Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan buddeenaa ijoolleesaa lama ajjeesee waraabessa nyaachise adabame
Abbaan buddeenaa ijoolleesaa lama haala suukanneessaan ajjeesee waraabessa nyaachise hidhaan irratti murtaaβe.
Yakki kun Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu keessatti raawwatame.
Himatamaa Taaddasaa Mollaa jedhamufii jiraataa aanichaa taβe haadha warraasaa fi abbaa buddeenaa kan taβuuf ijoollee lama kan umriinsaanii waggaa torba fi sadii taβan waliin jiraachaa ture.
Haa taβu malee, himatamaan kun ALI Amajjii 17 bara 2015 daaβimman lamaan kunneen irratti yakka suukkanneessaa raawwate.
Gaafas haati warraa himatamaafii harmee daaβimman lamaanii kan taate ijoollesheefii abbaa warraashee dhiiftee dhimma hojii dhuunfaaf manaa baati.
Daaβimman lamaanis naannuma qeβeetti ijoollee biroo waliin tapha eegalan.
Yeroo kana himatamaan daaβimman lamaan keessaa isa hangafaa kan umriin waggaa torba taβe ofitti waamee qarshii 10 itti kennuun kasala akka bitu erga.
Daa'imni inni quxisuus obboleessa isaa waggaa torbaa waliin gara ergametti imala.
Himatamaanis uleefii huccuu qabatee daaβimman lamaan hordofee imala, daaβimman lamaan iddoo isaaf mijatu yemmuu qaqqabanis haala suukanneessaan yakka ajjeechaa irratti raawwatuu galmeen poolisii agarsiisa.
βHaala suukanneessaa taβeen ajjeesee, ijoollee achumatti dhiisee ofii isaa miliqee gara Godina Baalee deeme.
''Bakka sana erga deemee boodammoo bilbilee firoonnisaa naannoo sana jiran akka baqatan taasiseβ jechuun BBCβtti himan Abbaan Seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaddafaa Amantee.
Harmeen daa'imman lamaaniifii haati warraa himatamaas abbaan warraas taβe ijoolleenshee manatti ol deebiβuu dhabuusaaniitiin gara waajjira poolisii deemun iyyatti.
Ijoolleen ollaa daaβimman miidhaman waliin taphachaa turanis himatamaan ulee, huccuufii korojoo qabatee daaβimman lamaan faana hordofee akka imale harmee daaβimmaniitti himan.
βHimatamaan erga miliqee βgochaa akkasii raawwadheera, baqadhaa!β jedhee firootasaatti hime.
''Eeruun kun akkuma poolisii qaqqabettis waliin taβuun isa qabuun gara asiitti akka deebiβu taasifameβ jedhan Abbaa Seeraa Gaddafaa.
Adeemsa seeraafi adabbiiβ¦
Qindoomina qaamolee nageenyaan Godina Baalee Aanaa Sinaanaa keessatti toβannoo jala kan oole himatamaa Taaddasaa Mollaa jalqaba Mana Murtii Aanaa Kuyyuutti dhiyaachuun gochicha raawwachuusaa amane.
βMaaliif gochaa kana raawwatte yemmuu jedhan, 'godhi godhi naan jedhe, waan godhi godhi naan jedhe garuu hinbeeku' jedhe.
''Himanni Mana Murtii Olaanaa Shawaa Kaabaatti erga irratti dhiyaatee boodammoo gochicha raawwachuu hin amanneβ jedhan Abbaan Seeraa.
Yakkamaan kuni rakkoo dhibee sammuu qabaachuun isaa hin baramne.
Himatamaa Taaddasaa Mollaa, βSeera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539/1 (A) jalatti himatame.
''Daaβimman lama waan ajjeeseef himannaa lama jalatti himatameβ kan jedhan Abbaan Seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa Gaddafaa Amantee, himatamaan yakkicha raawwachuu haaluu isaatiin ragaaleen namaafii foorensikii akka dhiyaatan taasifamuu himan.
βIjoolleen sun waraabessaan nyaatamaniiru. Dhiigni huccuu isaaniirratti argame kan haadhaa waliin qorannoon forensikii taasifamee dhibbeentaa 99.9 kan walfakkaatudhaβ jechuunis himan.
βRagaalee hundumaa erga ilaallee booda ijoollee lamaan kanarrattiyyuu gochaa ajjeechaa gara jabeenyummaa qabu kan raawwate taβuusaa giddugaleessa godhannee ragaa ittisaa yoo qabaate akka ofirraa ittisu jalamurtii kennineβ jedhan.
Himatamaan maqaa namoota ragaalee ittisaa kooti jedhe mana murtichaaf dhiyeessullee namoonni kunneen jiraattota ganda eeramee akka hintaane mirkanaaβe.
βRagaaleen ittisaa kun akka dhiyaatan yeroon adda addaa kennamus teessoonsaanii kan hinbeekamne waan taβeef Manni Murtii bira darbuun (himatamaa) balleessaa taasiseβ jedhan.
Gama biraatiin Manni Murtichaa himatamaan kanaan dura galmee yakkaa kan hinqabne taβuusaa akka yaada adabbii salphisutti akka fudhate himan.
βNuti kaβumsatti adabbii duβaa adabamuu qaba jechuun kaβumsa qabanne. Garuu sababni adabbii salphisu tokko waan argameef adabbii duβaarraa gadi buβee hidhaa umrii guutuu akka adabamu murtiin kennameβ jechuun BBC'tti himaniiru.
Maddi gara jabinaa maali?
Sababoota kanaaf ka'umsa ta'an akka jiran ogeeyyiin xiinsammuu himu. Tokko rakkoo fayyaa sammuu waliin walqabatuu dandaβa.
Namni akkuma gaarummaas qabu, hamminas dalaga. Badiin kuni garuu jireenya kana dura keessa dabarsanirraa, aarii, mufii, kakaβumsa sababoota garagaraan raawwachuu dandaβa.
Kana dura gargaaraa pirofeesara kilinikaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan taβan Saayiman Makaartii-Joons sababa namoonni nama hubaniif BBCβtti kana himan.
Sababa lamatu jiraachuu dandaβa - miidhaan nama sanaa itti hin dhagaβamu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).
Sababa biraa kan taβuu dandaβu nama sana akka nama isaan miidhuu dandaβutti yaaduu kan jedhudha jechuun ibsan.