Carraan US waraana lafootiin Iraan weeraruu hagami?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni US fi Israa'el Iraanirratti banan ji'a guuteera. Mariii jaarsummaan furmaata dippilomasii barbaaduun akkuma jirutti ta'ee, taateewwan waraanaa saffisaan jijjiiramaa jiru.
Gaaffii ijoon garuu Waashingtan oppireeshinii waraanaa lafoo Iraanirratti banuu dandeessii? kan jedhu dha. Akka maddeen jedhanitti oppireeshiniin lafoo kun odola Kaarg fi iddoolee handaara galaanaa kaan naannawa ulaa Hormuuz qabachuuf ta'a.
Maddeen US irraa
Gaazexaan The Washington Post maxxansa isaa Sanabat-duraa Bitootessa 28, baaseen waraanni Ameerikaa Iraan keessatti oppireeshinii lafoo torbaanotaaf turu raawwachuuf qophiitti jiraaachuu barreesse. Akka gaazexaa kanaatti oppireeshiniin kun muddama jabaa waraana fuullee miti.
Gaazexaan kun dabalee, qondaala US tokko maqaa osoo hin dhahin wabeeffateen, Pentaagon loltoota 3,500 bobbaasuu danda'a jedhe.
Akka gabaasa The Washington Post kanaatti, oppireeshiniin kun weerara guutuu Iraanirratti banuu miti. Haleellaa xiqqaa daangaa lafa Iraan keessatti humnoota addaatii fi gurmuu waraanaa kaan hirmaachisuun raawwatamu ta'a.
Egaa tarkaanfiiwwan kunneen wayita waraanni US Baha Jiddu-galeessaa keessatti dabalaa jirutti ta'a jechuu dha. Dooniin waraanaa Ameerikaa kan waraana lafoo fi humna mekaanaayizdii gaggeessitu USS Tripoli jedhamtu Sanbat-duraa Bitootessa 28 Baha Jiddu-galeessaa geesseerti.
"USS Tripoli" doonii waraanaa helikoparaa fi tuuta humna galaanarraa 3,500 baattu dha.
Dhimma kanarratti Gaazexaan Biriitish The Guardian, Waashingtan gara Baha Jiddu-galeessaatti loltoota kumaatamaan lakkaawaman, humna galaanarraa, fi humna komaandoo bobbaasuun qophiin waraanaa ifaa agarsiisa jedhe.
Gabaasni kun Iraan waliin haasaan dippilomasii godhamaa jiru oofkaluu dadhabuu akeekas jedheera. Kuni ammas humna lafootin Iraan seenuun haal duree wayii qabaachuu akka danda'uu fi shakkisiisaa ta'uu mul'isa.
Iraan ofirra eegaa jirti moo of dagatti?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama Iraaniin, Iraanonni US karoora loltoota lafootiin biyya isaanii seenuu akka qabdu ni beeku.
Miidiyaan Iraan, Af-yaa'ii Paarlaamaa Iraan, Mohammad Baqer Qalibaf, wabeeffachuun akka gabaasetti, Yunaayitid Isteets Iraan waliin haasawaa jirti, garuu iccitiidhaan, haleellaa lafoo karoorsaa jirti jedhe. Kana jechuun waraanni Iraan humna waraanaa Ameerikaa hanga Iraan seenu eegaa jiraachuu fi michuuwwan ishee adabuuf qophiitti jiraachuu akeeka.
Oppireeshiniin lafoo Iraan keessatti raawwatamu kamuu yoo jiraaate, miidhaa akka qabaatu yaaddoon jira akka ogeeyyiin waraanaa jedhanitti.
Ogeeyyiin waraanaa, akkuma Iraaq keessa bara 2003 seene dhoqqee keessatti laaqamuu danda'a, ykn akkuma Afgaanistaan keessatti danqamee ture tulluuwwan rakkisoo fi dachii bal'oo Iraan keessatti loltootni hedduun jalaa dhumuu danda'u jechuu akeekkachiisu.
Ajajaan NATO duraanii fi michuu US Admiral James Stavridis, balaan US odola Kaarg weeraruu guddaan Iraan dooniiwwan waraanaa naannichaa irratti qiyyaafachuun haleeluu dandeessisa jedhu.
Yaaddoon biraa, akka ajajaan duraanii NATO kun jedhutti, hireen namoota odola kanarra jiraatanii kumaatamaan lakkaawamanii ti. Irra caalaan isaanii hojjettoota indaastirii boba'aa kan ta'an jiraattonni odola tanaa, sababa kanaan yookan "ni dhuunfatamu" yookiin bakkaa ka'u jedhu.
Stavridis kana malees, tarsiimoon carraan tarsiimawaan Waashintan qabdu maali kan jedhu dubbatu: " Yaadichi oppireeshinii kana Iraan ulaa Hormuz akka bantu mariif harka micciiruu ti. Hoggantoonni sirna mootummaa Iraan keessatti hafan yaada Odola Kaarg dhabuu kanaan harka micciiramuu danda'uu kan jedhu ammaaf hin beekamu."















