Waraanni saayibarii Iraan keessatti gahee akkamii qaba?

 Qondaalota waraaanaa iskiriinii gurguddaa fuuldura jiran

Madda suuraa, Josef Cole, ALSSA

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Dhimmi humna waraanaa yeroo dubbatamu Ameerikaafi Israa'el akkamiin akka Iraaniin itti haleelaa jiran suura dabalatee agarsiisuurraa boodatti hin jedhan.

Ajajni Giddugaleessaa US suuraawwaniifi viidiyoowwan ogeessotaan qophaa'an kan fayyadamu yoo ta'u, gosoota meeshaalee waraanaa, jeettiwwanii fi doonii fayyadamu sa'aatii gabaabaa keessatti miidiyaa hawaasaarratti maxxansa.

US fi Israa'el dirree saayibariirra waan deemaa jiru agarsiisuuf garuu fedhii waan qaban hin fakkaatu.

Ibsa miidiyaaleef sa'aatiiwwaniif kennaman, haasawwan aangawootaa akkasumas maxxansawwan miidiyaa hawaasaa irratti duula saayibarii laalchisee ibsi kennamu hin jiru jechuun ni danda'ama.

Haakaroonni Iraan garuu erga waraanni eegalee as yeroo jalqabaatiif kaampaanii Ameerikaa irratti haleellaa saayibarii raawwachuu isaanii ibsanii jiru.

Haleellaan irratti raawwatame kan jedhame kaampaanii teknolojii waldhaansa fayyaa 'Istiraayikar' jedhamu dha.

Ajajaa Olaanaan Ajaja Jiddu-galeessaa US Admiiral Biraad dhiyoo ibsa miidiyaaf kennaniin akka eeranitti waraana kana keessatti haleellaan saayibarii qooda guddaa qaba.

"Sirriirra galaanaa hanga hawaa fi dirree saayibariitti, Iraanirratti haleellaa raawwachuu itti fufna" jedhan.

Waraana kana keessa gosoota haleellawwan saayibarii raawatamaa jiranii fi waayee waraana saayibarii wanti beekuu qabnu kunooti.

Misaayeloonni furgugfamuu isaanii dura

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Qophii waraanaa" keessatti basaasni saayibarii fi ragaa butuun gahee olaanaa taphatu. Dura taa'aan ajajoota gurmuu waraanaa Pentaagon Jeneraal Daan Keen, adeemsa waraanaa yoo ibsan, ji'ootaaf, dhimmoota tokko tokkorratti immoo waggootaaf qophiin godhamaa turuu ibsan.

"Tuutawwan qiyyaafannoo" haleellaan irratti raawwatamu adda baafachuunis qaama karoora kanaati jedhan.

Karoorrii haleellaa qophaawuu dursee haakaroonni US fi Israa'el networkii murteessoo kompiyutaroota Iraan keessa seenanii turanii ta'uu danda'a.

Networkiiwwan kompiyutaraa ittisa qilleensaa fi kominikeeshinii waraanaa duuba jiran qiyyaafannoo haakarootaa ta'uun isaanii waan hin oolle.

Gabaasni gaazexaan Financial Times madda isaa hin eerre wabeeffachuun baase akka agarsiisutti Israa'el networkii hordoffii jabaa gochuuf akka ishee dandeessisu kaameeraawwan nageenyaa fi tiraafikaa daandiiwwan Iraan gubbaa jiran buttee turte.

Toora kaameeraawwan kanneeniin boodarra kan haleellaan irratti raawwatame Ayaatolaa Alii Kaamenii fi ajajooni waraanaa isaanii "oolmaan guyyaa guyyaa isaanii" maal akka fakkaatu akka qoratame gabaasni kun ni agarsiisa.

Kaameeraawwan intarneetiin hidhata qaban "gatii gadi aanaan sochii karaarraa, kan dhaabbilee fi kaan kan yeroo sirrii waan agarsiisaniif" waraana saayibarii keessatti qiyyaafannoo ta'aa dhufuu isaanii ogeessi basaasa balaa saayibarii kaampaanii sekkuritii 'checkpoint' jedhamuu Sargee Shaayikeeviich ni hima.

Ragaan akkanaa hoii basaasaa idilee basaastota bobbaasuu waliin walitti dabalamee hojiirra akka oolu kanneen yaada kennan ni himu.

Waraana Israa'el keessatti ispeeshaalistii ittisa haleellaa saayibarii duraanii kan taate Taal Kooleendar, " yeroo baay'ee addunyaan saayibarii meeshaa murteessaa abbummaan isaa kan keenya ta'ee miti.

Haala naannoo odeeffannoo bifa qabsiisuuf kan tumsuufi duula lafarraa kan deeggaru meeshaa dandeettii cimsudha" jetti.

