'Miilaan imaluu aadeffadhaa'-Tarkaanfiiwwan mootummaan boba'aa qusachuuf baase maali fa'i?

Madda suuraa, ENA
Hanqina boba'aa sababa waraana Baha Jiddu-galeessaan uumame damdamachuuf mootummaan murtoowwan garaagaraa dabarseera.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Kaasahun Gofee rakkoo kanaan walqabatee dhiibbaa jiru hir'isuuf kallattii mootummaan hordofu ibsaniiru.
Kutaan addaa dhiheessiifi raabsaa boba'aa hordofu, tarkaanfii fudhatuu fi dameewwan dursi boba'aa kennamuufii qabu adda baasu hundeeffamuu ibsan.
Waraanni Baha Jiddu-galeessaatti dhalate gabaa fi dhiyeessii boba'aa biyyattiirratti dhiibbaa uumuu eeraniiru.
Sababa waraana kanaatiin naafxaan waraanaan dura dolaara 80 ture yeroo ammaa dolaara 230 gaheera, beenzilli dolaara 70 ture dolaara 150 galeera.
Waliigalteen gabaa boba'aa Itoophiyaa fi biyyoota Baha Jiddu-galeessaa waliin qabdu gufachuu fi biyyoonni boba'aa dhiyeessan boba'aa dhiyeessuu akka hin dandeenye nu beeksisan jedhan.
Sababa kanaan boba'aan adeemsa bittaarra ture meetirik toonii kuma 180 caalu dhiyaachuu hin dandeenye.
Naafxaa adiin guyyaatti litira miliyoona 9.2 ture gara litra miliyoona 4.5tti gadi bu'uus ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan sababa kanaan sochiin diinagdee fi hawaasummaa akka hin danqamneef boba'aa gatii asiin dura bite dachaa sadiin bitee dhiyeessuf dirqamuu isaa dubbatan Kaasaahun Gofee.
Mootummaan bittaa boba'aa doggomuu ibsanii, yeroo ammaa naafxaa adii litira tokko birrii 95, beenzila irratti birrii 42 doggomuu jiraachuu ibsan.
Hanga ammaa boba'aa birrii biliyoona 262'n doggomuu ibsan. Ji'aan birrii biliyoona 15 hanga biliyoona 20 doggomuu ta'a.
Mootummaan sababa hanqina boba'aa kanaan guyyaa har'aa Bitootessa 31, 2025 kaasee dhimmoota dursi kennamuufii qabanirratti murtoowwan armaan gadii dabarse.
Murtoowwan kunneen:
1. Konkolaattonni boba'aa fe'an buufatarratti dursi akka kennamuuf,
2. Oomishtoonni ol'aanoofi dhaabbileen al-ergii kallattiidhaan,
3. Pirojektoonni mootummaa fi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa barbaadan kallattiidhaan,
4. Konkolaattonni daldala al-ergiifi alaa galchii dabalatee oomishaalee bu'uuraa fe'an,
5. Tiraaktaroota qonna ammayyeessan,
6. Konkolaattota geejjibaa magaalaafi qaxxaamura biyyaa,
7. Konkolaattonni geejjiba uummataa naafxaan hojjetan dursa boba'aa akka argatan murtaayeera.
Ministirichi hawaasni waan gochuu qaba jedhanis eeran.
1- Boba'aa qusannoon itti fayyadamuu,
2- Maddeen anniisaa haaromfamaa fayyadamuu,
3- Aadaa lafoo deemuu gabbifachuu,
4- Sagantaa imala hin barbaachifnee dhaabuu,
5- Geejjiba uummataatti fayyadamuu,
6- Gocha seeraan alaa bittaa fi gurgurtaa boba'aa irratti mul'atan saaxiluun mootummaa waliin akka hojjetu waamicha dhiheessaniiru.















