Huutiin Yaman waraana Iraan irratti akka hin hirmaanne maaltu danqaa itti ta'e?

Madda suuraa, Reuters
Erga Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti haleellaa bananii, Iraan immoo haleellaa haaloo bahuu eegaltee as finciltoonni Huutii Iraanin deeggaraman Yaman keessa jiran maaliin Iraan tumsaa jiru?
Erga waraanni kun jalqabee hogganaan Huutii Abdulmalek al-Huthi haasawa Ramadaanaa guyyaa guyyaan taasisan qofa irratti aantumma isaanii ibsuu qofa.
Ajjeechaa Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan Alii Khaameeniif gadda itti dhagahame ibsuu fi naannoo Huutiin to'atame keessatti hiriira deeggarsa Iraaniif akka gaggeeffamu gaafachuu malee tarkaanfii biraa hin fudhanne.
Hogganaan garee finciltootaa kun jalqaba baatii Bitootessa 2026 haasaa taasiseen, "Qubni keenya qaataa irra jira" jechuun dubbii isaanii gara akeekkachiisaatti ol kaasee ture.
Garuu hanga ammaatti Iraan deeggaruuf haleellaa akkamii raawwachuuf karoora akka qaban hin agarsiifne.
Huutiin tarkaanfii waraanaa ariifataa wayita waraanni Gaazaa jalqabu guyyoota muraasa keessatti fudhachuun Filisxeemootaa fi Hamaas deeggarsa qabu ibsuu fudhaterraa amma adda.
Hidhattootaa Iraanin deeggarman keessaa walbira qabamee yoo ilaalamu, Hizbullaah Libaanos fi milishoonni Iraaq tarkaanfii waraanaan sochii agarsiisaniiru.
Huutii maaltu duubatti deebisee ?
Gareen hidhattoota Huutii maaliif tarkaanfii waraana keessaa bahuu filate?
Moo yeroon booda itti makamuun waan hin oolle?
Gaaffiin kun xiinxaltootaa fi miidiyaalee biratti ijoo dubbii ta'eera. Kaayyoo fi akeeka tarsiimoo garee kanaa ilaalchisee xiinxala adda addaatu dhiyaachaa jira.
Xiinxalli Giddugala Qorannoo Tarsiimoo Sana'aa maxxansee ejjennoo garee hidhattootaa kana qorateera.
Xiinxala kana kan dhiyeessan Mayisaa Shujaa al-Dinbaatii Waxabajjii bara 2023 tti Huutii akkuma waraanni Gaazaa ka'een Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa banan.
Baatii itti aanutti doonii "Galaxy Leader" jedhamtu butuun dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irratti haleellaa jalqaban.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti tarkaanfiin ariifataa kun Iraan fi michoota ishee biratti waraanni Gaazaa gabaabaa fi kan baasii guddaa hin gaafanne akka ta'u amantaa qabaachuu agarsiisa.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas kaayyoo addunyaa Arabaa keessatti bal'inaan fudhatama qabu kana deeggaruun faayidaa siyaasaa argamsiisu irratti xiyyeeffachuu danda'u jedha.
Xiinxalaan kun itti dabaluudhaan waraanni Gaazaa biyyattii keessatti jaalalli Huutii akka dabalu taasisuu dubbata.
Haa ta'u malee, gocha Huutii kana hordofee Ameerikaa fi Israa'eliin haleellaa irra ga'e, miidhaa waraanaa fi diinagdee guddaa irran ga'uu isaa xiinxalli kun ni mul'isa.
Miidhaan kun waraana amma jiru keessatti ejjennoo of eeggannoo caalu akka fudhatan isaan kan taasise ta'uu mala jedhan.
Aldin Iraan deeggaruun akka Gaazaa waliin dhaabbachuutti lammiilee Yaman biratti fudhatama akka hin qabne ibsa.
Miidiyaan onlaayinii 'The New Arab' jedhamus haaluma walfakkaatuun ofirraa ittisuu Huutii waraana Gaazaa waggoota lamaaf namootaa fi bu'uuraalee misoomaa irratti miidhaa "garmalee" geessiseef sababa ta'uu ibseera.
"Hutiin hoggantoota hedduu dhabuu danda'u. Amma of eeguuf yaalii gochaa jiru jedheen yaada," jechuun Ogeessi Yaman garee Rakkoo Idil Addunyaa kan ta'an Ahmed Nagui New Arab'tti himaniiru.
Huutiin karoora biraa qabaachuu danda'aa?
Barreessaan Suhib Al-Miyahi jedhamu yaada marsariitii Al-Masdar Online irratti barresseen sochiin Huutii ''of eeggannoo fi humna dhabuu'' gidduu akka jiru dubbataniiru. Sababni Huutiin yeroo ammaa calliseef kana ta'uu falmeera.
Barreessaan kun yeroo ammaa kana Huutiin mataan isaanii daandii qaxxaamuraa irra akka jiru ibsa. Ija tarsiimootiin yoo ilaalle, saffisaan gara waraana naannootti guddachuun garee kanaaf bu'aa dabalataa fiduu akka danda'u ibsa.
Barreessaan kun hirmaannaan waraanaa waldhabdeen naannoo gareen kun to'atutti akka babal'atu taasisuu danda'a jechuun ibsa.
Huutiin yeroo kana keessa riphee darbuu yoo barbaadan "haala jiru ho'aan osoo hin taane tasgabbiidhaan ilaaluu" isaan barbaachisuu mala jechuun barreesse.
Gama biraatiin, Huutiin ergaan siyaasaa fi ilaalcha isaanii gamtaa Iraan durfamu waliin walitti dhiyeenyaan kan walsimu waan ta'eef, tarkaanfii ofirraa baasuuf fudhachuun madda seera qabeessummaa isaanii dhiisuutti akka ilaalamu ibsuun wal faallessuu agarsiisa.

