Iraanirratti ejjennoon Tiraamp kami: Marii, dippilomaasiimoo doorsisa?

Pirezidant Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ameerikaan biyya waraanatti jirtu tahuu dandeessi garuu gochaan Donaad Tiraamp guyyoota darbee makaa dippiloomaasiifi dubbii maqsuuti.

Yeroo gariiin waan abjuu fakkaatu raawwata.

Jimaata darbe waraanni US Iraan irratti raawwachaa jirtu ''haara galfataa jira,'' jedhee ture. Sambata galgala Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf daangaa yeroo sa'aatii 48 kenneefii yoo didde US haleellaa qilleensaa ishee laamshessu akka raawwattu hime.

Guyyaa ittaanu riizortii dhuunfaa isaa Maar -a- Laagoo Filooridaa deemuun goolfii isaa tapahachaa dabarsaa ture.

Gaafa Wiixataa gabaa addunyaa dadhabetti ka'ee Iraan Ameerikaa waliin haasaa ''ijaaru'' taasisaa jirti jedhe. Kana booda gara bulchiinsa Teenasii, iddoo Meemfiis jedhamu deeme. Mana jireenyaa weellisaa beekamaa Elviis Piriislii Gireeslaand jedhamu daawwachuun haasaa taasise.

Yeroo kanatti Ameerikaafi Israa'el iddoowwan qiyyaafannoo Iraan haleeluu itti fufaniiru. Iraan humnoota Ameerikaafi michoota Baha Gidduugalaa misaayelaan haleeluu itti fuftee jirti. Sochiin Ulaa Hormuuz akkuma daangeeffametti jira.

Tiraamp yeroo Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuu daangaa yeroo kaa'e ajajni kenname ifaa fakkaata: Yoo Iraan ulaa kana banuu didde Ameerikaan misooma bu'uuraa aannisaa haleeluun biyyattii dukkanatti galchiitii ture.

Akeekkachiisa kanaan booda Iraan bu'uraalee misoomaa aannisaa fi bishaanii naaannichaa irratti akka qiyyaafattu himte. Kuni ammoo namoota nagaa gaaga'uu dabalataan waraana torbee sadiif deemaa jiru hammeessa ture.

Gaafa Wiixataa Tiraamp yeroofillee tahu daangaa kaa'ee ture dheeresse.

Ameerikaan qondaala Iraan maqaansaa hin eeramne waliin wal quunnamuu ibsuun doorsisa haleellaa kaa'amerraa Iraan guyyaa shaniif bilisa akka taate pireezidantichi hime.

Pireezidantichi mana Elviis Piriislii daawwachuuf yeroo deemu kan ji'ootaaf karoorfamaa ture akka tahe hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gara daawwannaa isaa yeroo qajeelaa ture Ameerikaa fi Iraan ''dhimmoota ijoo irratti waliigalteerra gahaniiru, kan'' jedhe.

''Isaan waliigalteerra gahuu baayyee barbaadu,'' jedhe. ''Nutis waliigaluu feena,'' jedhe.

Sa'atii muraasaan booda magaalaa Meemfiistti yeroo Eegdota Biyyaalessaa walitti qabamanitti dubbatu Iraan waliin ''marii baayyee baayyee gaarii deemsisaa jirra,'' jedhe.

''Iraan Ameerikaafi michootasheetti yaaddoo tahuu dhaabuuf carraa tokko qabdi,'' jechuun booda ''carraa kanatti ni fayyadamu'' jennee yaadna jedhe.

Kanaan booda Gireeslaand iddoowwan haawwata turistii daawwchuuf deemuu itti fufe. Magaalatti keessa yakki waan dabaleef ture loltoonni Eegduu Biyyaalessaa kan ramadaman.

Faashinii fi dizaayinii Weellisaa mootiin gosa muuziqaa rock and roll Elviis Piriislii daawwachaa Ministira Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu fa'i irraa bibilli bilbilamaafi ture. Qondaalota Iraan waliinis dhuma torbee irratti akka marii'atu eegama.

Dhimmi dippiloomaasii sochiirra kan jiru fakkatullee ibsi gahaan kennamuu hafuurraan kan ka'e uummati addunyaa shakki keessa jiru.

Miidiyaan biyyaalessaa Iraan waan Tiraamp Truth Social irratti maxxansu qabachuun pireezidantichi yaaddoo otoo qabu gara duubaatti deebi'e jedhan. Qondaaloti Iraan pireezidantii US waliin mariin ijoo taasifamuu haalaniiru. Pireezidantichi garuu ''qabxiilee waliigaltee 15,'' jechuun tarreessullee odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Abdiin mariin jiraachuu danda'a jedhu gabaa istookii Ameerikaa kan ol kaase yoo tahu gatiin boba'aa ammoo akka gad bu'u taasiseera. Dhimmi diinagdee ijoo addunyaa onnee cabse jedhame abdii waan fidaa jiru fakkaata, invastaroonnis karaa lola kan keessaa bahamu ilaallchaa jiru.

Tiraamp amma Waashingitanitti deebi'ee haleellaan bu'uuraalee misoomaa Iraan barbadeessuuf guyyaa lakkaa'uun jalqabeera.

Dhumarratti Tiraamp waraana kanarratti dubbii murteessaarra gahamuu waan cicachiisu hime.

Yookiin ammoo daangaa yeroo Iraaniif kenneen dhiphuu keessa waan galeef ofiif yeroo bitaa jira taha.

Yeroo mana Elviis Piriislii daawwate Tiraamp weellisaa kana akka jaalatuufi sirbasaa 'Hurt' jedhamu akka mararfatu hime.