Laamin Yamaal arrabsoo garee Masrii mudate balaaleeffate

Laamin Yamaal maaliyaa Ispeen isa adii uffatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Laamin Yamaal Baalon dorii 2025 irrratti lammaffaan xumure
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Laamin Yamaal tapha Ispeen Masrii waliin Baarselonaatti taphatan irratti arrabsoon sanyummaa dhagahame ''kabaja dhowwuufi waan obsamuu hin qabne'' jechuun balaaleeffate.

Poolisiin Ispeen iyya ''jibba islaamummaafi jibba nama ormaa'' tapha boqonnaa duraa tapha michummaa dirree RCDE bulchiinsa Baarselonaa argamutti dhagahame qorataa jira.

Taphni biyyoota lamaanii galchii malee 0 fi 0'n xumurame.

Yeroo boqonnaa iskirinii dirree kanaratti ergaan jibba nama ormaa qabu akka hin dubbanne akeekkachiisu mul'ateera.

Taphni boqonnaa boodaa yeroo eegalus mul'ateera. Yeroo kana namoota dirree keessa jiran keessaa muraasni firimbii afuufaa turan.

''[Iyyi] dirree keessa ture garee morkataa malee anarratti akka hin xiyyeeffanne nan beeka, garuu akka nama Musliima ta'etti, kan kabaja dhowwuufi obsamuu hin qabnedha,'' jechuun Yamaal dubbateera.

''Deeggartoonni hundi akkana akka hin taane nan beeka'' kan jedhe Yamaal amantaa dahoo godhachuun akkana godhuun ''wallaalaafi nama sanyiin qoodu'' akka taate agarsiisa jedhe.

Dabaluunis, ''Kubbaan miilaa gammaduufi deeggaruuf malee namoonni eenyummaa isaaniiin yookiin waan itti amananiin kabaja dhowwuu miti.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan cimaa ganna 18 kuni Ispeeniif yeroo 26ffaa hiriiree taphateera. Bara 2024 biyyi isaa Shaampiyoonaa Awurooppaa akka injifattu gargaareera.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen dubbii jibba Muslimaa dirree keessa mul'ate balaaleeffateera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ispeen kubbaa miilaa keessatti jibba sanyummaa dura akka dhaabbatuufi hookkara dirree keessa mudatu akka balaaleeffatu ibsa miidiyaa hawaasummaa gubbaa baaseen ibse.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Ispeen Luwis de la Fuwenteenis waan dirree keessa mul'ate kan ''obsamuu hin qabne'' jechuun balaaleeffatan.

Kanneen kana raawwatan jedhan ''Hawaasa keessaa adda baafamuu qabu, hamma danda'ametti fageeffamuu qabu,'' jechuun himan.

Taphni Masriifi Ispeen silaa Kataaritti taphachuuf yaadamee ture.

Garuu, waraana Giddugala Bahaattii adeemaa jiruun gara dirree Ispeen kilabni Espaanyol keessa taphatutti akka taphatamu ta'e.

Tapha kanarratti jifataan Liivarpuul miidhamee Mohaammad Saalah hin taphanne.

Warri Ispeen tapha Masrii dura tapha michummaan Sarbiyaatiin 3 fi 0 mo'atanii turan.

Masrii waliin qixa bahuun isaanii garuu sadarkaa kubbaa miilaa FIFA'n sadarkaa tokkoffaarraa akka bu'an godheera.