Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ji'i Ramadaanaa maaliif adda ta'e, Musliimonni akkamiin dabarsu?
Ramadaan Mubaarak! Ramadaan Kariim (Jiβa eebbifamaafi kan arjummaa isaaniif haa taβu) jechuun Musliimonni jalqaba jiβa Ramadaanaa simatu.
Addunyaa keessatti Muslimoonni biliyoona lamatti siqan Kibxata har'aa irra eegalanii sooma jiβa qulqulluu Ramadaanaa kan waggaa kanaa jalqabu.
Ramadaanni bara kanaa kun kan bara 1442ti.
Sa'ud Arabiyaatti Koreen Addeessa ilaaluu jiβi Shaβaban Wixata dhumuun, guyyaan jalqabaa Ramadaanaa guyyaa (Kibxata) Ebla 13tti jedhee ibse baaseera.
Akkana jechuun biyyoota Arabaa dabalatee biyooti hedduun har'a ganama yeroo biiftuun baatuu kaasee hanga aduun dhiitutti bultii 30f nyaataafi dhugaatii kamiyyuu lagatan.
Jiβi Ramadaanaa, yeroo soomaa, kan kadhannaa Waaqaa guddisaniifi gargaarsa gochuurratti ammoo hirmaatanidha. Jiβa kana keessa gumiin Muslimootaa walitti dhufanii waliin salaatan, galgala yeroo aduun dhiitu sooma waliin hiikan.
Weerarii koronaavaayirasii waggaa darbe sirna jiβa Ramadaanaa guutummaan guututti jijjire.
Biyoonni hedduun tatamsa'ina dhukkubichaa dhorkuuf waan hedduu ugguran: Masjidaatti salaatuu, walitti qabamuu, walitti dhihachuu fi walirra deemanii wal-gaafachuu.
Kun baayyee ulfaataa ture muslimoota cufaaf, sababnisaas jiβi kun duraan maatii, hawaasaafi Musliimota hunda walitti fida waan taβeef warreen haalli dinagdee rakkisaa itti taΚΌe hedduu jiβa Ramadaanaa kana jireenya isaanirraa jijjiirama guddaa fide.
Odeessa biroo Ramadaan irratti:
- Akkana! Soomuun fayyaa teennaafi gaarii?
- Nyaatawwan hawaasni Muslimaa sooma Ramadaanaa ittiin hiiku
- Musliimonni sochii dhorkame keessatti Ramadaanatti jiru
- Koroonaavaayiras kabaja ayyaana amantii attamiin jijjiiraa jira?
- Dheerina guyyaa fi sooma Ramadaanaa
- Tamiriin maaliif Ramadaana keessa filatamaa ta'e?
Ramadaana bara kanaa namni hedduun Salaata Taraawii Musliimotaa biroo waliin Masjidaatti salaatu hawwii guddaan eega turan, garuu biyyoonni garii akkuma Ramadaana bara darbee uggura koronaa jalaa jiru.
Gareen salaatuun ykn salaanni Jamaβaa Musliimota biratti sirna amantii keessa bakki guddaan kennamuuf amma garuu waggaa lamaan kana keessa sirni kun gaggeffamaa hin jiru.
Ustaaz Anwaar Yusuuf Waaqayyo ji'a soomaa kana ji'oota 11 cufa caalaa ulfina akka kenneef dubbatu.
Dabalataan guyyaa 30n jiβa Ramadaanaa qulqulluu kana keessaa ammoo kurnaan gara boodaa ni caalu jedhu. Ammallee, guyyoota kanneen keessa guyyaa ''Laayilattul qadrii'' ni jira jechuun ibsu.
Laayilattul qadrii - Guyyoota 10 ji'a Ramadaanaa keessaa amantaa Islaamaa keessatti galgala addaa Quraanni itti bu'eefi luqaasiiwwan jalqabaa Nabiyyuu Muhaamaditti(SAW) mul'atanidha.
Guyyaa galgala labsiifi humnaati, galgala duudhaafi hireedha.
βJiβi kun j'a eebbifamaa, jiβa namni naasuu waliif qabaatu, kan namni badii dalage dhiifama Waaqa gaafatee of qulqulleesse gama Rabbiitti deebiβudha," jechuun ibsu Ustaaz Anwaar.
Ramadaana bara kanaa maaltu adda godha?
Ramadaanni bara kanaa kan waggaa darbe caala jedhanii namoonni hedduun abdachaa turan, garuu sababa weerarri koronaavaayirasii marsaa sadaffaa hammaateef akka abdatan hin taane.
