Mohammad Baghar Galibaaf: Qondaalli Iraan marii US waliin taasifamu gaggeessuu mala jedhaman eenyudha?

Mohaammad Bagher Gaalobaaf

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Afayaa'ii paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Baghar Gaalibaaf marii US Iraan waliin gaggeessiti jedhamu gaggeessuuf nama ijoo akka ta'an gabaafamaa jira.

Qondaalota olaanoo Iraan Israa'el ajjeesuuf galmeeffattee turtee keessaa tokko Mohaammad Baghar yoo ta'u, dhiyeenya kana garuu qondaala kanaafi Ministiira Dhimma Alaa Iraan kan ta'an Abbaas Araagchii galmee namoota ajjeefamuuf barbaadamanii keessaa baasuu Rooyitars biyya jaarsummaan gidduu deemaa jirtu Paakistaan irraa waabeffachuun gabaasee ture..

"Israa'eel bakka isaan [Mohaammad Bagharifi Abbaas Araagchii] jiran adda baafattee ajjeesuuf turte; isaan lamaan ajjeefaman taanan namni wajjin mariyattan hin jiru jennee UStti himne. US ammoo Israa'el akka isaan hin ajjeefne itti himte," jechuun akkaataa qondaalonni Iraan lamaan itti lubbuun hafan jedha maddi Paakistaan Rooyitars dubbise.

Namni ganna 64 kun, Mohaammad Baghar, gadi bahanii USfi Israa'elitti dhaatanis qondaalonni US tokko tokko garuu nama waliin mariyachuuf mijatuudha jedhanii akka amanan miidiyaan US Politico jedhamu gabaase.

Suura Mohaammad Galibaaf finnifamee mul'atu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Galibaf filannoo pirezidaantummaa Iraan bara 2024 gaggeeffamerratti kaadhimamtoota jaha dorgomaa turan keessaa tokko turan

Afayaa'iin Paarlaamaa Iraan kun kanaan dura filannoo pirezidaantummaa KIraan gaggeeffaman heddurratti milkaa'uu hin dandeenye.

Haleellaa USfi Israa'el gaggeessaa turaniin qondaalonni siyaasaafi waraanaa heddu biraa ajjeefamanis, walitti dhufeenya Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) waliin qabaniifi muuxannoo siyaasa biyyattii keessatti qabaniin kan ka'e siyaasa Iraan keessatti iddoo guddaa argataniiru.

Mohaammad Baghar Galibaaf kaaba baga Iraan magaalaa Torgabeehitti maatii amantii leellisaniifi galii giddu galeessaa qaban keessatti dhalte.

Umurii 16ttii abbootii amantaa kanneen akka gaggeessaa olaanaa Iraan haleellaa USfi Isaraa'eliin du'an, Ayaatolaa Alii Kameenii, jalatti naannoo magaalaa Mashaaditti baratan.

Warraaqsa bara 1979tti Iraanitti dhalate booda waraana Iraanifi Iraaq gidduutti gaggeeffamerratti loltuu ta'uun hirmaataniiru. Yeroo ganna 20 guutan, Eegdota Warraaqsa Ilaamaa Iraanitti dabalaman.

Mohaammad Baghar Galibaaf bara 2024 duula filannoo pirezidaantummaa yeroo gaggeessan.

Madda suuraa, Pacific Press/LightRocket via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Baghar Galibaaf bara 2024 duula filannoo pirezidaantummaa yeroo gaggeessan

Afayaa'iin parlaamaa Iraan kun gaafa cidha godhatan gaggeessaa olaanaa duraanii Iraan Ayatolaa Ruhollaa Kameeniin irratti argamanii turan. Mohaammad Baghar Galibaaf amma abbaa ijoollee sadiiti.

Waraana Iraanifi Iraaq booda bara 1997tti ajajaa Humna Qilleensaa Humnoota Eegdota Warraaqsaa ta'an.

Bara 1999tti mormii barattootaa ka'ee namoonni heddu itti ajjeefaman keessatti kallattiin hirmaachuun mormiin akka dhaabbatu gochuu keessaa qooda qaba jedhama.

Ajajaa poolisii irraa gara kantiibaa magaalaa Tehraan ta'uutti

Mormiin barattootaa cimaan erga gaggeeffamee waggaa tokko booda, Mohaammad Baghar ganna 39tti ajajaa poolisii ta'uun muudaman.

Waggaa shaniif ajajaa poolisii ta'etti, toora bilbilaa namoonni akkaataa qabiinsa poolisiirratti yaada kennan hundeessuun alatti, konkolaataa poolisii biyya alaatii galchuun poolisoonni biyyattii akka itti fayyadaman gochuutu himama.

Bara 2005tti garuu ajajaa poolisiirraa ofumaan aangoo gadhiisuun filannoo pirezidaantummaaf dorgomanis mo'aman. Boodarra mana maree magaalaa Tehraaniin filamuun kantiibaa magaalaa Tehraan ta'an.

Waggaa 12 kantiibaa magaalaa Tehraan ta'uun tajaajiluun hanga ammaatuu kantiibaa waggoota dheeraaf Tehraan bulche jedhamu.

Daandii baaburaa babal'isuufi karaa geejjiba konkolaataa babal'aa magaalaa Tehraan keessatti hojjachiisunis jajamu.

Mohaammad Baghar bara 2020tti mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti teessoo argachuun, afayaa'ii paarlaamaa biyyattii ta'uun filame.

Mohaammad Baghar fi Mohaammad Khataamii yeroo waliin dubbatan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Baghar ganna 29tti ajajaa poolisii ta'uun muudaman

Yaalii pirezidaantummaa fashale

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mohaammad Baghar Gaalibaaf marsaa sadi filannoo pirezidaantummaaf dorgomanis hin milkaayin hafan.

Siyaasan nama baruumsa PhD qaban yoo ta'an paayileetii xayyaara waraanatis.

Qondaalli siyaasaa olaanan kun yeroo dheeraaf Iraan keessatti jijjiiramni siyaasaa akka hin dhufne dura dhaabbataa turan jedhamus, waggoota dhiyoo as leellistoota sirna Ayaatolaa keessatti nama jijjiiramni akka dhufu ta'aa jiru jedhamaa jira.

Filannoo pirezidaantummaa Iraan bara 2024 gaggeeffame irratti, Mohaammad Baghar kaadhimamaa ta'anii dhiyaachuu hordofee, kanneen sirna Ayaatolaa leellisan dorgommii keessaa akka bahan taasisan jedhama.

Baruma sana ammoo afayaa'ii paarlaamaa Iraan ta'uu filamanii hanga ammaa tajaajilaa jiru.

Yakkoota malaammaltuufi waliin dhayuunis maqaansaanii ka'aa ture. Yeroo Iraan ammoo kiyyoo waraanaa keessa galte kana keessatti Mohaammad Baghar dandeettifi dhageettii siyaasaa qabutti fayyadamee haala waraanni itti deemaa jiru to'achuu, qondaalota waraanaa IRGCfi gaggeessitoota biyyattii gidduu riqicha ta'ee tajaajiluu danda'a jedhamee abdiin irra kaa'amee jira.