Waraanni Somaaliyaa magaalaa loltoonni Itoophiyaa buufatan Baayidowaa maaliif to'ate?

Madda suuraa, Getty Images
Waldhabdee yeroo dheeraa mootummaa federaalaa Somaaliyaafi mootummaa Naanooo Kibba Lixa Somaaliyaa, kan loltoonni Itoophiyaa keessa buufatan, gidduutti mudatee tureen waraanni biyyaalessaa Somaaliyaa magaala Baayidowaa to'achuu hordofee pirezidaantiin naannichaa Keeniyaatti baqatan.
Loltoonni mootummaa federaalaa magaalaa guddoo Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa kana taate Baayidowaa kan to'atan guyyootan dura yoo ta'u, pirezidaantiin naannichaa Abdihaziiz Hasan Mohammad Laftagaree biyyaa bahuun Keeniyaatti baqachuu dubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Hasan Abdii Mohaammad BBCtti himan.
Magaalaan Baayidowaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo yoo taatu, humna nagaa kabachiisaa AMISOM jalatti loltoonni Itoophiyaa irra jireessi magaalattii keessa buufachuutu himama.
Gama biroon ammoo mootummaan Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa kun Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka qaban dubbi himaan pirezidaantii naannichaa BBCtti himan.
Inumaayyuu waraanni mootummaa federaalaa Somaaliyaa humnoota naannoo waliin lola gaggeessuun magaalaa Baayidowaa osoo hin to'atin guyyoota muraasa dura pirezidaantiin naannoo kanaa magaalaa Finfinnee turan jedhama.
Mootummaa federaalaa Somaaliyaafi Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa gidduu garaa garummaan yeroo dheeraaf turuu kan himan Obbo Hasan Abdii dhumarratti gara wal-waraanutti cehuu himuun mootummaa federaalaa himatu.
"Mootummaa federaalaafi kan naannoo gidduu garaa garummaatu jira. Garaagarummaan isaanii deemee deemee dhumarratti gara waraanatti jijjiirame," jechuun pirezidaantiin naannichaa kanarraa kan ka'e Naayiroobitti baqachuu himu.
Obbo Hasan akka jedhanitti, prezidaantiin Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa uummata naannichaan kan filaman ta'anis dhiigi akka hin dhangalaanef jecha aangoo gadhiisanii biyyaa filachuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaantiin Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa marsaa lammaffaa erga filamanii torban lama osoo hin guutini aangoo gadhi dhiisuun kan baqatan.
Sasabni ijoon waldhabdee isiniifi mootummaa federaalaa Somaaliyaa gidduu jiru maalidha? jedhamanii kan gaafataman dubbi himaan mootummaa naannichaa, mootummaan federaalaa naannoleen ofiin akka of-bulchaniif mirga heerri kennuuf faallessuu akka ta'e himu.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad barri bulchiinsa isaanii dhumuuf yeroon ji'a lamaa gadii hafuu kan himan qondaalli kun, deebi'anii filatamuu waan barbaadaniif gaggeessaan Naannoo Kibba Lixaa Abdihaziiz Hasan Mohammad Laftagaree "fedhiin koo akka galma hin geenyeef na danqa" jechuun duula waraanaa irratti banuu dubbatu.
"Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad yeroonsaa dhumachuuf yeroonsaa waan kalaa'ef [dhiyaatef], filannoo biyyaalessaarratti deebi'ee filamuu ni yaada. Namichi kun [Abdihaziiz Hasan Mohammad Laftagaree] na dura waggaa torba [Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa] waan bulcheef, yoo amma kan deebi'u ta'e fedhii koo hin guutu, naannoo kanaa bahuu qaba jedhee waraana itti bane," jechuun mootummaa federaalaa komatu.
Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaa aangoo gadi dhiisan ammoo "uummata na filatetu na buusa malee pirezidaantiin federaalaa [Hasan Sheek Mohaammad] na buusuu hin danda'u jedha. Waanti waraana fide kanaadha" jechuun muddamni yeroo dheeraaf turuu himu.
Pirezidaantiin Naannoo Kibba Lixaa Abdihaziiz Hasan Mohammad Laftagaree yeroo dhiyoo Finfinnee turuunsaanii dhugumaa? jennee dhugaa ta'uu mirkaneessan.
"Finfinnee deemanii achitti boqachuun rakkoo homaa hin qabu; Itoophiyaa ni deeman, amma Keeniyaa jirra," jechuun akkuma uummanni Oromiifi Somaalee daangaa cehee wal-keessa jiraatu qondaalonni mootummaallee gidduu deemuun waanuma jiru ta'uu himu.
Walitti dhufeenya mootummaa Naannoo Kibba Lixa Somaaliyaafi loltoota Itoophiyaa achi buufatan gidduu walitti dhufeenyi cimaan yeroo dheeraa jiraachuu kan himan Obbo Hasan Abdi.
Humni nagaa kabachiisaa AMISOM waggoota kudhan dura osoo Somaaliyaatti hin bobba'in durayyuu loltoonni Itoophiyaa seenuun uummata haleellaa Al-Shabaabirraa eegaa akka turaniifi yeroo uummanni gogiinsafi bishaanin rakkatullee gargaarsa garaa garaa gochaafii turuu ragaa bahu.
"Waraanni Itoophiyaa maqaa AMISOM'n Somaaliyaa keessa hin galin duratti [achi keessa turan]; yeroo uummanni Somaalee kun rakkate, waraanni Itoophiyaa uummata keenya rakkate kana gargaaruu qabna jedhanii gargaaraa turan.
"Ergasii booddee ammoo ganna 12 hanga 14 maqaa AMISOM'n maagaalaa Baayidawaa qofa osoo hin ta'in akka natti fakkaatutti gara magaalaa kudhanii wayii keessa jira waraanni Itoophiyaa," jechuu waraanni Itoophitaa kallattiin mootummaa federaalaa waliin kan hojjatu ta'ullee, naannolee keessa jiran keessatti uummata waliin walitti dhufeenya gaarii akka qaban himu.
Bulchiinsa Kibba Lixaafi mootummaa federaalaa Somaaliyaa gidduutti muddamni dhalate sirna federaalaa biyyattiifi mootummoota naannolee gidduu filannoofi aangoo qooddachuun wal-qabatee garaa garummaa jiruuf agarsiistudha.
Mootummaan federaalaa Somaaliyaa yeroo dhiyoo heera biyyattiirratti jijjiirama gochuusaa bulchiinsi Kibba Lixaa mormee ture.
Kuni ammoo garaa garummaan mootummaa federaalaafi mootummaa naannichaa gidduu jiru caalmatti akka jabaatu taasise.