βKoroonaaf jedhanii masjiida cufan, amma manatti deebinee jirra. Erga sooma bara darbeeti wanti jijjirame hin jiru,β jetti Mariyaam Mohaammed, daldaltuun magaala Mooyalee-Keeniyaa jijraattu.
Akkuma Ramadaana bara dabree, lammileen Keeniyaa Naayiroobii jiraatan Masjiidaatti salaatuu hin dandeenye. Sababa koroonavayirasiin cimee itti fuufeef mootummaan Keeniyaa magaloota hedduu ugguree kaan garuu, seera sochii dhorkuu kaa'ame akka hordofan murteesse.
Magaalaan guddoo Keeniyaa cufamnaan dhiibbaa guddaa namoota daldalaa magaloota biroo jiran irratti geesisseera kan jettu Mariyaam, bari kun kan waggaa darbee caalaa ulfaata jetti.
βKaraa cufanii konkolaataan gara Naayirobiitti dhufu waan hin jirreef, womma gurguruu hin dandeenyu. Manneen daldalaa cufaa jedhanii jiru, maal goona, Rabbuma kadhanna,β jetti.
Akka Mariyaam jettutti Ramadaana bara darbe dhukkubi kun Keeniyaa keessaa magaaloota gurguddoo akka Nayirobiifi Mombaasaa keessatti malee Mooyyallefaatti hin mullanne ture amma garu Mooyyalee keessatti guyyaatti namni tokko ykn lamatu duβa.
βGaafas [bara darbe], akkuma nagaa wal-keessa deemnee walirraa sooranne, masjiida deemnee salaanne, nami miskiinalleen ollaa biyya ykn masjiidaa nyaachuu dandaβa ture amma garuu dhukkubi kun baayyatee sodaa guddaa uume.β
Namni heddumaatee yoo waliin salaate, waliin sooma hiikellee hedduu nama gammachiisa ture jedha Ustaaz Anwaar, garuu Nayirobiitti Masjiidi cufaa waan taβeef baayyee gaddina jedhu.
βYeroo furiinsaa [sooma hiikuu] silaa nyaataafi dhugaatii masjiida fidan, nama miskiinaafi namoota karaa deemaniifis keennama ture. Amma akkuma bara darbee nu jalaa cufanii rakataa gargaaruun akka malee ulfaataa taβe,β jedhu Anwaar.
Walirra fagachuufi namoonni hedduun walitti dhufuun dhorkaa waan taβeef nama manaatti dhiheessanii nyaachisuulleen hin dandaβamu.
Maaltuu godhamuu qaba?
Waggaa darbe, biyyoota lixaatti lakkoofsi namoota koroonan qabamanii lubbuu dhabani, jiβa soomaa keessa baayyachuu himan.
Kanaaf, biyyooti hedduun amma dhorkaa cimaa biyyasaanirra kaβaa jiru.
Hatau malee, biyyooti kunneen Masjiidaa isaanii bananii akka walirraa fagaatanii salaatan eyyama kennaniiru.
Jiraattonni US, Isteetisii Minnisootaa galgala Wiixata salaata Taraawiiha jalqabuu himan.
Mohaammed Amiin, masjiida deemanii salaata kabaja qabu kanaatti hirmaachuuf gammachuu qabaachuu ibsa.
βAlhamdullilah, ani waggaa darbe manummaattin salaataa ture, amma garuu masjiida deemuu kiyyaaf hedduu gammachuun natti dhagaβamti. Ramadaana keessa yoo Taraawiihaafi Tahaajjuud hin salaatin natti hin tolu,β jedha.
Namoota rakkoo dinagdee qaban akkaataa ji'a Ramadaanaa kana keessa wal gargaaruun danda'amutti, namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa irratti yaadaa dhiheesaa jiru jedha.
Ustaaz Anwaar namni bakka jiruttis taanaan wal iyyaafachuu qaba jedha.
Jiβa kana nami rakkataalleen akka gaariitti sooma isaa gaggeessuu dandaβuuf gargaaruun barbaachiisaa taβuu hima.
βWal-cinaa dhaabbatanii namoonni maallaqa qaban waliti qabanii nyaataafi dhugaatii bitanii akka obboleeyyan isaanii nagayaan sooma kana gaggeessatan gochuu qaban,β jedha.
Bara kana nagaan soomnee nagaan akka xummurru namuu tarkaanfii mootummaan kaaβe hordofuu qaba jechuunis dhaamsa dabarsan.