Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ogeeyyiin miidiyaa torbee dura hidhaman eessa akka jiran hin beekamu'
Torban tokko dura dhabbilee miidiyaa lamma irraa toβannoo jala kan oolan ogeessonni miidiyaa eessa akka jiran akka hin beekamne abukaatoon isaani himan.
Ogeessotni miidiyaa kunneen erga toβannoo jala oolanii torban tokko ol taβus hanga ammaatti mana murtiitti akka hin dhiyaannee fi eessa akka jiran maatiin isaanii baruu akka hin dandeenye abukaatoon isaanii Obbo Taaddalaa Gabramadihin BBCtti himaniiru.
Miidiyaa Yuutubii irratti hundaa'e Itiyoo Fooram jedhamu keessa gaazexeessitoonni hojjataniifi hojjattoonni Wiirtuu Miidiyaa Awuloo qondaaltota poolisiin toβannoo jala ooluun isaanii gabaafamuun isaa ni yaadatama.
Mirga gaazexeessitootaaf kan falmu CPJ'n toβannoo jala ooluu oggeesota kana irratti ibsa baaseen, mootummaan gaazexessitootaafi ogeessota miidiyaa toβannoo jala olche hatattamaan akka gadhiisu fi namoota hojii miidiyaa keessa jiran irratti dhiibbaa uumu akka dhaabuuf gaafateera.
Mudde 23/2013 irratti poolisiin Wiirtuu Miidiyaa Awuloo Finfinnee jiru humnaan seenuun hojjatoota wiirtichaa 12 toβachuu isaa namoota dhiyeenyatti dhimmicha beekan irraa dhagaβuu CPJ'n ibseera.
Haala wal fakkaataan Yuutuubii irratti chaanaalii Itiyoo Fooram jedhamu irratti gabaasa kan dhiyeessan oggeessonni miidiyaa Ababaa Baayyuu fi Yayasaw Shimalis jedhaman poolisiitiin toβannoo jala ooluu isaanii ibseera.
Abukaatoon isaanii Obbo Taaddalaa, ogeessonni miidiyaa kunneen toβannoo jala kan oolfaman poolisii federaalaan akka taβeefi yeroo toβannoo jala oolfamanitti naannaa Meeksikoo jedhamee beekamutti Wajjira Poolisii Feederaalaa argamutti geeffamuu isaani himeera.
βHanga Jimaataatti (Mudde 25/2013) maatiin isaan dubbisaafi nyaata geessaafii turan. Sana booda garuu βgadhiifamaniiru as hin jiranβ jedhamani. Maatiin isaan argachuu hin dandeenye. Mana murtiittis hanga ammaatti hin dhiyaanne,β jechuun dubbataniiru.
Ogeessoti midiyaa kunneen mana murtiitti akka isaan hin dhiyaannee gochuu irra darbe maaliif akka toβannoo jala oolfaman akka itti hin himamne Obbo Taddalaan ibsaniiru.
βWaβee hidhamuu ogeessota kanaa irratti poolisiin gaaffii miidiyaa haawaassummaa tokko irratti dhiyaateef, kan isaan hidhaman gartuu shorokeessaa waliin hidhata wan qabaniifi jechuun deebii kennuu isaa dubbiseera. Isaan alatti garuu nuuf ifatti nutti hin himamne,β jedhan.
Dhimma kana irratti poolisii federaalaa irraa deebii argachuuf yaallus nuuf hin milkoofne.
Oggeessotni kunneen kan toβannoo jala oolan hojii miidiyaa isaanii waliin sababa wal qabateeni jechuun akka amanan abukaatoon kun ni himu.
βMaatiin hedduu dhiphatanii gara komishinii mirga namoomaa deemuun iyyata galchatanii ture. Wiixataa fi Kibxata mana murtiitti ni dhiyaatu jedhamnee eegaa turre garuu utuu hin dhiyaatiin hafaniiru,β jedhan.
Akka seera biyyattiitti akka barbaadan toβannoo jala olchuun jiraachuu hin qabu ture kan jedhan abukaatoon kun, maamiltoonni isaanii toβannoo jala oolanii saβaatii 48 keesatti mana murtiitti dhiyaachuu qabu ture jechuun seerri biyyatti hojiirra hin ooliin hafeera jedhaniiru.