Haleellaa Iraan buufataalee US irratti raawwatte kasaraa hangamii qaqqabsiise?

Madda suuraa, Planet labs PBC and Airbus
Haleellaan Iraan buufatalee waraanaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaatti itti fayyadamturratti raawwatte torban lamaan jalqabaa waraana kana keessatti mancaatii doolaara miiliyoona 800 (£600m) ta'u geessisuu xiinxalli haaraa bahe mul'ise.
Miidhaan kun baay'een kan qaqqabe Ameerikaa fi Israa'el waraana kana erga jalqabanii booda haleellaa haaloo ba'insaa Iraan torban tokko keessatti raawwatteen ta'uu gabaasni giddugala tarsimoo 'Center for Strategic & International Studies (CSIS) jedhamu fi xiinxalli BBC ni mul'isa.
Miidhaan Iraan qabeenya Ameerikaa naannicha keessaa qabdu irratti geessiste guutummaan isaa hangam akka ta'e ammatti ifa miti.
Garuu bu'uuraalee waraanaa Ameerikaarra miidhaan qaqqabe doolaara Ameerikaa miiliyoona 800tti tilmaama.
Hammii maallaqaa kun kan kanaan dura gabaafame ni caalaa - yeroo waraanichi ittifufe kanatti gatii guddaan US baaste akeeka.
Gorsaan olaanaa jaarmiyaa CSIS fi barreessaa qorannoo waloo tiink taank kan ta'e Maark Kaansiyaan, "miidhaan buufataalee waraanaa Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti qaqqabe sirriitti hin gabaafamne," jedhe.
"Miidhaan bal'aa fakkaatus, hanga odeeffannoon dabalataa argamutti hangam akka ta'e guutummaan isaa hin beekamu" jedhe.
Ministeerri Ittisa Ameerikaa miidhaa qaqqabe BBC gaafannaan , gara Ajaja Giddugaleessaa Ameerikaa kan waraana kana hoogganaa jirutti akeeke. Qondaaltonni achi jiran garuu yaada kennuurraa of qusatan.
Haleellaan haaloo bahuu Iraan qabeenya biroo dabalatee sirna ittisa qilleensaa fi saatalaayitii Ameerikaarratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, haleellaan kun Joordaan, Yunaayitid Arab Emiretis fi biyyoota biroo Baha Giddugaleessaa guutuu keessatti argamanirratti qiyyaafate.
Miidhaan guddaan kan qaqqabe haleellaa raadarii Ameerikaa sirna ittisa misaa'ela 'Thaad' jedhamuu fi buufata humna qilleensaa Joordaan keessatti argamurra raawwatame ture.
Sirni raadaraa AN/TPY-2 jedhamuu tilmaamaan doolaara miliyoona 485 akka baasu ragaan CSIS sanadoota baajata kutaa ittisaa Ameerikaarra argate ni muli'sa.

Madda suuraa, Source: Planet Labs PBC, 2026

Madda suuraa, Source: Planet Labs PBC, 2026
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirnoonni ittisa haleellaa qilleensaa kun misaa'eloota baalistikii fageenya dheeraarraa furguggifaman qolachuuf oolu.
Haleellaan Iraan raawwatte, buufataalee Ameerikaa fi buufata waraanaa humnoonni Ameerikaa naannicha keessa jiran itti fayyadaman keessatti gamoo, meeshaalee gargaaramanii fi bu'uuraalee misoomaa biroorratti kasaraa doolaara miiliyoona 310 dabalataan geessise.
Iraanis buufata humna qilleensaa sadii yoo xiqqaate yeroo tokkoo ol rukutteetti jedha xiinxalli suuraa saatalaayitii BBC Verify.
Haleellaan irra deddeebiin raawwatame kun Iraan qabeenya Ameerikaa irratti xiyyeeffachuuf tattaaffii taasiftu kan hubachiisudha.
Raashiyaan humnoota waraanaa Ameerikaa naannicha keessaa qabdu odeeffannoo basaasaa Teheraaniifn qooddi jedhamee gabaafameera.
Suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti, buufataalee qilleensaa sadan - buufata Alii Al-Salim Kuweet, Al-Udeid Qaxar fi Prinsi Sulxaan Sa'udii Arabiyaa - marsaa adda addaa waraana kanaarratti miidhaa haaraan irra gaheera.
Ameerikaan erga Pirezidaanti Doonaald Tiraamp Israa'el waliin ta'uun Fulbaana 28 haleellaa Iraan irratti haleellaa bananii as loltoonni 13 jalaa ajjeefamaniiru.
Dhaabbanni Oduu Rogeeyyiii Mirga Namoomaa Ameerikaa (Hrana) akka tilmaametti lakkoofsi namoota nagaa waraanaa kana keessatti du'anii 1,400 akka qaqqabu, waliigalatti lakkoofsi namoota du'anii gara 3,200 ga'eera jedhe.
Tiraamp Ameerikaan kaayyoo sagantaa niwukilaraa Iraan balleessuu galmaan gahaa jirti jedhe, kana malees dandeettii humna waraanaa ishee laaffisuun deeggarsa sirnichi hidhattoota naannichaaf godhu goolabutti jirti jedhan.
Tiraamp Jimaata darbe sagantaa Waayit Haawus irratti ''Iraan keessatti hojii garmalee gaarii hojjechaa jirra,'' jedhan.
Garuu waraanni kun dinagdee addunyaa raaseera, ulaan daldalaa Hormuz hanga cufamutti dhiyaachuun waraanichi yeroo hagamii akka turuurratti shakkii uumeera.
Dhimmi kun Tiraamp loltoota lafoo bobbaasuu fi dhiisuu gaaffii keessa galcheera.















