Koronaavaayiras: Doonaald Tiraamp dhumarratti ummata fuulduratti maaskii godhatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp eega weerarri koronaavaayiras mudatee as yeroo jalqabaaf ummata fuuldura maaskii godhatan.
Pirezidaantichi hospitaala waraanaa Waaltar Reed kan Waashingitaniin alatti argamu daawwataa turan. Isaanis loltoota madaaβanii fi ogeeyyii fayyaa waliin wal wal arganiiru.
βMaaskii godhachuun rakkoo hin qabu, taβus garuu bakkaa fi yeroo mataasaa qaba jedhee amana,β jedhan yeroo Waayit Haawusii bahan.
Pireezidaantichi asiin dura maaskii hin godhadhu jedhanii kan turan yoo taβu, morkataasaanii kan warra Dimookiraatotaa kan taβan Joo Baayideen maaskii godhachuusaaniitti qoosanii turan.
Kaleessa akkas jedhan: βHospitaala keessatti keessumaayyuu yeroo namoota hedduu fi loltootatti haasoftu maaskii godhachuun gaariidha jedhee yaada.β
Donaald Tiraamp torbee darbe yeroo 'Fox Business Networkβtti dubbatan: βMaaskiin na waliin ni deemaβ, jedhanii turan.
Giddugalli Ittisa Dhibee US (CDC) jiβa Ebla keessa tatamsaβinna vaayirasichaa ittisuuf bakka namoonni itti baayβatanitti maaskii godhachuun gaariidha jedhus pirezidaanti Tiraamp garuu tarkaanfii kana hojiirra akka hin oolchine dubbataniiru.
βWaan godhadhu natti hin fakkaatu,β jedhanii turan yeroo sattis. βYeroon pirezidaantota, Ministaroota Muummee, abbootii hirree, mootota, giiftiiwwan naga gaafadhu maaskii godhachuu? β Natti hin mulβanne,β jedhanii turan.
Midiyaalee tokko tokkoos gargaartoonni isaa yoo xinnaate al tokkicha ummata fuulduratti akka maaskii uffatuu gaafataa turan.
Haalli ammatti US keessa jiru maal fakkaata?
Saβaatii 24 darbanitti biyyattiitti namoonni 66,528 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Eega weerarri koronaavaayiras eegalee kaasee namoonni 135,000βtti siiqan duβaniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.
Luuziyaanaan naannoo yeroo dhihotti ummata fuulduratti maaskii godhachuu ajajje taateetti.
Bulchaan Luuziyaanaa kan warra Dimookiraatotaa taβan manneen dhugaatii akka cufaman ajajaniiru. Manneen nyaataattis maamiltoonni keessa seenanii tajaajila akka hin arganneef ajaja jabaa dabarsaniiru.
Tarkaanfiiwwan kunneenis guyyaa Wiixataarraa hojiirra ni oolfamu.
Teeksaas keessatti guyyaa kaleessaa namoonni haaraa 10,500 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras




![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)








