Namoota 200 ol naannoo Somaaleetii baqatanii Moyyaalee qubatan maaltu mudate?

Namoota buqqa'anii magaalaa Moyaalee qubatan

Madda suuraa, Komunikeeshinii Magaala Moyyaalee

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Bulchiinsi magaala Moyyaalee namoota 200 caalaan kan tibbana naannoo Somaaleetii baqatanii gara magaalichaa dhufan qubsiisee deeggaraa jira.

Kantiibaa itti aanaan magaalaa Moyyaalee Obbo Abdii Eedii BBCtti akka himanitti, namoonni kunneen naannoo Somaalee bakka Laayee jedhamurraa baqatanii dhufuun Magaala Moyyaalee qubatan.

"Akka isaan irraa odeeffannetti namooni kutaalee biyyattii adda addaa irraa naannoo Somaalee deemanii hojii adda addaa hojjechuun ofjiraachisaa jiran dhiheenya bakka jiraachaa jiranitti waldhabdee uumame hordofeeti kan baqatanii dhufan"

"Akka isaan jedhanitti jalqaba namoota hojiif garas deemantu gurbaa somaalee loon tiksu tokko ajjeese. Ajjeechaa sana hordofee tarkaanfii haaloo bahiinsaa fudhatame hordofuun haleellaan nurratti raawwatama sodaa jedhuun kanneen bakka adda addaatii achitti hojjechaa turan kan baqatanii bahan" jedhan.

Baqattoonni kunneen dhalattoota Oromoo, Geede'oo fi sabaa fi sablammoota biroo yoo ta'an Kibaxata darberraa eegaluuni kan gara Magaala Mooaayeeltti baqatanii dhufan.

Namoota naannoo Somaaleerraa baqatanii Moyyaalee qubatan

Madda suuraa, Komunikeeshinii Magaala Moyyaalee

Lakkoofsi namoota baqatanii dhufan kanaa 200 akka caale kan himan angaa'aan magaalichaa kuni, ammallee kanneen bakkicharraa baqaanii dhufaa jiran jiru jedhan.

Kanneen baqatanii dhufan kana keessa daa'imman, dargaggoonnii fi namootni gurguddoon keessatti kan argaman ta'uus eeran

Bulchiinsi magaala Moyyaalees lammiilee naannoo Somaalee irraa sodaadhaan baqatanii gara magaalichaa dhufan kana iddoo tokkotti qubsiisuun deeggarsa gochaafii jiraachuu himan obbo Abdiin

"Warra baqatee dhufe kana qubsiisnee nyaataa fi waan dandeenyuun gargaaraa jirra. tokko tokko kan deemulleen jira. Kan haaraa dhufaa jiranis jiru. Marii isaan waliin taasifneen kaan nigella jedhu, kaan waan ittiin gallu hin qabnu jedhu. Akkamiin deeggara kan jedhu akka magaalaati mari'achaa jirra" jedhan.

Waa'ee buqqaatii fi baqaa namoota kunneenii irratti Naannoo Somaalee irraa hanga ammaa wanti ibsame hin jiru.

Waggootaan dura Naannoo Somaalee irraa Oromootni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee fi qabeenya horatan irraa buqqifamuun erga gara Oromiyaatti baqatanii magaalota adda addaa keessa qubsiifamanii turuun niyaadatama.