Waa'ee Filannoo Itoophiyaa marsaa 7ffaa hanga ammaa waan beeknu

NEBE

Madda suuraa, Asxaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Itoophiyaan filannoo waliigalaa biyyaalessa marsaa 7ffaa gaggeessuuf qophiitti jirti. Guyyaan filannoon biyyaalessaa itti gaggeeffamu ammoo Waxabajjii 1, 2026 akka ta'e Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisee ture.

Filannoo marsaa 7ffaa kanaaf paartileen sadarkaa biyyaalessaafi naannotti dorgoman boordichi ifa godheera. Mallattoo filannoo isaanis ifa godhaniiru.

Waggaa tokko dursee Boordiin Filannoo Itoophiyaa qophii garaa garaa gochuufi wantoota paartileerraa eegaman irratti yeroo garaa garaa ibsa kennaa ture.

Filannoo barana gaggeeffamuuf galmeen filattootaa torban lama dura kan eegale yoo ta'u, Bitootessa 7,2026 irraa hanga Ebla 6, 2026 tti ji'a tokkoof akka turu boordichi ifa godheera.

Yeroo ammaa naannolee garaa garaatti wiirtuuwwan galmee filattootaa heddu qophaa'etti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jiraachuufi hojjattoonni galmee raawwachiisan heddu ramadanii hojjataa jiraachuus ibse.

Lakkoofsaan yoo ibsamu

Ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa akka agarsiisutti, hanga oduun kun qindaa'utti namoonni miiliyeena 18.5 ol galmaa'aniiru.

Kanneen sagalee kennuuf galmaa'an keessaa miliyeena 10.1 ol kan ta'an kan dhiirota yoo ta'an, miliyeena 8.4 ol ammoo dubartoota ta'uusaanii ragaan boordichaa ni mirknaneessa.

Naannoolee Itoophiyaa garaa garaa keessatti wiirtuuwwan galmee filattootaa 46,757 banamanii galmeen filattoottaa gaggeeffamaa akka jiruufi raawwattoonni filannoo 187,027 hojii filattoota galmeessutti akka jiran ibse boordichi.

Filannoo biyyaalessaa bara kanaarratti hirmaachuun paartileen siyaasaa 47 galmaa'anii dorgommiif kan dhiyaatan yoo ta'u, mana maree bakka bu'oota uummataafi naannotiif kaadhimamtoota 10,924 Boordii Filannoo Biyyaalessaaf akka dhiyeessan ragaaleen dhaabbatichaa ni agarsiisu.

Paartileen kunneen teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa 547 fi kan mana maree naannolee 2919 irratti kan wal-dorgoman yoo ta'u, walumaa galatti teessoo 3466 irratti akka wal-dorgoman ragaaleen ni agarsiisu.

Lakkoofsa kaadhimatootaa waliigalaa keessaa 2,098 mana maree bakka bu'oota uummataaf kan dhiyaatan yoo ta'u, kanneen hafan 8,736 ammoo mana maree naannoleetiif kaadhimamtoota ta'uun dorgomu.

Paartilee kamtu kaadhimamtoota heddu dhiyeesse?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Paartii Badhaadhinaa, Adda Bilisummaa Oromoo, EZEMA, Madirak fa'aa paartilee jajjaboo filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti, keessumaa sadarkaa federaalatti dorgommiif dhiyaatan keessayi.

Ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka agarsiisutti, paartileen 47 sadarkaa federaalafi naannotti filannoorratti hirmaachuuf galmaa'anii kaadhimamtoota dhiyeessaniiru.

Miidiyaan Ethiopian Insider, Boordii Filannoo waabeffachuun akka gabaasetti, kaadhimatoota heddu filannoof dhiyeessuun Paartiin Badhaadhinaa sadarkaa duraa irra jira.

Akka ragaan kun ibsutti, paartichi kaadhimamtoota 2,950 kan dhiyeesse yoo ta'u, Badhaadhinatti aansuun kaadhimamtoota heddu filannoof kan dhiyeesse EZEMAdha.

Paartiin EZEMA kaadhimamtoota 1,256 dhiyeessera. Paartileen Tibibbir Le Itoophiyaa Andinnat, Paartii Bilisummaafi Wal-qixxummaa fa'aa kanneen kaadhimamtoota heddu filannoof dhiyeessan keessaa ta'uusaanii Ethiopian Insider Boordii Filannoo waabeffachuun gabaase.