Jeeneraal Daan Keen qondaala waraanaa US beekamaa dha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeeneraal Daan Keen qondaala waraanaa US beekamaa dha

Iraan irratti haleellawwan jalqabaa raawwataman booda ibsa miidiyaaf kennameen Jeneraal Keen, Ajajoota saayibarii fi hawaa Ameerikaa "warra tarkaanfii jalqabaa fedhate" jechuun ibse.

Kunneen "dandeettii waa arguu, qunnamtii fi deebii kennuu Iraan akka daangessanii" fi gufachiisan eeruun jajan.

Fakkeenyaaf, Jeettiin lolaa gara Ayaatolaa Kaamenii deemu ilaalchisee gareen nageenyaa isaa odeessa akeekkachiisaa akka isa bira hin geenye gochuuf bantiiwwan bilbiloota moobaayilii butuu ykn balleessuu fa'i raawwatamee ta'uu danda'a jedhu kanneen yaada kennan.

Gochi akkasii raawwatamuu wanti mirkanaaye hin jiru. Garuu waraana akka Yukreen keessatti wanti akkasii raawwatamee agarreerra.

Ministirri Waraanaa US Piit Heegseet ibsa dhiyoo miidiyaaf kennerratti "miseensonni waraanaa Iraan qindaawuu fi haleellaa itti aanu gaggeessuu mitiitii, walitti dubbachuu fi wal qunnamuuyyuu hin danda'an ture" jechuun boonaa dubbate.

Dubbiin isaanii kun haala duula Tiraamp itti Pireezdaantii Veenzuweelaa Nikoolaas Maduuroo biyya isaa keessaa fuudhanirratti milkii dubbateen wal fakkaata.

Tiraamp "Gahumsa addaa nuti qabnuun ibsaawwan Karakaas (magaalaa guddoo Veenzuweelaa) baay'een dhaamanii turan" jechuun duula booda dubbachuun isaa ni yaadatama.

Piit Heegseet, Ministira waraanaa US ibsa miidiyaaf wayita kennaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Piit Heegseet, Ministira waraanaa US ibsa miidiyaaf wayita kennaa ture

Pireezdaantichi haasawa isaanii kanaan haleellaan saayibarii raawwatamuu isaa akeekaa jiru moo miti waan beekame hin jiru.

Haa ta'uu malee Tiraampi sanada dhiyeenya tarsiimoo saayibarii Ameerikaa maxxanfame irratti humnoonni saayibarii US "waytii duula waraanaa mudaa hin qabne goonu kanatti diinonni keenya akka hin ilaallee fi hin hubanne" godhan jechuun jajan.

Dabalees, Israa'el appilikeeshinii beekamaa Iraan keessatti sa'aatii kadhannaa ittiin guuttatan kan namoonni miliyoona shan caalan buufatan (download godhatan) 'Baadeesaabaa' buttee jirti himanni jedhus irratti dhiyaata.

Iraanirratti boombiin roobuu akka eegaleen fayyadamtoota appilikeeshini kanaa "gargaarsi dhaqqabeera" yaadachiisni (notification) jedhu akka isaan qaqqabe Rooytarsi gabaaseera.

Ministirri waraanaa US Piit Heegseet "duulli siistamoota ajjeechaa ittiin raawwatamu" adamsuu itti fufuu ibsa isaanii tibbanaa irratti kaasun sadarkaa waraanni irra gahe ammaa kanatti saayibariin gahee ijoo akka qabu ibsan.

Iraan keessatti qiyyaafannoo waraanaa adda baasuuf akka dandeessisu oppin soors intalajens (odeeffannoowwan eenyufuu ifa ta'an), xiinxala suuraa saatalaayitii fi basaasa saayibarii hojiirra akka oolchan hubachiisan.

Tajaajilli hubannoo nam-tolchee (AI) sadarkaa olaanaan hojiirra oolaa jiraachuu akka danda'an ni tilmaamama.

Kana ilaalchisee haalli mul'isu kan barame qondaalota waraanaa hojiirra turan Hegseet yoo galateeffatan waan argamnaani.

Ministirichi "wanta warri Iraan gochuuf yaalan qiyyaafannoowwan godhannu, kan argannuu fi qixeessinuuf karaa itti ammayyeessuu dandeenyurratti dargaggeessa hojjetu waliin dubbadheen ture" jechuun haala ragaa dabalataa kennuurraa of qusachuutiin dubbatan.

Hurrii waraana saayibarii

Ameerikaa fi Israa'el Iraanirratti seenaa dheeraa haleellaa saayibarii raawwachuu qabu. Gocha isaanii kana garuu iccitiidhaan qabatu.

Fakkeenyaaf, Haleellaa saayibarii dhaabbata gabbisa yuraaniyemii Iraan irratti bara 2010 raawwatan 'butiinsa istuuksineet' ilaachisee aangawoonni ammallee odeessa bal'aa hin kennan.

