffaa taβuun kan xummuran immoo eeggattoota akka taβan federeeshinichi beeksiseera.
Fiigicha meetira 10,000nin dhiirotaan Salamoon Baaraggaa, Yoomif Qajeelchaa, Barrihu Argaawii fi Haagos Gabrahiwat (eeggataa) kan filataman yemmuu taβu dubartootaan immoo Lattasanbat Giday, Tsigee Gabrasalaamaa, Tsahaay Gammachuu fi Yaalamzarf Yahuwaalaw (eeggattuu) taβuun filamaniiru.
Fiigicha meetira 5,000 dubartootaan Gudaaf Tsaggaaye, Ijjigaayoo Taayyee, Sanbaree Tafariifi Faantu Warquu (eeggattuu) taβuun yemmuu filaman dhiirotaan immoo Geetinnat Waala, Nibrat Malaaka, Milkeessaa Magashaafi Addisuu Yihunee (eeggataa) taβuun filamaniiru.
Federeeshinichi atileetota gosoota dorgommii meetira 1,500, meetira 800 dubartootaan akkasumas fiigicha sakaallaa meetira 3,000n kunneen Itoophiyaa bakka buβan ifoomsera.
Atileetotni fiigicha meetira 800 dhiirotaan dorgommii calallii Heengiloorratti dorgoman ulaagaa olompikiif barbaachisu /minima/ osoo hin guutin hafuusaanii federeeshinichi beeksiseera.
Damee kanarratti atileetotni kana booda dorgommiiwwan biroorratti hirmaachun βminimaβ guutuu dandaβan gara Tookiyoo akka deeman federeeshinichi himeera.
Keessattuu komii atileet Qananniisaa Baqqalaan walqabatee dhimma ijoo taβee kan ture atileetootni damee maraatoonin biyyattii bakka buβan adda bahuusaanii federeeshinichi beeksiseera.
Federeeshinichi Caamsaa 01 bara 2021 dorgommii calallii maaraatoonii magaala Sabbataatti adeemsiseen gama dhiiraatin atileetota afur qabxii fooyyee qaban afur ibsee ture.
Atileetootni dorgommii kanarratti tokkoffaa hanga afraffaa bahanis Shuraa Qixxaataa, Lelisaa Dessisaa, Sisaay Lammaa fi Caaluu Dassoo turan.
Haa ta'u malee federeeshinichi ibsa jiβa tokko dura kenneen atileetota gama maraatoonin biyyattii bakka buβan murteessuuf aangoon dhumaa kan Koree Teknikaa Biyyaalessaa akka taβe himuunsaa ni yaadatama.
Sababa kanaafis atileetonni maaratooniidhaan Olimpikii Tookiyoo irratti hirmaatan hin ibsamne.
Maaraatoonii Shaambal Abbaba Biqilaa 37ffaa
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsa har'a miidiyaalef kenneen Maaraatoonin Shaambal Abbaba Biqilaa 37ffaa Waxabajjii 06 bara 2013 magaala Finfinnee Koyye Facceetti akka adeemsifamu beeksiseera.
Dorgommii guyyaa Dilbataa kana irratti atileetotni dubartootni 76, dhiirotni 223 akkasumas atileetotni buleeyyiin /veteran/ 36 waliigala atileetotni 335 akka hirmaatan himameera.
Maaraatooni Abbaba Biqilaa 37ffaa kanarratti atileetotni biyyaalee ollaa akka hirmaatanif biyyalee sadiif waamichi taasifamuun himameera.
"Dorgomichi atileetotaaf carraa dorgommii kan uumuufi akka ofmadaalan kan gargaarudha" jedhameera.
Dorgommiin maraatoonii kan dubartootaa Dilbata ganama sa'aa 1:30 irratti kan eegalu yemmuu ta'u kan dhiirolii immoo sa'aa 1:45 irratti eegala.
Atileetota dorgomicha mo'ataniifis badhaasni addaa qophaa'uu hogganaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Bililiny Maqoyyaa himaniiru.
Dorgomichi gama fooddaa televiziyoonaan miidiyaa EBC irratti kallattin kan tamsa'u ta'uu federeeshinichi beeksiseera.