Ajajaan Humna Eegumsa Warraaqsa Iraan IRGC-QC Esmaayil Qaanii lubbuun jiruu?

Ajajaa Humnoota Kuuds Esmaayil Qaanii

Madda suuraa, Getty Imahes

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Erga Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 waraana Iraan irratti bananii yeroo jalqabaaf Ajajaan Humnoota IRGC-QF Esmaayil Qaanii ibsa kenne.

Esmaayil Qaanii yeroo gaggeesitoonni olaanoo Iraan ajjeefaman lubbuun ooluun shakkii irratti kaasaa ture.

Miidiyaalee hawwaasaa hedduu dabalatee Esmaayil Qaanii Israa'eliif basaasaa turuun shakkamee ajjeefame, hidhame kan jedhan ture.

Ajajaan kun haala akkamii keessa akka jiru ifa tahuu baatus ibsi isatu kenne jedhame miidiyaalee Iraan irratti darbeera.

Akka ibsi kun miidiyaalee Iraan irratti maxxanetti, ibsi kenname kun Esmaayil Qaanii irraati jedhame.

Esmaail Qaanii IRGC keessatti ajajaa oppireeshinii humnoota biyyoota alaa keessaatis.

Akka ibsa kanaatti Qaaniin ajajoota Humna Diddaa "Axis of Resistance" jedhamaniif dabarseen dhabinsi hoggantoota gameeyyii sochii taasisaa jirru hin dadhabsiifne jedha.

Humnoonni Diddaa Iraan deeggartu biyyoota akka Iraaq, Libaanusii fi kaan keessas jiru. Hezboollaa, Hamaasii fi humnoota Iraaq keessa socho'an biraas hammata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabaluun hogganaan Humna Diddaa jiraachuu baatus ilaalchii fi falaasamni hundeessaa Rippaabilika Islaamaa, Ruhoollaa Koomeenii fi Alii Koomeenii kan haleellaa Ameerikaa fi Israa'eliin ajjeefamanii ''aaboo fi ejjennoo isaaniin Hogganaa Olaanaa Mojtaabaa Koomeenii jalatti itti fufa'' jedhe.

Alii Koomeenii haleellaa guyyaa jalqabaa Israa'elii fi Ameerikaan raawwataniin ajjeefaman.

Gaggeessitoonni Iraan ibsa yeroo kennan barreefamaan qofa gochuun waan barame tahaa dhufeera.

Har'as ibsa Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtaabaa Komeenii TV mootummaa biyattii irratti dubbifamaa ture.

Yeroo ayyaana waggaa haaraa Noowruuz abbaan Moojtaaba ajjeefaman Alii Koomeenii TV irratti ture ergaa kan dabarsan.

Mojtaabaan garuu faallaa kanaa barreeffamaan ergaa isaanii dabarsan.Kaleessa MM Israa'el Beenjaamiin Neetanyahuu gaggeessaa Iraan haaraa kana ''gaggeessaa fuula hin qabne'' jechuun ibse.

Mojtaabaan erga muudamee as takkaayyuu miidiyaatti as bahee mul'achuun yeroo dubbatu argamee hin beeku.

Ergaa baay'een maqaa isaan barraa'an miidiyaalee Iraaniin maxxanfamaa turan. Garuu suuraanis tahe viiidyoodhaan yeroo dubbatu as bahee argamee hin beeku.

Qaasim Suleemaanii haleellaa Ameerikaan ajjeefamuu hordofee Esmaayil Qaanii Ajajaa Humnoota Warraaqsaa IRGC-QC tahuun muudame.

Humnoonni Kuuds inni hogganu ammoo oppireeshinii biyyoota alaa keessatti gaggeeffaman irratti kan hojjetan yoo tahu qaamuma humna eegumsa warraaqsa Islaamummaa IRGCti.

Humni IRGC yeroo warraaqsa Iraan keessaa 1979 hundeeffame. Kunis biyya Islaamaa Iraan ittisuuf jedhame.

Jeneraal Esmaayil Qaanii Kaaba Baha magaalaa Mashaad, magaalaa Iraan baay'ina uummataan sadarkaa lammaffaa irra jiru keessatti dhalate.

Musiliimota Shiyaaf ammoo iddoo amantaa murteessaatti dhiyoodha.

Qaaniin humnoota IRGC kan seene bara 1980 keessa ture.

Akkuma michuu isaa Qaasim Suleeyimaanii waraana Iraan-Iraaq 1980-88 ture keessatti warra adda durummaan lolaa fi lolchiisaa turan keessaati.

Humnoonni amma ijaaraman kunneen mootummaa Iraaq yeroo sanaa Saadaam Huseen waliin wal lolu ture.

Michummaan Qaasim Suleemaanii fi Esmaayil Qaanii yeroo waraanaa hamaa sana keessa kan jaqlabe tue.

''Nuyi ijoollee waraanaati'' jechuun Qaaniin yeroo dubbatu miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

Qaanii fi Suleemaaniin michota bara rakkinaa jechuun wal waamu ture. Qaasim Suleemanii ajajaa yeroo ture Esmaayil Qaanii ammoo itti aanaa isaa ture.

Waraanaan booda ammoo humnoota Kuudsitti makamuun kutaa bulchiinsa Koraasan kan naannoo daangaa Afgaanistaanii fi Turkiminister jiru keessa ture.

Baayee beekamuu baatus Qaasim Suleemaanii sochii waraana IRGC gama Lixaa irratti yoo xiyyeeffatu Qaaniin ammoo gara Bahaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turan.

Esmaayil Qaanii daddabarsa baala sammuu hadoochuu to'achuu fi Afgaanistaan kan Taaliibaan waliin wal waraanaa turte gargaaruu irratti hojjechaa ture.

Jeneraal Esmaayil Qaanii oppireeshinii Humnoonni Kuudsi addunyaa irratti raawwataniif bara 2012 Ameerikaadhaan qoqoobbiin irratti darbeera.

Lameen isaanii Baha Gidduugaleessaa keessatti dhiibbaan Iraan akka haalaan dabaluuf hojjechaa turan.

Sooriyaa, Iraaq, Libaanusii fi Yaman keessatti humnoota Israa'elii fi diinota isaanii kaan lolan ijaaruu keessatti shoora olaanaa taphataniiru.

Haa tahu malee Esmaayil Qaanii Mosaadiif hojjeta, kanaaf shakkamee to'atameera ykn ajjeefameera jedhamee miidiyaa hawwaasaa irrattis dubbii ijo ture.

Garuu yeroo jalqabaaf ibsa inni kenne jedhame dubbifame. Waraana Ameerikaa-Israa'el Iraan irratti bananiin hoggantoonni Olaanoo Iraan hedduun ajjeefamaniiru.