Benishaangul Gumuzitti qondaaloti 40 hoggansa irraa ari'aman

Walitti buβinsa naannoo Benishaangul keessatti irra dedeebiin mudataa ture hordofee qondaalonni naannichaa 40 tahan hoggansa irraa ari'amuu paartiin Badhaadhinaa beeksise.
Isaan keessaa 10 kan tahan qoratamaa jiru jechuun waaβee warra kaanii ibsa balβaa hin kennine paartichi.
Walitti buβinsaa sabaa naannichatti hammaate toβachuuf aanoleen Naannoo Benishaangul Gumuz shan toβannoo humna waraanaa jala galaniiru.
Walitti buβinsa sabummaa irratti xiyyeefachuun naannichatti uumamaa tureen namootni 'baayβeen' ajjeefamanii hedduunis qeβee isaaniirra buqqaβaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa mootummaatti hidhata qaba jedhamu walitti buβinsi naannichaa lammiilee nagaa irratti xiyyeefate akka isa yaaddesse ibseera.
Haleellaa Jimaata gara bariitti raawwateen yoo xiqqaate namootni 15 yoo ajjefaman, isaan keessaa afur dubartoota turan.
Haleellaa jalqaba jiβa kanaatti raawwateen ammoo namootni 30 yoo ajjeefaman, aktivistootni tokko tokko ammoo lakkoofsi namoota ajjeefamanii 80 gahuu akka dandaβu himuu isaanii ripportera BBC Afaan Amaaraa Qaalkidaan Yibelxaaltu gabaase.
Irra caalaan namoota miidhaan irra dhaqqabee saba Amaaraa fi Agaw irrati jedhame.
Haleellicha duuba qaamni akkamii akka jiru ammatti ifatti waanti himame hin jiru.
Dilbata darbe mootummaan naannoo Amaaraa qondaalonni naannoo Benishaangul Gumuz walitti buβinsicha dhaabsisuuf gahee isaanii karaa guutuu bahataa hin jiran jechuun komatan.
Dubbii himaan naannoo Amaaraa naannoon isaanii ββobsa fixachuuββ dabaluun himan.
Itopphiyaatti walitti buβinsi sabummaa irratti xiyyeefate dabalaa deemuun, Ministira Muummee badhaasa Noobelii Nagaa bara 2019 moβataniif qormaata tahuutu himama.















