Paartiin Obbo Getaachoo Raddaa sirrafamni yoo hin taasifamne filannorratti hin hirmaadhu jedhe

Pireezidaantii Paartii Samret, obbo Geetaachoo Redaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Partiin gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa MM kan ta'an Obbo Getachoo Raddaa Gamtaan Dimookiraatawaa Simirat murteen mana maree Federeeshinii fi Boordiin Filannoo dhimmoota falmisiisaa ta'e irratti dabarse yoo hin sirreeffamne filannoo irratti akka hin hirmaanne beeksise.

Naannoleen filannoo shan Naannoon Amaaraafi Tigraay irratti wal dhaban qofaa isaanii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dorgoman murtaa'uu Boordiin Filannoo beeksise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa gaafa Wiixataa baaseeni kana kan jedhe.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa, bu'uura murtee mana maree Federeeshiniitiin, naannoleen filannoo naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduutti waldhabdee keessa turan shan Humeraa, Adirabet, Korem Afla, Tselemet, fi Raya Alamata hanga dhimmichi furmaata argatutti addatti filannoo akka gaggeeffatan beeksiseera.

Paartiin Obbo Getaachoo Raddaa garuu ibsa kana mormuun xalayaa mormii barreessee jira.

Paartiin Gorsaa MM Obbo Geetaachootiin durfamu murtee kana ''heera mootummaa kan faallessu'' jechuun qeequun, xalayaa Mana Maree Federeeshinii fi Boordii Filannoo Biyyaalessaaf barreessuun mormii isaa ibseera.

Xalayaa obbo Geetaachoon mallatteessanii fi murtiin Manni Maree Federeeshinii naannoo filannoo irratti dabarse akka ilaalamu gaafatu keessatti murteen naannolee filannoo falmisiisaa ta'e irratti murtaa'e ''sirna heera mootummaa kan diigu, walabummaa dhaabbilee kan diigu, akkasumas sirna heera mootummaa cabsu ifatti kan mul'isudha'' jedheera.

Obbo Getaachoo Raddaa fuula miidiyaa hawasumma irratti barressaniinsi ibsa boordiin Filannoo Biyyaalessaa baase daran kana nagaa booressu jechuun qeeqan.

Garee TPLF irraa adda bahuun paartii haaraa Simrat jedhamu kanneen hundeessan keessa tokko kan ta'anii fi gorsaa dhimmoota Baha Afrikaa MM kan ta'an Getachoo Raddaa Xalayaan boordichaa fi Mana Maree Federeeshinii irraa bahe jedhamu, nagaa biyya keenyaa daran booressuu malee hiika biraa qaba jedhee hin amanu jechuun barreessan.

Paartiin Simeret murtoon Mana Maree Federeeshinii kun Boordii Filannoo ''meeshaa siyaasaa akka ta'uu fi amanamummaa filannoo kanaa gaaffii keessa galcha'' jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Paartichi Manni Federeeshinii fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtee kana yoo hin fooyyessine "filannoo fi hojiiwwan seeraan alaa kana fakkaatan biroo irratti akka hin hirmaanne" xalayaa kanaan beeksiseera.

Bakkee Amaaraafi Tigraay falmisiisan qofaatti akka dorgoman murtaa'e

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, NEBE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan ALI Caamsaa 24, 2018 keessa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa gaggeessuuf karoorfatteetti.

Dhimmoota filannoo kanaan walqabatee falmii kaasan keessaa tokko bakkeewwan naannoleen kaaba Itoophiyaa lamaan irratti wal dhabanidha.

Boordiin Filannoo naannoleefi buufatawwan filannoo galmee filattootaa gaggeessuuf jedhu ALI Amajjii 22, 2018 ifa godheera.

Kana hordofees Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa xalayaa ALI Amajjii 25, 2018 barreesseen dhimma bakkeewwan waldhabbiin itti ka'u murtee darbe itti himuu beeksise.

Akkaataa dhibdee kanaan bakkeewwan dhibdeen itti ka'u hanga furmaata argatutti ''mootummaa naannoo Tigraayiin ala ta'anii qofaa isaanii kallattiin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatatti'' filannoon akka taasifamu murtaa'uu beeksisuu hime.

Bakkeewwan kunneenis akka Humaraa, Aaddiramats, Koram Afilaa, Xallamtiifi Raayyaa Allaamaaxaa ta'uu eere.

Filannoon mana maree naannoo fuula duratti ''murtee heeraan gaafa furamu yeroon mijataa filamee gara fuula duratti akka taasifamu murtaa'uu'' beeksise.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaas akkaataa murtee federeeshinichaa akka hojiirra oolchu ibse.

Dhimma kanarratti gama Naannoo Amaaraas ta'e gama Naannoo Tigraay yaadni kenname hin jiru.

Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa irratti paartileen kana dura filannoo lagatan kanneen akka ABO fi KFO dabalatee ni hirmaatu.

Haa ta'u malee, dirreen siyaasaa cufamuu ibsuun komii ibsaa turaniiru.

Dhaabni biyyattii bulchuu waajjiraaleesaanii cufuun akkasumas kaadhimamtootafi miseensotasaanii hidhuun dhiibbaa irratti taasisaa jiraachuu paartileen mormituu garagaraa irra deddeebiin yeroo kaasan dhagahama.

Komii kana quba akka qaban kan himan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatawarq Haayiluu , rakkoolee kunneen furuuf guyya guyyaan hojjechaa jiraachuu himan.

Komii paartileen siyaasaa kaasan kana furuufis boordichi koree: bakka bu'oota boordii filannoo, paartii mormituu komii dhiyeesse fi paartii biyya bulchu ofkeessatti qabate hundeessuun hojjechaa turuu himan.

"Rakkoon waajjirri cufamuu jira, hidhamuun miseensotaa ni jira. Boordiin filannoo qaamolee hidhaa kana raawwataniiru jedhamaniif xalayaa ni barreessa, ni gaafata" jedhan.

Dabaluunis "Caasaan deebii laatu ni jira, kan deebii hin laannes jira. Dhimma kana ilaalchisee boordichi qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaaf gabaasa godheera" jedhan.