ABOn waggoota 30 ol booda filannoo Itoophiyaarratti hirmaachuu

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) waggoota 30 ol booda siyaasa Itoophiyaatti deebi'uun filannoo biyyaalessaa bara kanaarratti akka hirmaatu ifa godheera.

Kaadhimamtoota dhiyeessuun, mallattoo filannoo ittiin dorgomu ifoomsee wal-tajjiiwwan falmii filannoo miidiyaalen biyya keessaa qopheessaa jiran irratti dhiyaachuun falmii taasisaa jira.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaachuuf naannolee afuuriifi bulchiinsawwan magaalaa lama keessatti akka dorgomu beeksisuu isaa gaazexaan Bariisaa dhaabicha waabeffachuun gabaasera.

Akka gabaasa kanaatti, magaalaa Finfinneefi Dirre Dawaa dabalatee naannolee Oromiyaa, Beenshaangul Gumuuz, Hararii, Naannoo Amaaratti Godiina Addaa Saba Oromoo Kamisseetti filannoof dorgoma.

Naannolee kanneen bakka bu'uun teessoo mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree naannoleef ABOn kaadhimamtoota 163 dhiyeessera.

Kaadhimamtoota kanneen keessaa walakkaan mana maree bakka bu'oota uummataaf akka dorgoman ibsa gabaasi Bariisaa.

Bakka nageenyi hinjirretti filannoo adeemsisuun mootummaa ummata sirnaan bakka bu'u ijaaruun mijataa waan hintaaneef, ABOn filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa adeemsisuun dura waraanni dhaabatee nageenyi bu'uu qaba yaada jedhutti amana jedhan.

Dhaabi ABO filannoo marsaa 6ffaa irratti hin hirmaanne ture; kunis gaggeessitoonni isaa heddu hidhamuufi waajjira muummee Gullallee jiru dabalatee waajjiraaleen godiinota Oromiyaa garaa garaa keessa jiran cufamauu, miseensoonni hidhamuufi dararamuu himataa ture.

ABO qofa osoo hin taane, Paartiin Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) filannoo marsaa 6ffaa keessatti hin hirmaanne ture. Filannoo biyyaalessaa barana gaggeeffamu irratti ammoo ammayyuu haalli filannoof mijataa ta'e Itoophiyaa keessa waan hin jirreef, Boordii Filannoon haqamuu jalaa baraaramuuf jecha Finfinnee qofaatti kaadhimamtoota dhiyeessuun akka dorgomu beeksisee ture.

Paartichi kana kan murteesse walgahii ariifachiisaa koreen giddu galaasaa Sadaasa 20, 2018 taa'en yoo ta'u, sababa rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaafi naannolee kaan keessa jiruun wal-qabatee tokkommaa paartiilee 'Madrak' waliin magaalaa Finfinnee qofaa keessatti dorgomoma.

KFOn sababi Finfinnee qofaatti dorgomuuf murteesse, rakkoo nageenyaa qofaaf osoo hin taane, Boordii Filannoo Biyyaalessaanis akka hin haqamneef ta'uus ibse.

Akkaataa labsii Boordii Filannoo bara 2017 fooyya'ee baheen paartiin tokko si'a lama walitti aansee filannoorratti hin hirmaatu yoo ta'e, beekamtiin seeraa paartichaa akka haqamu ibsa.

KFOn filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti hin hirmaanne waan ta'eef, filannoo marsaa 7ffaarrattis yoo hin hirmaanne laabsii boordichaan ni haqama jechuudha.

ABOn garuu Finfinnee dabaltee bakkewwan Oromiyaafi naannolee biroottis akka dorgomu beeksiseera.

Kaadhimamtootasaafi kanneen hojii siyaasaa hojjetaniif leenjii kennuus ibseera. Haa ta'u garuu, ammallee sababa rakkoo nageenyaan uummata keessa socho'ee ijjannoo ibsachuu akka hin dandeenyefi Boordii Filannoo waliin ta'uun haalli mijataan yoo uumame kaayyoosaa uumataaf ibsuu akka barbaadu gaazexaan Bariisaa dhaaba ABO irraa odeeffachuun gabaase.