Bara 2022 immoo Israa'el garee saayibarii michuu Israa'el ta'e 'Pireedaatorii Ispooroowu' jedhamuun Iraan keessatti kan argamu warshaa sibiilaa irratti miidhaa dhaqqabsiifte himanni jedhu irratti dhiyaata.

Ogeessi ittisa saayibarii waraanaa duraa Israa'el Koolendar, "biyyi tokko dandeettii qabu, ykn duula raawwatu tokko ifatti yoo hime, teeknikoota, qabxiilee seensaa fi maddeen basaasaa balaaf saaxiluu danda'a. Kunis diinni balbala kanneen akka cuccufu gochuu danda'a" jetti.

"Addunyaa saayibarii keessatti yeroo baay'ee hammi dandeettii tarkaanfii fudhachuu keetii kan shallagamu masaanuun kee gochicha akkamiin akka raawwatu wallaaluusaarratti hundaa'eeti" jetti ogeettiin tun.

Dr Louise Marie Hurel ogeessa Royal United Services Institute irraa yoo ta'an ragaalee Ameerikaan ifa gooteen dinqamaniiru.

Seera waraanaa ta'ee akkuma waraana idilee haasawni haleellaa saayibariis haasawamuu akka qabu waraanni kun agarsiiftuu ta'uu himu.

"Haala ammaa kanaan "duulawwan waraanaa babal'aa fi yeroo gaaga'amaatti tumsi saayibariin dhiyeessu fi faayidaa tarsiimawaa ilaalchisee falmii gochuuf hiree ni uuma" jedhu.

"Saayibariin akka qaama haleellaa tokkootti beekkamtiin kan kennamuuf yooo ta'e, seera walitti bu'iinsa hidhannoo, madaalawaa fi dandeettii fayyadamuu jedhamee fudhatamuu dhimmoota qaban ilaalchisee gaaffilee ka'an haalan bifa qabsiisuuf i fayyada" jechuun ibsu.

Iraan haleellaa saayibariitiin eessa jirti?

Dhimmoota waraana kana keessa jiru hiibboo ta'an keessaa tokko Iraan damee saayibariin maqaan ishee ka'uu dhabuu dha.

Hanga yoonaa haleellaan saayibarii Iraaniin raawwatame kan kaampaanii teknolojii 'istiraayikar' jedhamurra gahe dha.

Yeroo dheeraaf Iraan biyya dandeettii haleellaa saayibarii raawwachuu qabdu godhamtee lakkaawamaa turte.

Gama warra lixaatiin haleellaa saayibarii Iraaniin dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaarratti godhamu qolachuuf qophiin godhamus garuu gama Iraaniin sochii jabaan hin godhamne.

Kaampaanii teknolojii 'istiraayikar' jedhamurra haleellaa saayibarii gahe booda hojjettoonni seenuu (log in) gochuuf rakkatanii ture.

Garee haakarootaa Iraaniin deeggaramu, waayippar' jedhamuun haleellaa gaheen odeeffannoon kaampaanichaa guutuun barbadaawuu ergaan hojjettootatti mul'ate. Kana televizhiniin mootummaa gabaasee ture.

Kaampaanichi bariitee ibsa baasen gufannaan odeeffannoo kaampaanichaa kana furuuf hojjechaa jiraachuu fi tajaajila dhiyeessurratti yaaddoon nageenyaa akka hin jirre ibse.

Waraana kana keessatti haleellawwan saayibarii biroo kan hin mul'atiniif Iraan waan of qusachaa jirtuufi yaadni jedhus kan namaa liqimfamuu miti.

Kanaafuu haleellaan saayibarii Israa'eliin raawwatamuun dandeettiin saayibarii Iraan hunkutaawuu ykn durumaa kan hin turree fi bakki hin malleef kennamuufii akeeka.

Dandeettiin saayibarii Iraan kan maqaa guddaa argate haleellaawwan babal'aa tana dura raawwatteeni. Tokko haleellaa bara 2012 kaampaanii guddicha boba'aa Saawudiirratti 'Araamkoo' irratti raawwatte.

Waayipper maalweer kan jedhamuun haleellaa raawwatameen kompiyuutaroonni kuma 30 ta'an faayidaan ala ta'a.

Gareen Haakarootaa Iraan waliin hariiroo qabu 'Handaalaa' jedhamu kaampaanii teknolojii medikaalaa US 'Istiraayikar' irratti haleellaan raawwates waayippar maalweer ta'uu gabaafame.

Iraan haleellaa saayibari malees bu'uuraalee murteessoorratti haleellaa ni raawwatti jedhamuu himatamti.

Ogeessi Royal United Services Institute, Dr Louise Marie Hurel dandeettii haleellaa saayibariif deebii kennuu haakaroota Iraan tuffachuun hin barbaachisu jedhan.