Sababa boba'aa Masiriin suuqiifi manneen nyaataa yeroon yoo cuftu, Awustiraaliyaan geejjiba ummataa bilisa goote

Madda suuraa, Getty Images
Sadarkaa idil-addunyaatti dabalaa jiraachuu gatii boba'aa hordofee Masiriin suuqiiwwaniifi manneen nyaataa yeroof akka cufatan yoo murteessitu, Awustiraaliyaan gamasheetiin geejjiba ummataa bilisa akka ta'u ajajjeetti.
Masiriitti waraana Iraaniin walqabsiisee daballii gatii olaanaa mudateen suuqiiwwan, manneen nyaataa fi kaaffeewwan yeroo haa cufaman kan jedhu tarkaanfii fudhatteetti.
Suuqiiwwan qinxaaboofi manneen nyaataa Kibxata irraa kaasee halkan sa'aatii sadiirratti akka cufaman murtaa'eera.
"Tarkaaniiwwan addaa" mootummaa Masiriin fudhate keessa ibsaawwan daandiirraa fi beeksisawwan daandiirraa akka dukkaneeffaman dabalatee torbanitti guyyaa tokko manaa hojjechuu dabalata.
Masiriin sababa walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaatti dhalateen cufamuu Ulaa Hormuuz dabalatee dhiyeessii boba'aa fi gaazii uumamaa isheerratti gufuu uumeera.
Dhiyeessiin karaa ulaa kanaa guutummaan guutuutti erga citeen booda gatii boba'aa idil-addunyaarra daballiin baayyee guddaa ta'e mudachuu hordofee gatii nyaataa, qorichaa fi meeshaalee biroorratti dhiibbaa geessisaa jira.
Masiriin waraanicha keessatti hirmaannaa qabaachuu baattus, hirkattummaan boba'aa alarraa galurratti qabdu dhiyeessii shaqaxaasheerratti dhiibbaa uumuun isaa hin oolle.
Ministirri muummee Masirii Mosxafaa Maadibulii Sambata akka ibsetti, baasiin boba'aa ji'a Amajjii keessa kan turerra dachaan dabalee dolaara biliyoona 2.5 qaqqabeera.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hoteelonniifi bakkawwan hawwata turiizimii tarkaanfii qusannaa boba'aa irraa bilisa ni ta'u jedheera mootummaan. Turiizimiin dinagdee Masirii harka kudhan keessaa tokko ta'a jedhamee tilmaamama.
Maariyootiifi Kosmoopoliitaan dabalatee hoteelonni Kaayiroo keessatti argaman baayyeen RFI'tti akka dubbatanitti, boba'aan yoo addaan citeef jecha jenereetaroota bitachuurra darbee manneen nyattaa keessummootaa banaa akka godhan ibsaniiru.
Hojjetoonni baayyeen torbanitti guyyaa tokko manuma ta'aan akka hojjetan itti himamus, hojjetoonni hospitaalota, manneen barnootaa fi warshaawwan keessa hojjetan barbaachisoo waan ta'aniif isaan hin ilaallatu jedhameera.
Mootummaan Masirii gatii boba'aa fi geejjiba ummataa dabaleera.
Pirojektoota boba'aa guddaa fayyadaman tursiisuu dabalatee konkolaatawwaan mootummaa durgoo boba'aa harka sadii keessaa tokkoon hir'isuu Rooyitars gabaaseera.
Gama kaaniin Awustiraaliyaan geejjiba ummataa bilisa akka ta'u murteessiteetti.
Buufataaleen boba'aa Awustiraaliyaatti argaman dhibbaan lakkaa'aman beenzilaa fi naafxaa qaban xiqqachaa fi gatiin isaa ammoo dabalaa waan dhufeef gatii waraana Baha Giddugaleessaa jalqabuun dura turerratti dhibbentaa 85 dabalaniiru.
Kana hordofee Meelboorn, Jiloong, akkasumas bulchiinsaawwan Viktooriyaa keessatti geejjibni ummataa ji'aa Eblaa bilisa ta'a jedhameera. Kun ammoo dhiibbaan qaala'insa jireenyaa akka hir'atu taasisa jedhu aanga'oonni.
Jiraattonni kan duraarra kan caalu awutoobusoota, baabura fi gurguddoofi xixiqqoo fayyadamuun dhiibbaa fedhii boba'aarra jiru ni hir'isa jechaa jiru aanga'oonni.
Anga'oonni fiigichi boba'aa bitachuuf taasifamu dhiibbaa uumuu isaa ibsuun, hanga ammaa garuu dhiyeessii boba'aarratti wanti hir'ate akka hin jirre dubbataniiru.












