Taphattootni Arsenaal 11 biyyaaf taphachuurraa kan hafan miidhamaaf moo of qusachuuf?

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoota Arsenaal 18 gareelee biyyaalessaa isaaniif tibba kana akka tapahatan waamaman keessaa 11 miidhama qabna jechuun taphoota biyyasaaniirratti hin hirmanne.
Arsenaal yaaddoo miidhama taphattootaa keessa jiramoo morkii waancaa liigichaa fi Shaampiyonsi Liigiif of qusachaa jiru?
Gareeleen Piriimiyeer Liigii Ingiliz keessa jiran 20 tibba tapha intarnaashinaalaa kana waliigalatti taphattoota 228 gareelee biiyyaalessaa isaaniif filataman gaggeessaniiru.
Kanneen waamaman keessaa 23 akka hafan yoo murtaahu. Isaan keessa walakkaa kan ta'an taphattoota Arsenaal qofa.
Morkii waancaa Karabaawoon Maanchister Siitiin erga mo'atamanii booda Saalibaan sababa miidhameef garee biyyaalessaa Faransaay akka in taphanne ibsame.
Isa waliin kan ittisu Gaabreel Magaleeshis akkasuma sababa rakkoo jilbasaa mudateef garee Biraazil waliin akka hin taphanne ibsame.
Achii booda Ezee, Odegaard, Timber fi Tiroosaard garee biyyaalessaa waliin taphaaf akka hin imalle gabaafame.
Erga taphattootni filataman garee biyyaalessaatti makamanii booda ammoo taphattootni Arsenaal shan dabalataan tapha keessaa hir'ifamaniiru. Raayis, Maaduweekee, Zubimeendii fi Hinkaapiyeedha.
Kana jechuun Arsenaal gaaga'ama keessa jiramoo of qusachuudhaaf murtoo godhameedha?
Arsenaal kilaboota Ingiliz keessaa taphattoota 18 filachiisuun dursa. Achii Maanchister Siitiin taphattoota 17. Achii Liiverpuul , Yunaayitiid fi Paalaas 14, 14 filachiisuun itti aanu.
Taphattoota Arsenaalitti aanee gareen taphataansaa miidhama baayyee qabaachuu ibse Sandaraandiifi Yunaayitidiidha. Taphattoota lama lamatu jalaa miidhamuun gabaafame.
'Sababan Saakaa fi Raayisiin hin amanneef hin jiru'- Tuheel
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattootni Arsenaal hangi kun kan miidhamne jedhan wayita kilabichi waancaawwan sadiif morkataa jiruttidha. Piriimiyeer Liigicha waggoota 22 booda yeroo duraaf injifachuf itti siiqaniiru.
Siitiin tapha walqixxeessituu tokko osoo qabuu Arsenaal liigicha qabxii sagaliin dursaa jira.
Arsenaal morkii Shaampiyoonsi Liigii Awuropopaa kan nuusa xumuraan Lizban waliin morkata.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand Toomaas Tuhel taphattoota Arsenaal tapha keessaa hafan ilaalchisee ''shakkii jiru nan hubadha'' jedhe. Raayisiifi Saakaa garuu ''sababa hin amanneef hin qabu'' jedhe. Isaafi ogeeyyii fayyaa waliin iftoomina akka qaban dubbate.
Lamaan isaaniiyyuu tpha michoomaa Jappaan waliin qaban irratti hirmaachuuf akka malee fedha qabu turanii jedhe. Miidhama isaanii hammeessuuf carraa guddaan jira.
''Rakkoonsaa maal akka fakkaatu nan hubadha. Bukaayoo fi Raayis 100% nan amana. Waliin qorannoo fayyaa goone. Isaan argeera.''
Gareen Mikeel Arteettaa bara dorgommii darbe yeroo akkasii taphattootnisaa akka Odegaard, Gaabreel, Timberiifi Kaalaafiyooriin dorgommii biyyaa irratti miidhaman.
Fifa'n gareen biyyaalessaa wayita taphattoota kilabootarraa waammatu owwaatanii argamuu qabuu jedha.
Leenjistootni kilabootaa garuu ymorkiin tibba kana gareelen biyyaalessaa gaggeessan sirrii miti jedhanii amanu. Humnaa fi taphattootaa qisaasuudha, balaafis isaan saaxila jehcuun kan morman jiru.
Lakkoofsi taphattoota Arsenaal miidhamne jedhanii dabaluun yaada hedduu keessummeessaa jira. Garuu ammoo taphattootni martuu sababa isaanii dhiyeessanii ni qoratamu.
Hedduun sababa jarri dhiyeessan ni shakku. Yokereesh kan amma Siwiidiin waliin dorgommiirra jiruun alatti sagala hafan warra hirmaannaa jalqaba Arsenaal qabaachuu danda'aniidha.
Wanta bara dheengaddaa isa mudaterraa kan ka'e, Arteettaan bara kana eeggannoo taphattootnis morkii michoomaa biyyaootni gaggeessanirratti agarsiisaniin gammaduu hin oolu.












