Waraana Iraanirraa eenyutu maal barbaada?

Madda suuraa, Reuters/Getty Images
Namoonni hedduun, tokkoon tokkoon namootaas ta'uu baatullee, waraanni kun saffisaan akka xumuramu barbaadu. Garuu waraanni kun akkamitti xumurama? Ejjennoowwan qaamolee garaagaraa kan itti gargar ta'an bakka kanatti.
USA
Kaayyoon waraanaa Preezdaant Donaald Tiraamp dhokataa wayiiti. Kaayyoon isaa Sagantaa Niwukilaraa Iraan fashalsuun hanga Iraan fedha US fi Israa'eliif harka kennachiisuu, sirna Rippaablika Islaamummaa Iraan keessaa guutuun burkuteessuu gidduu waan nanaanna'a.
Hanga ammaa, Iraan harka hin kennanne hin burkutoofnes. Garuu humni waraanaa ishee lola guyyoota 16tiin boombii roobaa tureen dadhabeera.
Faayila niwukilaraa Iraan ilaalchisee mariin al-kallattii jaarsummaa Omaaniin Jenevaatti US fi Iraan jidduutti Guraandhala darbe taa'ame jijjiirama agarsiisee ture.
Omaan akka jettetti Iraan marii sanarrratti hidhannoo niwukilaraa irratti yaada ishee jijjiiruuf qophii qabdi turte.
Kan Iraan irratti mari'achuuf qophii hin qabne sagantaa misaayelaa ishee haquu akkasumas garee hidhattootaa baha Jiddu-galeessaatti deeggartu, kanneen akka Huutii Yaman keessaa fi Hizboolaa Libaanon keessaa ture.
Abjuun Waashingtanii fi michoota ishee waraanni kun kufaatii bulchiinsa ayaatolaawwaniin ni dhumata, saffisaan karaa nagaatiin mootummaa dimookiraatawaa filamee fi uummata isaa fi olloota isaatti yaaddoo hin taanen bakka bu'a kan jedhu ture. Garuu, hanga Kibxata kanaatti mallattoon akkasii homtuu hin jiru.
Hawwiin lammataa US, Rippaablikni Islaamaa yoo akka malee madaaye amala isaa fooyyeffachuu, lammiilee isaa sarbuu dhiisuu fi milishoota finxaaleyyii naannichatti deeggaruu dhaabuu dha.
Ammas, Iraan hoggana haaraa filannaanis, hawwiin US kun dhugoomuu hin dandeenye. Ilmi Ayaatolaa Alii Kaamenii Mojtaabaan akkuma abbaa isaa kan mataa jabaatuu fi Waashigtan kan dallansiisu ta'aa jira.
Daballii gatii boba'aa, gariin ugguramuu ulaa Hormuuzii fi salphaatti lola kana keessaa galuun Ameerikaa karaan fagaachaa deemuun Ameerikaa lola Baha Jiddu-galeessaaa biraa keessatti danqaa jira. Pireezdaant Tiraamp lola kana akka dhaabu waamichi itti hammaachuun isaa waanhin oolle.
Sirni Teehraan keessaa kan damdamatu, itti fufuu fi dura dhaabbatu taanan Tiraampi kufaatii mataa isaa malee wanti akka sababaatti dhiyeeffachuu danda'u hin jiraatu.
Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan yoo danda'ame saffisaan waraana dhaabuu feeti. Garuu harka kennachuu hin feetu. Fedha Waashingtaniif jilbiiffachuus hin feetu.
Hiree tarsiimawaa Tiraampi caalu akka qaban ni beeku. Argamni Iraanis hiree olaantummaa isaaniif kennudha.
Iraan biyyoota Galoo galaanaa hundarra handaara galaanaa dheeraa qabdi. Hiree imala dooniiwwaniii yaaddessuu qabdi. Boba'aan addunyaa keenyaa 20% ta'u ulaa dhiphaa Hormuz jjedhamu daangaa ishee ta'erra darba.
Pireezdaant Tiraamp biyyoonni ulaa Hormuz akka eeganii fi imala dooniiwwanii Iraan akka hin danqine waamicha godhee ture. Biyyi jalaa owwaate hin turre.
UK, Awurooppaa fi biyyoonni kuun humna galaanaa isaanii achi erguun dooniiwwan daldalaa ajjabuun balaa qabaachuu akka danda'u yaaddoo qabu. Isayyuu waraana isaan hin deeggarre afootti.
Iraan waraanni akka dhaabbatu, kun wabii lammata deebitee akka hin rukatamnetti.
Iraan ammas US fi Israa'el irraa beenyaa waraanaa dolaara biliyoonaan lakkaawamuu feeti. Haleellawwan qilleensaan badii dhaqqaban kan bakka buusu. Akka hin arganne ni beekti. Garuu Eegdonni Warraaqsaa Islaamummaa damdamatanii jabina isaanii akka injifannootti uummataa fi addunyaaf mirkaneessuu fedhu.
Israa'el
Biyyoota walwaraana sadan – US, Iraanii fi Israa'el – keessaa kan waraana dhaabuuf hin jarjarre Israa'eli. Dandeettiin misaayeloota Baalastikii Iraan barbadaawuu qaba. Kuusaa isaa dabalatee, wiirtuu ajajaa fi to'annoo, raadaariiwwan haleellaa fi buufataaleen Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa barbaadaawuu akka qaban feeti.
Amma feetes barbadeessitu waraanni dhaabbannaan Iraan deebitee akka ijaartu ni beekti. Kanaafuu Israa'el warri Iraan deebisanii ijaaruun balaa akka qabu akka baran feeti. Humni qilleensaa Israa'elii yoomillee ji'oota jidduutti deebi'ee barbadeessuu akka danda'u itti agarsiisuu barbaaddi.
Israa'el sagantaan niwukilaraa fi misaayelaa Iraan balaa jiraachuu ishee akka ta'eetti laalti.
Iraan sagantaa kana itti turte hanga waraana kanaatti. Indaastirii misaayelaa fi diroonii jabaa ijaarratte. (Michuu ishee Raashiyaaf diroonota Shaahed kan Yukireen ittiin waraanaa turte kenniteef)
Iraan Yuraaniyemii 60% qulqullaayes gabbisaa jirti. Kun immoo gulantaa anniisaa tajaajila siviiliif ooluu oli.
Balaa lakkuu kanneentu mootummaa Neetaniyaahuu yaaddessa. Balaa Israa'el godhee yaada.
Biyyoota Galoo Galaanaa

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Galoo Galaanaa – Saa'udi Arabiyaa, UAE, Kaataar, Bahreen, Kuweetii fi Omaan – sirna Iraaniin wal cinaa jiraachuun rakkisaa miti jedhanii yaadu ture. Haga ammaa.
Waraana kanatti hirmaachuuf fedha dhabanis aarii qabu. Guyyuu diroonotaa fi misaayelaan haleelamu.
Wixata miilanaa qofa ministeerri ittisaa Saa'udii haleellaawwan 60 qolachuu ibse.
"Sararri diimaan darbameera", jedhe aangawaan biyya Galoo Galaanaa tokko.
Tehraanii fi nu gidduu wal amantaan badeera. Kana booda hariiroon keenya isa durii ta'uu hin danda'u.
















