Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniin bakka angawoonni US jiraatan samii marsite maali?
Dirooniin hin beekamne bakka jireenyaa qondaalota olaanoo Yunaayitid Isteet yeroo marsitu argamuun gabaafame.
Miidiyaan US Waashingitan Poost akka gabaasetti, dirooniin kuni buufata waraanaa Waashingitan irra marsite.
Achi keessammoo Ministirri Dhimma Alaa US, Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Waraanaa US Piit Heegiset jiraatu jedheera namoota sadii waabeffachuun.
Waraana US fi Israa'el Iraan waliin itti jiran keessatti kuni mul'achuun yaaddoo uumeera jedhameera.
Akka gabaasa kanaatti dirooniiwwan kuni eessaa akka dhufan qondaalonni adda hin baafanne.
Gama mootummaa Ameerikaas ifatti wanti jedhame hin jiru.
Erga diroonii samii buufata waraanaa Fort Maakneyir irratti mul'atte booda qondaalonni dhimmicha mari'ataniiru.
Akka gabaasa kanaatti, waraanni US dhimmicha itti dhiheenyaan qorataa jiru.
Dhimma kanarratti Ministirri Ittisaas ta'e Ministeerri Dhimma Alaa US waan dubbate hin qabu.
Waa'ee dhimmichaa gaafatamus hin dubbanne.
Waashingitan Poost waa'ee dhimma kanaa dubbii himaa Peentaagon Shoon Paarnel gaafatee ture.
''Sababa nageenyaan waajjirri keenya sochii Ministira [Ittisaa] dubbachuu hin danda'u, sochii akkanaa gabaasuunis itti gaafatamummaa dhabuudha,'' jechuun Waashingitan Poostitti himan.
Sababa waraana kanaa sochiin of eeggannoon haalaan cimeera.
Biyya keessa qofa osoo hin taane lammiileen US Giddugala Bahaa jiran gadhiisanii akka bahan akeekkachiifamanii turan.
Buufata waraanaa US'tti keessumaa guyyoota 10 darbe keessa keessumaa guyyaa tokkotti dirooniiwwan baay'ee mul'achuun gabaafameera.
Buufata kana keessa Yunivarsitiin Ittisa Biyyaalessaafi qondaalonni ijoo Peentaagon (Ministeera Ittisaa) keessa jiraatu jedhameera.
Kaappitol Hiil fi Masaraa Biyyaalessaa (Waayit Haawusitti) dhihoodhas, akka gabaasichaatti.
Dhimma kanarratti Waayit Haawusitti mariin taasifamuufi Rubiyoofi Heegiset bakka biraa akka jiraatan gochuuf yaadni ka'eera jedhameera.
Ta'us, hogganni bakka biraa geeffamee hin jiru jedha gabaasichi.
Sababa waraana adeemaa jiruun embasiiwwan US addunyaarra jiraniifi buufatawwan waraanaa US keessa jiraniif akeekkachiisni kennameera.
Gaafa Kibxataa Ministirri Dhimma Alaa US sakattaa nageenyaa atattamaa akka gaggeessan ajajeera jedhameera.
Waraana Yunaayitid Isteet fi Israa'el Iraan haleeluun Guraandhala 28 eegale ammallee hin dhaabatiin jira.
Haleellaa biyyoota lamaan hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaa Ali Kaamenii dabalatee hoggantoonni olaanoo biyyattii ajjeefamaniiru.
Kanneen ajjeefaman keessaa tokko hogganaa olaanaa nageenyaa Iraan Ali Laarjaaniidha.
Aliin torbanuma darbe keessa doorsisa Tiraampiif hin jilbeeffannu, Tiraamp mataan isaanii ''galaafatamuu'' malu jechuun doorsisanii turan.
Haleellaa irratti raawwatu haaloo bahuuf Iraan immoo biyyoota Galoo Galaanaa michuuwwan Yunaayitid Isteet ta'anitti misaa'elaafi diroonii dhukaasaa jirti.