Madda suuraa, Reuters
Ejjennoo isaanii jijjiiruu danda'uu?
Huutiin waraana kana keessatti hirmaachuu danda'aa? gaaffiin jedhu gaaffii hunduu irratti walii galuu garuu deebii hin arganne.
Al-Din akka jedhutti gidduu seentummaan Huutii dhimma shallaggii tarsiimoo Iraan ta'uu ibsa. Tehran yeroo kanatti gargaarsa isaanii barbaaduu dhiisuu dandeessi, garuu haalawwan gareen kun akka hirmaatu taasisuu danda'an lamatu jira.
Tokko Iraan waraana kana gara Galaana Diimaa ykn ulaa Bab el-Mandab tti babal'isuuf yoo murteessitedha.
Kan biraan ammoo waraanni kun daran naannichatti yoo babal'ate, Sa'uudii Arabiyaa hirmaachise, Huutiin Riyaad waliin walqabatee gahee waraanaa guddaa qabaata.
Akka xiinxala Aldin jedhutti, sochiin Huutii biyyoota ollaa ofiin jedhuu fi Iraan yeroo dheeraaf garee kana keessatti deeggarsa gochuun ishee yoo waldhabdeen kun hammaate yeroo dheeraaf of to'achuun akka isaan rakkisu taasisa.
Xiinxaltoonni dhimma Yaman hordofan hedduun, kan UK keessatti argamu 'Middle East Eye' waliin gaaffii fi deebii taasise, gareen kun akkaataa waraanni kun itti adeemu irratti hundaa'uun itti makamuu akka hin oolle himaniiru.
Gulaalaa olaanaa gaazexaa Yaman Fatehi bin Lazreq Middle East Eyetti akka himanitti, Huutiin ammallee haala jiru madaaluu fi ''qormaata akkamii Iraan mudate'' irratti hundaa'uun tarkaanfii ni fudhatu.

Madda suuraa, Reuters
Xiinxaltoonni biroo garuu Huutii waraana kana irratti yoo hirmaate balaan jiraachuu isaan mudachuu danda'a jedhu. ''Bu'aan isaa maal akka ta'u ni beeku, hammaataa kan du'aaf isa saaxiludha,'' jechuun xiinxalaan Yaman Giddugala Sanaa Yazid al-Jeddawi New Arab'tti himeera.
Akka Jedawiin jedhutti, Huutii waraana kana keessatti hirmaannaan isaa duula guddaa Israa'elii fi Ameerikaan akka irratti geggeessan taasisuu sodaatu.
Huutiis ta'e ummanni naannoo isaan to'atan jiran duula gosa kana dandamachuu akka hin dandeenye ibsu.
Haleellaan tokko yoo jalqabame naannoo Huutiin to'atame keessatti tasgabbii dhabuu keessoo fiduu akka danda'us ni akeeku.
Itti dabaluudhaanis, gareen kun duula akkanaa kanaan haalaan yoo dadhabe, mootummaan morkataa Yaman fi humnoonni michuu ta'an carraa argatanitti fayyadamuun Huutii naannoo isaan to'atan keessaa ari'uu akka danda'an dubbataniiru.















