Duuti Alii Laarijaanii hoggansaa Iraan keessatti qaawwa akkamii uuma?

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Haleellaan qilleensaa hoggana olaanaa nageenyaa Iraan Alii Laarijaanii ajjeese, sirna mootummaa Iraan keessatti qaawwa guddaa uume.
Alii Laarjaanii Rippaablika Islaamaa Iraan keessatti gameessa muuxannoo gabbataa fi ogeessa imaammataa dhageettii qabu tureefi Iraan yeroo murteessaa ti dhabdedha.
Laarijaaniin ajajaa waraanaa hin turre, garuu hoggana murtoowwan tarsiimawaa kennuun beekamu mataa Iraan ture.
Barreessaaa Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Olaanaa kan ture Alii Laarijaaniin, nama murteessaa yeroo waraanaa kanatti murtoo dabarsu, hayyuu dippilomasii fi hoggana nageenya biyyaalessaa ture.
Sagaleen isaa sirna Iraan keessatti dhageettii olaanaa qaba, keessummaa wal dura dhaabbannaa Iraan US fi Israa'el waliin qabdu keessatti qoodni nama kanaa olaanaa ture.
Ajjeefamuu Hogganaa Olaanaa Alii Kaamenii booda sagaleen diddaa Alii Laarijaanii akka malee ol ka'ee dhagahama. Haasawwan isaa Iraan waraana dheeraaf qophaawuu ishee kan akeekus ture.
Ajjeefamuun isaa miidiyaa mootummaatiin kan mirkanaaye yoo ta'u, tibba qondaalotni olaanoon Iraaniifi ajajoonni hedduun duula torban lamaa keessatti ajjeefamanitti dhagahame.
Haalli kun carraaqqii fulla'aa caasaa sirna Iraan yeroo waraanaa kanatti karaa walirraa hin cinneen dadhabsiisuu waan agarsisu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ejjennoo finxaalawaa warra Lixaa irratti qaburraan gamatti , Laarijaaniin Iraan keessatti nama ilaalcha tarkaanfataatti fudhatama ture.
Inni amanamummaa ilaalcha siyaasaa (ayidiyoolojii) ilaalcha teeknookraatawaan qindeessee oofu, nama tarsiimoo tilmaamamaa seenessaa ol bakka kennuuf ture.
Humnoota warra lixaa ija shakkiin laalaa kan mariyatuun, garuu immoo carraaqqii dippilomasii murteessootti kan hirmaatu, marii waliigaltee yeroo dheeraa biyyi isaa Chaayinaa waliin gootu keessatti ergamaa addaa ta'ee nama tajaajilaa ture dha.
Yero ajjeefametti, laarijaaniin gaafatamummaa gaaga'amoota sadi hogganuu harkaa qaba ture.
Kan jalqabaa waraanicha mataasaati. Iraan waldhaansoo yeroo dheeraaf of qopheessuu qabdi, waraanichas naannichaan gamatti babal'isuu qabna, ulaa Hormuzis cufuu qabna jedhee hubachiisaa ture.
Kan lammataa danbalii jeequmsa biyya keessa kan qaalayiinsi diinagdee dhalee fi boodarra mormii uummataa sirna Rippaablika Islaamummaa Iraan buqqisuutti guddate. Kun sarbama kumaatamoonni Iraan keessatti itti ajjeefaman hordofsiise.
Kan sadaffaa sagantaa niwukilaraa Iraan kan mariin al-kallattii Waashingtan waliin irratti mariyatanii kan boodarra haleellaa qilleensaan kan fashale.
Dhabamuun isaa dhimmootni kunneen fala malee akka hafanii fi namumti isa bakka bu'ullee haala rakkisaan akka isa mudatu godha. Iraan gabaa inarjii addunyaa danquun cimina agarsiiftu, daangaan qilleensaa ishee haleellaaf banaa dha.
Hogganaan biyyattii kamuu sichi carraan haleellaaf saaxilamuu isaa olaanaa dha.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Wanni kun aangoon caalumattuu harka waraanaa akka galu godha.
Haasaan Pireezdaantiin biyyattii Masuud Pezeshkiyaanis hogganoonni gameeyyiin yoo dhabamsiifaman aangoon yunitoota humnoota waraanaaf akka kennamu akeeka.
Kana jechuun, haala qabatamaadhaan, murtoowwan saffisaan akka dabarfamanii fi ajajni al-waaltawu (qindeessummaan giddugaleessaa) jechuu dha.
Hoggansi bakka wal buusuurraarrattis qormaatni isa qunnamuu mallattooleen akeekan jirtu.
Iraan muudama hoggana olaanaa Mojtaabaa Alii Kaamenii ija uummataa duraa dhabaman dabalatee aangawoota olaanoo haaraa ramadaman ifatti hin beeksifne.
Kun sababoota nageenyaa ykn shakkii keessoo sirnaa ta'uu wanti barame hn jiru.
Gabaabinaan, haalli jiru baay'ee jeeqamaa dha. Humni waraanaa jabaa qabu, garuu uummata isaanii cunqursu.
Ajajaa Olaanaan waraana Iraan Amiir Haataamii ajjeechaa Alii Laarjaanii haaloo bahuuf haleellaa murteessaa raawwanna jechuun dhaadate.
Yeroo keessa sirni Iraa namoota murteessoo dhabaa, biyya uummata miliyoona 90 keessa socho'uufillee danqama .
Duuti Laarijaanii du'a qondaala tokkootii qofa miti. Gaaga'ama hoggansaa akka malee bal'isa. Kun immoo haala waraanaa fi tasgabbii biyya Iraanirratti dhiibbaa mataa isaa qabaata.















